ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Aanaa Jiillee Dhummuugaatti haleellaa hidhattoota Faannoo fi humnoonni poolisii raawwataniin namoonni 27 ajjeefaman

Finfinnee, Bitootessa 20/2024 – Naannoo Amaaraa Godina Addaa Saba Oromoo, aanaa Jiillee Dhummuugaa keessatti “haleellaa qindaa’aa” hidhattoota Faannoo fi humnoota uffata poolisii naannoo Amaaraa uffatan Bitootessa 09, 2024 irraa eegalee bananiin jiraattotni aanichaa 27 yoo ajjeefaman, kanneen 40 ol ta’an ammoo madaa’uu jiraattonni himan. 

Lolli kun guyyoota 11 dura kan eegalame wayita “hidhattoota Faannoo fi poolisii naannichaa jiraattota aanichaa irratti rasaasa dhukaasan” akka ta’e kan himan jiraattotni, lola ofirraa qolachuuf jiraattotni naannichaa itti galan keessa namootni ajjeefaman jiraachuus eeraniiru. 

Guyyoota kudhanii oliif gandoota aanaa Jiillee Dhummuugaa keessa argaman 20 keessatti lolli itti fufuus jiraattoonni Addis Standard dubbise himaniiru. 

Jiraataan ganda Kollaashii, gandoota aanaa Jiillee Dhummuugaa keessa tokko, maqaan isaa akka eeramu hin barbaadne tokko Addis Standard’tti akka himetti, haleellaan jalqabaa Bitootessa 09 ganda Kollaashiitti gaggeeffame. “Haleellaa guyyaa san raawwataniin namni tokko yoo ajjeefamu, lama madaa’aniiru. Gareen Faannoo sun saawwanillee fudhatanii deeman,” jedhe. 

Ergasii haleellaan gara gandoota aanichaa garaagaraatti babal’achuu fi lola ofirraa qolachuuf jiraattotni naannichaa itti galan keessa lubbuun namoota dabalataa darbeera. 

“Gareen faannoo fi poolisii naannoo Amaaraa haleellaa qindaa’aa ganda Kollaashii kaasee hanga ganda magaalaa Sambatee daangeessutti gaggeessaa jiraniin daa’imman, maanguddoota fi dubartoota dabalatee namoota hedduu ajjeesaniiru. Dabalataan, manneen jireenyaa dabalatee qabeenya hedduu barbadeessan,” jedhe. 

Haleellaa hanga har’aatti itti fufee kanaan namoonni lakkoofsaan 27 ta’n ajjeefamuu kan eeru jiraataan kun, namoota miidhaan qaamaa irra gahe 40 keessaa kanneen gara 20 ta’an karaa naannoo Affaar qaxxaamuruun yeroo ammaa kana hospitaala magaalaa Adaamaatti yaala argachaa jiraachuu himeera. 

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

“Daandiin Finfinnee fi Dassee gidduu jiru waan cufameef namoota haleellaa kanaan miidhaman hospitaala geessuuf rakkanne. Baasii birrii hedduun karaa Affaariin imalanii Adaamaa gahan. Miidhamtoonni kaan ammoo magaalaa Sambatee fi Baateetti yaala argachaa jiru.”

Gandi Karra Abbaa Qarcoo, Aanaa Jiillee Dhummuugaa keessatti gandoota lola keessummeessaa jiran keessa isa tokkooti. Jiraataan gandichaa tokko haleellaa tibbanaa ilaalchisee yaada Addis Standard’tti laateen, haleellaa lubbuu namoota hedduu galaafachaa jiru kun ammallee kan itti fufe ta’uu eeruun “kaayyoon haleellaa kanaa akkuma yeroo kaanii jiraattoota lafa kanarraa buqqaasuufi” jedhe. 

“Lafa keenya irraa deemaa, lafti kun keenya, wanti godina addaa jedhamu hin jiru” jechuun nuun doorsisuu kan jedhu jiraataan ganda Karra Abbaa Qarcoo kun, haleellaan ammaa kunis akkuma kanaan duraa baatii Ramadaanaa eeggatee gaggeeffamuu hime. 

Haleellaa kanaan jiraattota gandoota Kollaashii, Naannooftuu, Wasan Qurqurii fi Baalcii hedduu du’uu fi miidhamuu eereera. “Ganda Wasan Qurquritti daa’immanii fi maanguddoota dabalatee miseensa maatii tokko ajjeefamaniiru,” jedhe. 

Akkasumas ganda Shiishuwaa jedhamutti manneen jireenyaa fi qabeenyi hedduu gubachuu dabaleera. 

Addis Standard dhimma kana ilaalchisee aanga’oota godina fi aanichaa qunnamuuf yaaliin taasise hin milkoofne. 

Godina Addaa Saba Oromoo yeroo garaa garaatti walitti bu’iinsa fi sarbama mirgaa hamaa keessummeessaa turuu gabaafamaa tureera. Jiraattoonni godinichaa haleellaa irra deddeebiin raawwatamu kanaaf addatti “garee hidhattoota Faannoo fi humna addaa naannoo Amaaraa” himatu. AS

Related Articles

Back to top button