ODUUSIYAASA

Oduu: Mootummaan naannoo Amaaraa TPLF ‘naannoo too’ate saffisaan akka gadhiisu waamicha dhiyeesse

Finfinnee, Ebla 17, 2024 – Mootummaan naannoo Amaaraa Addi Bilisummaa Ummata Tigraay (ABUT) Waliigaltee Piritooriyaa “guutumaan guututti akka kabajuu” fi “naannoowwan dhiheenya kana qabate saffisaan akka gadhiisu” waamicha dhiyeesse.

Mootummaan naanichaa ibsa ganama har’aa baaseen, kuni hin ta’u taanaan “mootummaan [naannichaa] fi ummanni naannoo Amaaraa obbolootaa fi obboleettii Itoophiyaa biroo waliin ta’uun biyyattii badiisa irraa baraaruufi uummata keenya hokkorarraa ittisuuf kan dirqamu” ta’uu akeekkachiiseera.

“ABUT diinota keessaafi alaa waliin tumsuun karaa kaabinee Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraayiin ibsa Bitootessa 25, 2024 baaseen kitaaba barattootaa naannoo Amaaraa sababa godhachuun ifatti waraana kakaaseera” ibsichatu jedhe.

Mootummaan naannoo Amaaraa dabalataan akka ibsetti, aanga’oonni naannoo Amaaraafi federaalaa Finfinnee irra deddeebiin gareen kun “waraana dhiigaa marsaa sadan darban irraa barachuu danda’a” jedhanii abdachuun ABUT waliin mari’achuuf yaalanii turuu erreera..

Haa ta’u malee, ABUT “carraa nageenyaa kana cinaatti dhiisuun Raayyaa,Alamaaxaa, Raayyaa Baalaa, Oflaa, Kooramiifi Zaattaa dhuufateera.

Waldhabdee tibbana Raayyaa Alaamaaxaatti tibbana mudate hordofee namoonni 3,000 hanga 5,000 ta’aniifi aanga’oonni gara magaala Qobbootti dheessaniiru. Namoonni tokko tokko guyyaa kaleessaa gara qe’eesaaniitti deebi’uunis himameera.

Sababni jeequmsa kanaa falmisiisaa kan ta’e yoo ta’u, qondaaltonni naannoo fi jiraattonni sababa adda addaa dhiyeessaniiru.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Gariin “humnoonni ABUT” walitti bu’iinsa kana kan jalqaban ta’u yoo himan bulchaan Zoonii Kibba Tigraay immoo hidhattoonni naannoo Taa’oo jedhamuun irraa gara tika milishaa Tigraayittirratti tarkaanfii dudhachuu hordofeee lolli eegalamuu himeera.

Mootummaan Naannoo Amaaraa “jibba hundee fageeffateerraa” kan ka’e “waraana dhiiga dhangalaasaa dhuma hin qabne ummata Amaaraarratti banuun” ABUTiin yakkeera.

“Hawaasni addunyaa weerara ABUT cimsee akka balaaleffatu” waamicha dhiyeesse. Humnoonni nageenyaa “ummata gurmeessuu fi naannoo isaa eeguun itti gaafatamummaa seenaa isaanii akka ba’an dhaamaniiru.

Lammiileen “olola sobaa fi gidduu seentoota irraa of eeguu” fi “mootummaa cinaa akka dhaabbatan” waamicha taasiseera. Ibsa miidiyaaf guyyaa har’aa laateen, itti aanaan pireexidaantii Bulchiinsa Yeroo Tigraay Taaddasee Warradawarq moootummaan naannichaafi federaalaa bulchiinsa humnoota Amaaraatiin Lixa Tigraayitti, Tsallamtittifi iddoolee kibba Tigraay too’annoo jala jiran tokko tokko keessatti ijaaraman diiguurratti waliigaleera” jedhe.

Tarkanfiinjalqabaa humnoota hidhatan bittinneessuun “bulchiinsa heeraan ala ta’e” diiguufi inni itti aanu sirna haqaa ijaaruu ta’uu Taaddaseen dubbateera. Haa ta’u malee, gareen hidhatan kunneen adeemsa kanatti rakkoo ta’uu eereera.

Mootummaan naannoo Amaaraa, gamasaatiin, iddooleen kunneen kanaan dura daangaasaa turuufi humnaan ABUTiin weeraramuu himata.  

Jiraattonni naannawa sanaa “gaaffileen eenyummaafi ofiin of bulchuu’ fi mirgi akka kabajamuuf gaafachaa turuu “ragaaleen seenaa heduu ni agarsiisu” jedheera.

Waraanni waggaa lama ture kan Waliigalte Piriitoooriyaatiin goolabame yeroo turetti naannoleen kunneen “bilisummaa goonfachuun” gaaffiin eenyummaafi ofiin of bulchuu kan humnaan dhabanii turan argachuu danda’uu ibsameera.

Paartiin Sochiin Biyyaalessaa Amaaraa, ibsa Wixata baaseen,  ABUT “diina bara baraa uummata Itoophiyaa” kan ta’e si’a afraffaaf  uummata keenya weerareera” jedhe. Mootummaan naannichaafi federaalaa gochaa kana hatattamaan akka dhaabsiisan gaafateera. AS

Related Articles

Back to top button