DALDALAODUU

Oduu: Itoophiyaan miseensa Dhaabbata Daldala Addunyaa ta’uuf baatii Caamsaa keessa marii marsaa 5ffaa ni gaggeessiti 

Finfinnee, Ebla 08/2024 – Itoophiyaan marii marsaa shanaffaa miseensa Dhaabbata Daldala Addunyaa akka taatu ishee taasisu baatii Caamsaa dhufu akka gaggeessitu Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa beeksise. 

Ministirri Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Gabramasqal Caalaa TOI’tti akka himanitti, Itoophiyaan miseensa Dhaabbata Daldala Addunyaa ta’uuf sochii kan eegalte waggaa 20 dura yoo ta’u, sababa weerara Covid-19 fi sababoota birootiin mariin kun addaan citee akka ture eeraniiru. 

Itoophiyaan miseensa dhaabbatichaa ta’uuf tattaaffii taasiftu itti fufsiisuuf hojiiwwan adda addaa raawwachaa akka jirtu kan ibsan ministirichi, baatii Adoolessa bara 2023 keessa jilli Itoophiyaa gara teessoo waajjira muummee dhaabbatichaa Jeeneevaatti deemuun daayreektarri olaanaa dhaabbatichaa waliin dhimma kanarratti mari’achuu eeran.

Maricharrattis adeemsa marii kanaa waggaa sadii keessatti xumurtee Itoophiyaan miseensa dhaabbatichaa akka taatuuf waliigalteerra ga’amuus ibsan.

Haaluma kanaan, biyyoota  Itoophiyaa waliin mari’achuuf fedhii qaban irraa gaaffileen gara 180 fi sanadoonni 9 dhiyaachuu isaanii fi mariin kunis yeroo dhiyootti waltajjii dhaabbatichi qopheessuun akka eegalu ministeerichi eeraniiru.

Itoophiyaan miseensa Dhaabbata Daldala Addunyaa akka taatuuf haala dantaa biyyattii eegu fi guddina diinagdeefi dorgomtummaa daldalaa mirkaneessun mariisisuuf qophiin taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.

Itoophiyaan miseensa dhaabbatichaa ta’uuf sanadoota dhiyeessii daldala meeshaalee fi tajaajiloota, odeeffannoo hojimaata hayyama daldala, odeeffannoo gurmaa’ina daldala mootummaa, daldalaa fi seerota daldalaan walqabatan, akkasumas deeggarsa daldala al-ergii fi qonnaa guutuuf hojjechaa jiraachuu odeeffannoo ministeera daldalaa fi walitti hidhamiinsa naannawaa irraa argame ni mul’isa. 

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Itoophiyaan Dhaabbata Daldala Addunyaa keessatti taajjabduu taatee hirmaachuu kan eegalte waggaa 21 dura bara 2003 ture. AS

Related Articles

Back to top button