DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Itoophiyaatti imaammata harka qalleeyyii irratti xiyyeeffatu akka barbaachisu Ameerikaa dabalatee biyyoonni 17 hubachiisan

Finfinnee, Ebla 11/2024 – Gargaarsi namoomaa Itoophiyaa keessatti gaggeeffamaa jiru galma karoorfameen akka gahuuf mootummaan Itoophiyaa imaammata jireenya harka qalleeyyii foyyeessu irratti xiyyeeffatu akka baasu fi baajata isaas rakkoo namoomaa hatattamaadhaaf akka fayyadamu Ameerikaa fi Gamtaa Awurooppaa dabalatee biyyoonni 17 gaafatan. 

Rakkoo namoomaa Itoophiyaa keessatti mudate furuuf Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomaniitti Qindeessaan Dhimmoota Gargaarsa Namoomaa, mootummaa Itoophiyaa fi Yunaayitid Kingidam waliin ta’uun sagantaa deeggarsa walitti qabuu torban dhufu, Kibxata, Ebla 16, 2024 gaggeessuuf karoorfataniiru.

Ameerikaa fi Gamtaa Awurooppaa dabalatee biyyoonni 17 ibsa dhimmicharratti ejjennoo waloo qaban calaqqisu baasaniiru. Ibsa isaanii kanaan waa’ee rakkoo namoomaa fi haala waliigalaa biyyattii keessatti mul’atu eeraniiru.

Hongee, walitti bu’iinsa, dhibee fi sababoota biroo irraa kan ka’e kutaalee biyyattii hedduu keessatti rakkoon namoomaa akka jiru kan ibsan mootummoonni idil addunyaa kunneen, nageenyi lammiilee kutaalee biyyattii hedduu keessatti balaadhaaf kan saaxilame ta’uu kaasaniiru. 

Dhiyeessiin gargaarsaa bara 2023 kaayyoo hin malleef akka oolu ifa ta’uu isaa hordofee arjoomtoonni amantaa qaban akka gadi bu’u taasisuus eeran. 

Biyyoonni kunneen ibsa isaaniin, sagantaa deeggarsa walitti qabuu qophaa’e kanas kan deeggaran ta’uu fi hawaasni addunyaa dhimmichaaf xiyyeeffannoo kennee deeggarsa danda’amu akka godhu jajjabeessuuf ga’ee isaanirraa eegamu kan ba’an ta’uu beeksisaniiru.

Gargaarsi namoomaa kunis galma karoorfameen akka gahuuf mootummaan federaalaa baajata isaa rakkoolee namoomaa hatattamaadhaaf akka fayyadamu, imaammata jireenya harka qalleeyyii foyyeessu irratti akka xiyyeeffatu akka baasu, kenniinsa gargaarsaa irratti gabaasa akka dhiyeessu gaafataniiru. 

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Akkasumas birokraasii gargaarsa namoomaa gufachiisan akka sirreessuu, nageenya namoota nagaa fi hojjettoota gargaarsaa akka eegu, buqqaatonni bilisaan guutuu biyyattii keessa akka socho’anii fi fedhii isaaniitiin gara qe’ee isaanitti akka deebisu gaafataniiru. AS

Related Articles

Back to top button