ODUUSIYAASA

Oduu: Walitti bu’iinsa Raayyaa Alaamaaxaa hordofuun aanga’oonniifi jiraattonni gara magaala Qobbootti dheessaa jiraachuu himame

Finfinnee, Ebla 16, 2024 – Walitti bu’iinsa Raayyaa Alaamaaxaatti tibbana mudate hordofuun lammiilee nagaa 3,000 hanga 5,000 ta’aniifi aanga’oonni mootummaa gara mgaala naannoo Amaaraa Qobbootti dheessaa jiraachuu himame.

Akkaa jiraattonni naannichaa himanitti, lammiileen magaala daangaa Alamaaxaafi naannawasheetii buqqa’an kunneen mooraa mana barumsa sadarkaa tpkkoffaa Iwqat Corraafi mana barumsa sadarkaa lammaffaa magaala Qobboo kan godina Kaaba Wallootti argamuutti dheessanii argamu.

Haa ta’u malee, ganama har’aatiii kaasee jiraattonni tokko tokko gara qe’eesaaniitii deebi’aa jiraachuun himameera. Jiraattuun magaala Qobboo tokko Addis Standarditti akka himetti, namoonni magaala Alaamaaxaatii buqqa’an dubbattoota Afaan Amaaraati jette.

Jiraattuun magaalattii kan taate tokko namoota magaalaa Alamaaxaatii buqqa’an shaniif iddoo boqonnaaa laachuu himuun haalli jiru guyyaa har’aa foyya’uu himteerti. Kanaafuu namoonni kunneen gara qe’eesaniiti deebi’aa jiraachuu himteerti.

Qondaalli olaanaa mootummaa magaala Qobboo tokko Addis Standard’tti akka himetti ajajoonni raayaa ittisa biyyaa (RIB) rakkoo jiruun mariidhaan akka furamuuf milishaawwan hidhatan hidhannoo hiikatanii gara qe’eesaaniitti akka deeeni’an ajajaniiru.

Haa ta’u malee, maanguddoonni marii kana keessatti hirmaatan milishaawwan hidhannoo hiikkachuu kan hin b arbaanne ta’uu himu.

Jiraattonni magaalota Alamaaxaafi Kooram too’annoo RIB jala jiraachuu himaniiru. Aanga’oonni magaalattii gadhiisanii dhessanii ture gara magaalattiitti deebi’uu himaniiru. Dhalattoonni Tigraay yeroo darbe magaalattiidhaa buqqa’aniii ture gara qe’eesaaniitti deebi’aa jiraachuu himame.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Sababiin waldhabdee kanaa ifatti hin beekamne. Bulchaan Raayyaa Alamaaxaa Mollaa Derbiyuufi kantiibaan magaala Alamaaxaa Haayiluu Abarraa BBC’tti akka hmanitti walitti bu’iinsi kuni kan eegale “humnoota Tigraay” ta’uu yoo himan akka bulchaan gama Tigraay garuu haleellaa kan eegalemilishaa naannoo Amaaraaati jedhu.

Karaa biraatiin, Bulchaan Godina Kibba Tigraay Haaftuu kiiroos haleellaa kan eegale buqqaatonni waliigalteen Piriitooriyaa hojiirra akka ooluuf hiriira nagaa bahuu hordofee ta’uu hima.

Hidhattoonni iddoo Taa’oo jedhamu dhufan namoonni hiriira nagaa gaggeesan irratti haleellaa banuuu hordofee walitti bu’iinsi uumamuu hima.

Pireezidaantiin bulchiinsa yeroo Tigraay Geetaachoo Raddaa naannoo Amaaraas ta’ee mootummaa federaalaa waliin walitti bu’iinsi uumame hin jiru jedheera. Geetaachoo Raddaa, “Humnoonni hojii qaamoleeen lamaan waliigaltee piriitoooriyaa milkeessuuf hojjachaa jiru fashalessuu barbaadan hojii hojjatmaa jiru addaan kutuuf yaalaa jiru,” jedheera.

Paartiin Sochii Biyaaleessaa Amaaraa, ibsa baaseen, Addi Bilisummaa Ummata tigraay (ABUT) kan “diina keessoo uummata Itoophiyaa ta’e yeroo afaraffaaf uummata keenya weerareera,” jechuun mootummaan federaalaafi naannoo Amaaraa gochaa kaana akka dhaabsisu gaafateera.

ABUT paartii waraana jaallatuudha jechuun biyyattii keessatti hokkkora kaasuuf hojjachuun yakkeera. “Uumanni Amaaraa seenaa darbeerraa barachuun ABUT RIB cinaa dhaabbachuun weerara kana akka qolatu,” paartichi gaafateera. AS

Related Articles

Back to top button