GULAALLISIYAASA
Trending

Gulaallii: Waliigaltee Nagaa Piriitoriyaa eeguufi balaa waraanatti deebi’u hambisuuf hordoffii bu'a qabeessa ta’e hojiirra ooluu qaba!

Finfinnee, Bitootessa 15/2024 – Waraana waggoota lamaaf adda durummaan naannoo Tigraayitti gaggeeffamaa ture xumuruuf mootummaa Itoophiyaa fi Adda Bilisummaa Uummata Tigraay (ABUT) gidduu Waliigalteen Nagaa Piriitooriyaa erga mallattaa’e waggaa tokko fi baatilee afur ta’eera. 

Waliigaltee kun yeroo mallatteeffamu miliyoonotaan miira gaariin kan simatame yoo ta’u, boodarra hojiirra oolmaa waliigaltichaa gar-tokkoon mul’ateen naannicha keessatti sagalee dhukaasaa callisiisuu, adeemsa dhiyeessii gargaarsa namoomaa saffisiisuu, akkasumas tajaajilli bu’uuraa lammiilee miliyoonaan lakkaawwamaniif deebi’ee akka eegaluuf gahee guddaa qabaachuu mirkaneesseera. 

Haa ta’u malee, ergasii dhimmoota nageenya waaraa mirkaneessuuf barbaachisoo ta’an guutamuu dhabuu isaanii mootummaa federaalaa fi aangawoota Tigraay gidduutti garaagarummaan akka bal’atu taasiseera. Adeemsa hojiirra oolmaa waliigalticha irratti jijjiiramni hiika qabu yoo hin jiraanne, gara waldhabdeetti deebi’uun waan hin hafnedha.

Mootummaan federaalaa itti gaafatamummaa daangaa fi abbaa biyyummaa Itoophiyaa kabachiisuuf qabu moggaatti dhiisee dhimma humnoonni Eertiraa kutaalee kaaba baha Tigraay keessaa bahuu akka waan safuu ta’etti ilaalaa jira.

Hawaasni Tika Ameerikaa gabaasa madaallii balaa waggaa Bitootessa 11, 2024 baaseen, waliigaltee Piritooriyaa waraana dhaabsisuus, “dhimmoota daangaa furmaata hin arganne walitti bu’iinsi akka deebi’ee jalqabu taasisuu danda’u” jechuun akeekkachiiseera. Kunaafis Lixaa fi kutaalee Kibba Tigraay ammallee humnoota naannoo Amaaraa paartii biyya bulchu waliin hidhata qabaniin qabamuu akka fakkeenyaatti eerameera. 

Kunis Buqqaatota Biyya Keessaa (IDP) miliyoona 1.2 ta’an, akkasumas baqattoota Tigraay kumaatamaan lakkaa’aman gara Sudaanitti baqatan gara qe’ee isaanitti akka hin deebine gufachiiseera.

Mootummaan federaalaa itti gaafatamummaa daangaa fi abbaa biyyummaa Itoophiyaa kabachiisuuf qabu moggaatti dhiisee dhimma humnoonni Eertiraa kutaalee kaaba baha Tigraay keessaa bahuu akka waan safuu ta’etti ilaalaa jira. Akkasumas Koree Hordoffii, Mirkaneessa Ergama Gamtaa Afrikaa (AU-MVCM) hanga Caamsaa bara darbeetti humnoonni Tigraay meeshaalee waraanaa gurguddoo 85% hanga 90% hidhannoo hiikkachuu kan gabaase ta’us, mootummaan federaalaa adeemsa humnoonni Eertiraa fi kanneen miseensa Raayyaa Ittisa Biyyaa hin taane naannoo Tigraay keessaa akka bahan taasifamu hordofuuf itti gaafatamummaa qabu haala wal simatuun raawwachaa hin jiru. 

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Adeemsi hidhannoo salphaa hiikkachiisuu, bittinneessuu fi hawaasa waliin makuu harkifatee fi qaamolee waliigalticha mallatteessan lamaan marii siyaasaa bu’aa qabeessa taasisuu dhabuu isaanii, gidduu isaanitti wal shakkiin akka uumamu taasiseera. 

Rakkoo walxaxaa kanaan walqabatee namoota yakkoota waraanaa, sarbiinsa mirga namoomaafi dirqiin biyyaa ari’amuu raawwatamaniin hubamaniif haqaafi itti gaafatamummaa mirkaneessuu dhabameera. 

Rakkoo hojiirra oolmaa waliigaltee nageenyaa harkifataa kanaan qaamoleen lamaan akkuma hanqina mataa mataa isaaniif qeeqamanitti, qaamoleen waliigaltee kana taajjaban kan akka Gamtaa Afrikaa, Ameerikaafi IGADs himata jalaa hin miliqan. Keessumaa Gamtaan Afrikaa kan waliigaltee kana gamaaggamuuf itti gaafatamummaa fudhate hojiisaa sirnaan raawwachaa hin jiru. 

