DHIMMA HAWAASAAODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Naannoo Amaaraatti haleellaa Musliimota irratti raawwatamu dabalaa jiraachuu Manni Maree Dhimmoota Islaamummaa naannichaa ibse

Finfinnee, Ebla 09/ 2024 – Naannoo Amaaraa iddoowwan garaa garaatti baatilee saddeet darban keessatti walitti bu’iinsa humnoota mootummaa fi hidhattoota gidduu gaggeeffamaa jiruun walqabatee Musliimonni 80 ol ta’an ajjeefamuu fi kanneen kumaatamaan lakkaawwaman qe’ee isaanirraa buqqa’uu Manni Maree Olaanaa Dhimmoota Islaamummaa Naannoo Amaaraa beeksise.

Manni marichaa ibsa kaleessa baaseen baatilee saddeet darban keessatti dararaa, saamicha, ajjeechaa, uggurrii fi buqqaatii adda durummaan hawaasa musliimaa naannicha keessa jiraatan irratti raawwatamaa jiru dabalaa jiraachuu ibseera. 

Akka ibsi mana marichaa jedhutti, guyyaa Dilbata Ebla 07, 2024 magaala guddoo Naannoo Amaaraa Baahirdaar keessatti miseensonni maatii tokko lakkoofsaan afur ta’anii fi namni ollaa tokko walumaa galatti namoonni shan solaata magrib sagadanii osoo deebi’aa jiran “hidhattoota eenyummaa isaanii hin beekamneen” ajjeefamaniiru. 

Guyyaama walfakkaataatti magaala Mooxaa keessatti hidhattoonni dargaggeessi tokko ukkaamsanii maatiisaa sodaachisuun qarshii 300,000 erga fudhatanii booda dargaggeessicha ajjeesuu ibsichaan eerameera. 

Kana malees Kamisa darbe Ebla 04, 2024 magaalaa Bichanaa keessatti abbaa warraa fi haati warraa “maaliif mootummaaf gibira kaffaltan jedhamuun” ajjeefamuu kan ibse manni marichi, magaalaa Gondar naannawaa Maksanyit jedhamuttis musliimonni afur ajjeefamuu ibse. 

Walumaa galatti Naannoo Amaaraa bakkeewwan garaa garaatti baatilee saddeet darban keessatti musliimonni 80 ta’an ajjeefamuu, kanneen kuma kudhaniin lakkaawwaman qe’ee isaanirraa buqqa’uu, namoonni 47 ugguramuu fi saamichi 260 ol raawwatamuu manni marichi ibseera. 

“Hammeenya, dararrii, ajjeechaa fi buqqaatii hawaasa musliimaa irratti raawwatamu cimsinee balaaleeffanna” kan jedhe manni marichi, gocha badii kanaa dhaabsisuuf mootummaan qaamolee dhimmi ilaallatu hunda waliin gahee irraa eegamu akka bahatan hubachiiseera. AS

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Related Articles

Back to top button