SIYAASAXIINXALA ODUU

Oduu: Ergamaan addaa Ameerikaa marii raawwii waliigaltee Piriitooriyaarratti ni hirmaata jedhame

Finfinnee, Bitootessa 07, 2024 – Gaanfa Afrikaatti ergamaan addaa Ameerikaa Maayk Haamar marii raawwii waliigaltee Piriitooriyaa gamaaggamuuf Gamtaan Afrikaa qopheessu kan Bitootessa 7- 13 magaala Finfinneetti gaggeeffamurratti kan hirmaatu ta’uu ministeeri dhimma alaa Ameerikaa beeksise.

Akkasumas, mariin Finfinnee akka xumurameen Maayk Haamar gara Londooniifi Room kan imalu ta’uu ibsi ministeerichaa ifoomseera.

 “Waraanni dhaabbatus tarkaanfiilee dabalataa kan akka hidhannoo hiikkachiisuu, hidhattoota gaggeessuufi deeebisanii ijaaruu, haqa ce’umsaa amansiisaa mirkaneessuu, namoonni qe’eerraa buqqaafaman deebisuu fudhachuun nageenya waaraa buusuuf barbaachisaadha,” ibsicha tu jehde.

Kana malees, aanga’oota mootummaa Itoophiyaatiin walqunnamuun “hokkora naannolee Amaaraafi Oromiyaa keesattii mula’tuu fi kan naannichatti [Gaanfa Afrikaa] irratti ni mari’atu.”   

Mariin gamaaggama raawwii waliigaltee Piriitooriyaa si’anaa kuni erga waliigalteen raawwatame isa jalqabaati. Mariin kuni kan karoorfame erga bulchiinsi naannoo Tigraay mootummaa Itoophiyaa waliin karaa Gamtaa Afrikaatiin mari’achuu barbaadu ibsuu hordofeeti.

“Mariiwwan kanaan booda gaggeeffaman karaa koree Gamtaa Afrikaatiin akka gaggeeffamu murteessuu,” manni marii naannichaa murtee dabarsuu ibsee ture.

Bulchiinsi yeroo naannichaa mariin Gamtaa Afrikaa, taajjabdootaafi aanga’oonni mootummaa federaalaa irratti hirmaatan torbanoota itti aananitti akka gaggeeffamu ibsee ture. Marii kanaan rakkoo waliigaltichi akka hojiirra hin oolle danqaniifi raawwii waligaltichaarratti kan mari’atamu ta’uu ifoomsee ture.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Haa ta’u malee, sababa hojiirra oolmaa waliigaltee Piriitooriyaatiin walqabatee mootummaa federaalaafi bulchiinsa yeroo Tigraay gidduutti waldhabdeen uumamee jira. Dhimmi daangaa Lixaafi kibba Tigraay hanga yoonaatti osoo hin furmamin tureera.  Kana malees, humnoonni Eritraa Tigraay keessaa guutumatti hin baane.

Gareen lamaan, mootummaa federaalaafi bulchiinsi naannichaa, rakkoo beelaa naannoo tigraayitti mudateerratti deebii kennuurratti duubatti harkifachuun himatamaniiru. Akkasumas, adeemsa hidhannoo hiikkachuufi loltoota Tigraay hiikkachiisuufi deebisanii ijaaruu duubatti harkifateera.

Bitootessa 09, MM Abiy Ahmad fi kaabineen isaan jila Geetaachoo Raddaatiin durfamu simachuun dhimma raawwii waliigaltee Piriitooriyaarratti mari’ataniiru.

Mootummaan federaalaa waa’ee marichaa ifatti ibsuu baatus Geetaachoo Raddaa haalli qubsuma lixa Tigraay sababa qe’eerraa buqqaafamaniif jijjiiramuu eeruun filannoo uummataa (riifarandamii) gaggeessuun kan hin danda’amne ta’uu ibsaniiru.

Ministeerri raayyaa ittisa biyyaa Abrahaam Balaay namootaa lixa Tigraayii buqqaafaman gara qe’eesaanii deebisuun “filannoo uummataataa gaggeessuun waldhabdee daangaa jiru furuu karaa bana,” jechuun guyyoota sadi dura dubbateera.

Abrahaam afgaaffii miidiyaa mootummaa walii taasiseen, hanga filannoon uummataa gaggeeffamuutti, “naannoo lixa Tigraayitti caasaa bulchiinsa yeroo kan baajata qajeelaatiin deeggaramu” kan ijaaramu ta’uu himeera.

Naannoo lixaafi kaaba lixa Tigraayii hanga ji’a Amajjiitti namoonni 7,000 ta’an buqqaafamanii kan argaman ta’uu Addis Standard gabaasee ture. Naannoleen kunneen too’annoo humnoota naannoo Amaaraa jalatti waan argamaniif buqqaatonni kunneen magaala Indaabaguunaa kan Shireetti dhiyootti argamuutti dheessanii argaamu. AS

Related Articles

Back to top button