Rakkoo kun erga yeroo dhiyoo asii ifa ta’aa kan dhufe garaagarummaa mootummaa federaalaa fi aangawoota Tigraay gidduu jiru guddachaa dhufee fi haasawaa miidiyaalee irratti taasifamuun yoo ta’u, kunis hojiirra oolmaa waliigaltee kanaa irratti dhiibbaa hamaa geessisuu qofa osoo hin taane carraa waraanni deebi’ee eegaluu akka dabalu taasiseera.

Gamaaggamni raawwii waliigaltichaa kan “adeemsa hojiirra oolmaa waliigaltee nageenyaa kan akka gargaarsa namoomaa, hidhannoo hiikkachuufi deebisanii dhaabuufi ijaaruu” gamaaggamuufi deeggaru kan eegalame waliigaltichi raawwatame ji’oota 16 boodadha. Marii guyyaa tokkoof taasifame hordofee Gamtaan Afrikaa ibsa baaseen, waliigaticha hojiirra oolchuuf qaamoleen lamaan kutannoo qabaachuu haa eeru malee, itti gaafatamummaa bahuu dhabuun walqabatee tarkaanfiin fudhatamu jiraaachuu hin ibsine. 

Koreen Waloo fi gareen ogeeyyii Afrikaa kan itti gaafatamummaa hordofuu, mirkaneessuufi to’achuu qaban taatee loltoonni Tigraay waraana gurguddoo isaanii mootummaa federaalaaf dabarsanii kennuu raawwachiisuun alatti yeroo baay’ee sochii qabatamaa hin goone. Rakkoo kun erga yeroo dhiyoo asii ifa ta’aa kan dhufe garaagarummaa mootummaa federaalaa fi aangawoota Tigraay gidduu jiru guddachaa dhufee fi haasawaa miidiyaalee irratti taasifamuun yoo ta’u, kunis hojiirra oolmaa waliigaltee kanaa irratti dhiibbaa hamaa geessisuu qofa osoo hin taane carraa waraanni deebi’ee eegaluu akka dabalu taasiseera.

Fakkeenyaaf, himanni pireezidaantiin Bulchiinsa Yeroo Tigraay Geetaachoo Raddaa Awurooppaatti aanga’oota Eeritraafi Masrii waliin qunnamaniiru jedhu rakkoo gadi fagoo kakaasuu danda’a. 

Ragaalee waliigalteen Piriitooriyaa dadhaboo ta’aa akka jiru mul’isan ni jiru. Hojiirra oolmaa waliigaltichaa haala haqa-qabeessaa ta’eefi itti gaafatamummaa qabuun yoo gamaaggamamuu baate diigamuun isaa hin oolu. Waliigalteen sun mataan isaa hammam mudaa kan hin qabne taʼus, buʼaan diigumsa isaa hamaa taʼa.

Akkaataa keeyyata waliigaltichaa 3(3)tti waliigalteen nageenyaa kana hordofuun hololli fi haasawaa jibbiinsaa akka dhaabbatu eera. Akkasumas, akkaataa keeyyanni 11(8) labsutti, seerri waliigalticha irratti tumame yoo cabsame gareen ogeeyyii hundaa’e tarkaanfii akka fudhatamu qaama dhimmi ilaallatuutti beeksisu jedha. 

Kana malees, keeyyanni 11(9) cabiinsa seeraarratti tarkaanfiin seeraa sa’aatii 24 keessatti kan hin fudhatamne yoo ta’e, Gamtaan Afrikaa koree waloo waliin dhimma kanarratti mari’achuun rakkoo jiru kan furu ta’uu labsameera. Haa ta’u malee, torbanoota darban keessa dhimmoota akkanaaf xiyyeeffannoo laachuu dhiisuun dhimmicha gara haasawaa fi duula miidiyaatti baasuun bu’aa xiqqoo argamte irratti balaa danqeera. 

Qaamoleen lamaan himata dhugaa hin taaneefi holola banuurraa of eeguun akkuma jirutti ta’ee, Gamtaan Afrikaa hojiirra oolmaa gamaaggamuu, mirkaneessuufi to’atu rakkoo jiruufi cabiinsa seeraa adda baasuudhaan waliigalteen nageenyaa kuni fashalaa’ee waldhabdee biraa akka hin uumne hojiisaa hojjachuun barbaachisaadha.

Gamaaggamni tarsiimowaa dhiheenya kana gaggeeffame akka tarkaanfii sirrii ta’etti jajjabeeffamuu qaba. Haata’u malee, Gamtaan Afrikaa fi qooda fudhattoonni idil addunyaa biroo waliigalticha guutummaatti dhugoomsuuf gahee isaanirraa eegamu kutannoodhaan yoo bahatan malee nageenyaa waaraan buusuun rakkisaadha.

Ragaalee waliigalteen Piriitooriyaa dadhaboo ta’aa akka jiru mul’isan ni jiru. Hojiirra oolmaa waliigaltichaa haala haqa-qabeessaa ta’eefi itti gaafatamummaa qabuun yoo gamaaggamamuu baate diigamuun isaa hin oolu. Waliigalteen sun mataan isaa hammam mudaa kan hin qabne taʼus, buʼaan diigumsa isaa hamaa taʼa. AS

Related Articles

Back to top button