ODUUSIYAASA

Oduu: Naannoo Gaambeellaatti baatilee sagal keessatti namoonni 138 ajjeefaman, 113 madaa’aniiru: Gabaasa KMNI

Finfinnee, Guraandhala 29/2024 – Naannoo Gaambeellaatti Caamsaa 2023 irraa eegalee sababa walitti bu’iinsa hawaasaa fi haleellaa baqattoota irratti raawwatameen yoo xiqqaate namoonni 138 ajjeefamuu fi 113 madaa’uu Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa gabaasa Roobii baaseen ibseera. 

Gabaasni KMNI kun dhiittaa mirga namoomaa aanaalee naannichaa hedduu keessatti raawwatame bal’inaan kan ilaale yoo ta’u, keessattuu Aanaa Addaa Itaang, Aanaa Gambeellaa, Aanaa Gog, fi magaalaa Gambeellaatti sarbamni mirgaa raawwatamuu ibseera. 

Qorattoonni komishinichaa naannolee haleellaan irra gahe daawwachuu, miidhamtootaa fi namoota ragaa ba’an dubbisuu, qondaaltota mootummaa qunnamuun bu’aa argameerraa ka’uun gabaasa kana qopheessuu kan eere komishinichi, waldhabdeen kun Caamsaa 2023 keessatti jiraataa aanaa Itaang tokko achi buuteen isaa dhabamuu hordofee kan eegale ta’uu kaaseera. 

Sababa dhabamuu achi buutee jiraataa kanaan jiraattota gandoota Pinwaa fi Leer gidduu walitti bu’iinsa hamaa mudachuu komishinichi ibseera.  “Kana hordofee namoonni hedduun du’aniiru, miidhamaniiru, qabeenyi namoota dhuunfaa fi dhaabbilee walitti bu’iinsa kanaan saamameera,” jedha gabaasichi.

Sana hordofee ji’oota saddeet itti aananiif kutaalee Gaambeellaa adda addaa keessatti walitti bu’iinsi fi haleellaan dabalataa kan itti fufe yoo ta’u, kunis haleellaawwan baqattoota Sudaan Kibbaa naannichaa keessatti qubatanii jiran gaggeessanii fi isaanirratti aggaamamuus dabalata. Baqattoonni muraasa walitti bu’iinsa kana keessatti hirmaachuu isaanii qorannoo KMNI ni mul’isa.

Walumaagalatti, jeequmsa naannicha keessatti baatilee saddeet keessa uumame kanaan yoo xiqqaate lubbuun namoota 138 darbuu fi namoota 113 madaa’uu komishinichi mirkaneessee jira. 

Mootummaan naannoo Gaambeellaa “hawaasa naannichaa waliin marii nagaa gaggeessuun humna nageenyaa dabalataa bobbaasee haala jiru tasgabbeessuu” gabaasichaan eerameera. Haa ta’u malee, aanga’oonni naannichaa namoota jeequmsa lubbuu lammiilee hedduu galaafate keessa harka qaban hordofuu akka itti fufanii fi miidhamtootaaf beenyaa akka kennan gaafateera.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Komisinarri Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa Daani’eel Baqqalaa yaada kennaniin, “haqni guutuun kan mirkanaa’u yeroo yakkamtoonni itti gaafataman, warri balleessaan irratti raawwatameef beenyaan kaffalame, gara fuulduraattis taateewwan walfakkaatan akka hin mudanneef tarkaanfiiwwan barbaachisoo ta’an hojiirra kan oolan yoo ta’eedha,” jedhan. AS

Related Articles

Back to top button