ODUUSIYAASA

Oduu: Bulchiinsi Yeroo Tigraay loltoota duraanii 100,000 ol hidhannoo hiikkachiisuu beeksise

Finfinnee, Bitootessa 12/2024 – Bulchiinsi Yeroo Tigraay loltoota duraanii kuma 100 ol ta’an marsaa lamaan hidhannoo hiikkachiisuu beeksise. Haata’u malee, namoota hidhannoo hiikkatan kunneen deebisanii dhaabuuf rakkoo diinagdee jiraachuu ibseera.

Hogganaa Biiroo Kominikeeshinii Bulchiinsa Yeroo Tigraay Obbo Radaa’i Haalefoom Addis Standarditti akka himanitti, adeemsi hidhannoo hiikkachiisuu kun akkaataa Waliigaltee Nagaa Piriitooriyaa Sadaassa bara 2022 mallattaa’e keessatti tumameen gaggeeffame.

Adeemsa hidhannoo hiikkachiisuu marsaa jalqabaa Adoolessa 2023 eegalame irratti Pireezidaantii Itti Aanaa Bulchiinsa Yeroo Tigraay Janaraal Taaddasaa Warradaa, adeemsi kun bulchiinsa yeroo Tigraay qofaan kan gaggeeffamu ta’uu dubbatanii turan.

Obbo Radaa’iin gama isaaniin, hojiin hidhannoo hiikkachiisuu marsaa lammaffaanis deeggarsaafi hirmaannaa Komishinii Haaromsa Biyyaalessaa malee bulchiinsa naannichaan qofa akka raawwatame ibsaniiru.

“Hojiin loltoota duraanii 100,000 ol ta’an hidhannoo hiikkachiisuu kan raawwatame adeemsa deebisanii ijaaruu fi hawaasa waliin makuuf bu’uuraalee gahaa osoo hin jiraatini. Inumaayyuu waliigalteen Piriitooriyaa milkaa’inaan hojiirra oola jenne eeguun kana raawwanne,” jedhan. “Kunis bulchiinsi yeroo Tigraay waliigaltee Piritooriyaa hojiirra oolchuuf kutannoo qabaachuu isaa agarsiisa.”

Komishiniin Haaromsa Biyyaalessaa akkaataa Waliigaltee Nagaa Piriitooriyaa keessatti ibsameen hojii loltoota duraanii hiikkachiisuu fi deebisanii dhaabuu to’achuuf Muddee 2022tti hundeeffame.

Hanga ammaatti, komishinichi naannolee saddeet irraa loltoota duraanii 371,971 galmeessee jira. Isaan keessaa tilmaamaan 70% naannoo Tigraayitti kan argaman ta’uu ibsameera.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Namoonni hidhannoo isaanii hiikkatan kunneen garuu mana jireenyaa dhabuu, rakkoo carraa hojii fi hanqinaalee meeshaalee bu’uuraa dabalatee rakkoolee hawaasummaa garaa garaaf kan saaxilaman ta’uu hogganaan Biiroo Kominikeeshinii Tigraay himaniiru. AS

Related Articles

Back to top button