ODUUSIYAASA

Oduu: Somaaliyaan Ambaasaaddarri Itoophiyaa sa’aatii 72 keessatti biyyattii gadhiisanii akka bahan ajaja dabarsite

Finfinnee, Ebla 05/2024 – Ministeerri Dhimma Alaa fi Tumsa Idil-addunyaa Somaaliyaa ibsa har’a waaree booda baaseen, Somaaliyaatti Ambaasaaddarri Itoophiyaa Muktaar Mohaammad Waaree “sa’aatii 72 keessatti Somaaliyaa gadhiisanii akka bahan itti himamuu” beeksiseera.

Kana malees, Ambaasaaddarri Somaaliyaa Finfinnee jiran “mariif gara Moqaadishootti akka deebi’an waamamuu” ibseera.

“Tarkaanfiiwwan kunneen dantaa abbaa biyyummaa, tokkummaa fi walabummaa Rippabiliika Federaalaa Somaaliyaa eeguuf kan fudhataman” ta’uu ibsi ministeerichi baase kun ni eera.

Tarkaanfiin kun, Manni Maree Ministirootaa Somaaliyaa “gochaalee mootummaan Itoophiyaa abbaa biyyummaa fi dhimma keessoo Somaaliyaa cabsan” jedheef murtee akka deebiitti dabarse ta’uu ibsameera.

Kana malees, Qoonsilaa Jeneraalaa Itoophiyaa Hargeessaa (magaalaa guddoo Somaalilaand), akkasumas Gaaroowee (magaalaa guddoo Puuntlaand) argaman “guyyoota torba keessatti akka cufaman” ajajni darbuu Ministeerri Dhimma Alaa fi Tumsa Idil-addunyaa Somaaliyaa beeksiseera.

Mootummaan Somaaliyaa Ambaasaaddar Muktaar Mohaammad Waaree gara Finfinnee akka deebi’an taasisuu, akkasumas waajjiraalee qoonsilaa Itoophiyaa bulchiinsota Somaalilaand fi Puuntlaand keessatti argaman cufuu har’a gabaafamaa tureera.

Amajjii 01, 2024 Ioophiyaa fi Somaalilaand gidduutti waliigaltee walhubannaa Itoophiyaaf buufata waraanaa liiziidhaan akka argattu taasisu fi Somaalilaandiif ammoo beekamtii idil addunyaa argamsiisa jedhame mallatteeffamu hordofee hariiroon dippilomaasii Itoophiyaa fi Somaaliyaa gidduu ture gara waldhabdeetti jijjiirameera. 

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Somaaliyaan, waliigalteen kun “abbaa biyyummaa fi tokkummaa daangaa koo kan sarbu” jechuun mormiteetti. Tarkaanfiin kun biyyoota adda addaa irraas deebii garagaraa akka laatamu kan taasise yoo ta’u, baay’een isaanii abbaa biyyummaa fi tokkummaa daangaa Somaaliyaa akka deeggaran ibsaniiru. AS

Related Articles

Back to top button