ODUUSIYAASA

Oduu: Kiristaan Taaddalaa dabalatee namoonni yakka shororkeessummaan himataman mana murtii dhiyaatan

Finfinnee, Bitootessa 30/2024 – Miseensi Paarlaamaa Kiristaan Taaddalaa, miseensa Mana Maree Naannoo Amaaraa Yohaannis Buwaayaaloo fi miseensa Mana Maree Magaalaa Finfinnee Kaasaa Tashaagar dabalatee namootni galmee isaanii jalatti yakka shororkeessummaan himataman Jimaata darbe Mana Murtii Ol’aanaa Federaalaa Dhaddacha Ramaddii Lidataatti dhiyaataniiru. 

Himatamtoonni kunneen beellamni mana murtii jalqabaa isaanii Ebla 5tti kan beellamame ta’uus, namoota 52 himannaan shororkeessummaa irratti baname keessaa 14 kaleessa mana  murtii dhiyaachuu maatiin Addis Standarditti hime. 

Miseensi maatii Kiristaan Taaddale, Kiristaanis ta’e abukaatoon isaa dhaddacha jijjiiramee beellamame quba akka hin qabne ibseera. “Sa’aa booda nyaata yeroo geessinuuf guyyaa sana mana murtiitti akka dhiyaatu hin beekan turan. Erga deemnee booda naannoo sa’aatii 8:00tti mana murtii akka geeffaman dhageenye,” jedhe.

Miseensi maatii himatamaa Yohaannis Buwaayaaloo kan biraa Addis Standard’tti akka himanitti, dhaddacha Jimaata ture irratti maatiin gara mana murtii akka hin seenne dhorkamuun dhaddachi cufaan gaggeeffamuu himan.

Roobii darbe, Ministeera Haqaatti daareektoreetii abbaa alangaa dhimmoota yakkoota gurmaa’aniifi daangaa cehan, Yohaannis Buwaayaaloo fi Kiristaan Taaddale dabalatee namoota 52 irratti himata yakka shororkeessummaa banuu beeksise ture.

Namoota abbaan alangaa himata irratti bane keessaa Yohaannis Buwaayaaloo, Kiristaan Taaddale, Dr Kaasaa Tashaagar, Balaay Addaamuu, akkasumas kanneen sochii hidhannoo naannoo #Amaaraa hogganaa jiran [Iskindir Naggaa fi Zammane Kaasee] keessatti argamu. 

Himatni irratti baname akka jedhutti, himatamtoonni kaayyoo Mana Maree Tokkummaa Faannoo Amaaraa hundeessan galmaan gahuuf yaadama “biyyattiin yaadama Amaaraatin buluu qabdi” jedhuun humna ijaaruun miseensota humna nageenyaa fi lammiilee nagaa irratti haleellaan akka raawwatamu taasisuu ibsameera. 

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Haleellaan kanaanis lubbuu qaamolee nageenyaa fi lammiilee nagaa 1,100 caalan galaafachuu eerameera. Akkasumas qabeenya mootummaa fi uummataa irratti miidhaa ulfaataa akka gahuu taasisaniiru jedha himatni irratti baname.

Abukaatoon himatamtoota kanneen kan ta’an Solomoon, maamiltoonni isaanii mana murtiitti akka dhiyaatan Addis Standard’f mirkaneessaniiru.

Akka Solomoon jedhutti, abukaatonni maamiltoota isaanii waliin wal arguuf carraa waan hin arganneef himata dhiyaate sirnaan ittisuu akka hin dandeenye mana murtiitti iyyannoo dhiyeessaniiru. Manni murtichaas iyyannoo isaanirratti hundaa’uun dhaddacha kana gara guyyaa dursa beellamame ture, Ebla 05tti jijjiireera. 

Dhaddacha kaleessa tureen abbaan alangaa “yaaddoo baay’ina hidhatoota” eeruun himatamtoonni waajjira qorannoo yakkaa komishinii poolisii federaalaa irraa akka dabarfaman gaafateera. Haa ta’u malee, abukaatoon himatamtootaa kan ta’an Solomoon gaaffii jijjiirraa iddoo yaadame kana “yeroo isaa kan hin eegne” jechuun morman. Manni murtichaas gaaffii abbaan alangaa himatamtoota bakka biraatti jijjiiruuf dhiheesse kuffiseera.

Kana malees, himatamtoonni dhimma mirga namoomaa ilaalchisee komii dhiyeessaniiru. Yohaannis Buwaayaaloo namoota himataman bakka bu’uun komii isaanii kan ibse yoo ta’u, yeroo Awaash Arbaatti guyyaa 80f kutaa dukkanaa’aa keessatti hidhamuu fi yeroo ammaa ammoo komishinii poolisii federaalaa Finfinneetti kutaa lafa jalaa hidhamuu mana murtiif ibsan. 

Dabalataan , Yohaannis Buwaayaaloo isaan dabalatee himatamtoonni 11 maatii isaanii waliin daqiiqaa 10f qofa qunnamuu akka eeyyamamuufi, akkasumas abukaatoos ta’e gorsitoota amantaa isaanii waliin wal arguun akka hin hayyamamneef mana murtiif beeksisaniiru.

Manni murtiis komii himatamtoonni dhiyeessan erga dhaggeeffatee booda tarkaanfiin sirreeffamaa akka fudhatamu ajaja dabarseera. AS

Related Articles

Back to top button