ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Humnoonni nageenyaa mootummaa obboroon mana koo cabsanii sakatta’an - Abbaa Gadaa Goobanaa Hoolaa

Finfinnee, Bitootessa 21/2024 – Abbaa Gadaa Tuulamaa fi Walitti-qabaa Itti-aanaa Gamtaa Abbootii Gadaa Oromiyaa Goobanaa Hoolaa humnoonni nageenyaa mootummaa har’a ganama mana jireenya isaanii godina Shawaa Bahaa magaalaa Maqiitti argamu cabsanii seenuun sakatta’insa taasisuufi kutaa ciisicha isaanitti dhukaasuu Addis Standard’tti himan.

Naannoo mana jireenya isaanitti kaleessa galgala irraa kaasee dhukaasni dhagahamaa turuufi har’a obboroo naannoo sa’aatii 11:30tti miseensonni poolisii Oromiyaa mana jireenya isaanii cabsanii seenuun “aggaammii ajjeechaa” irratti raawwachuu dubbatu Abbaan Gadaa Goobanaa Hoolaa.

Yeroo poolisoonni mana sakatta’an isaan “mana keessa waan hin turreef barbaadanii dhabanii deebi’anii deemuu” kan himan Abbaan Gadaa Goobanaa, haata’u malee miseensonni poolisii kunneen sakatta’insa taasisaa turan keessatti kutaa ciisichaa isaanii rasaasaan rukutuu himaniiru. 

Isaan mana keessa jiraachuu baatanis taateen kun maatii isaanii rifachiisuu himan. “Maatiin koo rifaatuu kana irraa kan ka’e mana dhiisanii faca’anii argamu,” jedhan. 

Sababiin tarkaanfii kanaa maal akka ta’e kan hin beekne ta’uus dabalanii himan.  “Manni Abbaa Gadaa kabaja qaba. Yoon balleessaa qabaadhees karaa seera-qabeessa ta’een na gaafachuu osoo danda’anii gochaa akkanaa narratti raawwatan,” jedhan. 

Aggaammiin akkanaa irra-deddeebiin irratti gaggeeffamurraan kan ka’e yeroo ammaa lubbuu isaaniif sodaa keessa jiraachuu kan eeran Abbaan Gadaa Goobanaa Hoolaa, baatii Hagayya darbe keessa qabeenya isaanii kan ta’e mana baabura midhaan daakuu magaalaa Maqiitti argamu mancaafamuu himan. 

Haaluma walfakkaatuun, Muddee bara 2022tti humnoonni nageenyaa mootummaa halkanitti mana jireenya isaanii cabsanii seenuun erga saamanii booda fi ilmasaanii tokko too’annoo jala oolchuu Addis Standard Abbaan Gadaa Goobanaa Hoolaa wabeeffachuun gaabase ture. 

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Halkan sa’aa 5 hamma ganama sa’aatii 12tti qe’eesaanii sakatta’aa turuun qarshii 200,000 fi meeshaalee miidhaginaa fi faayaa adda addaa akka saaman kan dubbatan Abbaan Gadaa Goobanaa Hoolaa, sababiin tarkaanfii kanaa shakkii ilmi isaanii Addunyaa Goobanaa murna Waraana Bilisummaa Oromoo godina Shawaa Bahaa keessatti socho’u hogganaa jira jedhuun ta’uu ibsanii turan.

Dhimma sakatta’insa har’a ganamaa ilaalchisee Addis Standard hogganaa qajeelcha poolisii magaalaa Maqii Komaandar Mohaammad bilbilaan kan qunname ta’uus, hogganichi gaaffii dhiyaateef deebii laachurraa of qusachuun bilbila cufaniiru. AS

Related Articles

Back to top button