ODUUSIYAASA

Oduu: Hiyumaan Raayitis Waach loltoonni Itoophiyaa ergama nagaa eegsisuu irraa akka ugguraman gaafate

Finfinnee, Ebla 04/2024 – Dhaabbanni mirga dhala namaaf falmu Hiyumaan Raayts Waach (HRW) jedhamu humnoonni mootummaa Itoophiyaa naannoo Amaaraatti “ajjeechaa jumlaa raawwataniiru” jedhe.

Erga Hagayya 2023 waraanni eegalee kaasee “humnoonni federaalaa badii hedduu raawwachuu” ibsichi eereera.

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomaniifi Gamtaan Afrikaa qorannoo bilisa ta’ee gaggeessuun gochaa kana adda akka baafatu gaafate.

Kana malees,magaala naannichaa Maraawii jedhamtutti Amajjii 29, 2024 humnoonni mootummaa lammiilee nagaa ajjeesaniiru jechuun “yakki waraanaa” raawwatameera jedhe.

Duulli seera kabachiisuu mootummaan naannichatti gaggeessu lubbuu lammiilee nagaa dabarsaa jiraaachuu Daayreektarri itti aantuun damee Afrikaa Laatishiyaa Baaydar dubbaataniiru.

Jiraattota magaala Maraawii gochaa kanatti dhiyeenya qaban 20 ta’an bilbilaan dubbisuufi suur-sagalee miidiyaa hawaasaarra naanna’aa ture qorachuun humnoonni mootummaa lammiilee nagaa ajjeessuu adda baafadheera jedhe.

Haa ta’u malee, lakkoofsa lammiilee nagaa magaala Maraawiitti ajjeefamanii meeqa akka ta’an adda baafachuu hin dandeenye jedhe.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Dubbi-himaan mootummaa Itoophiyaa Laggasaa Tulluu ibsa miidiyaaf kennaniin, humnoonni mootummaa lammiilee nagaa hin ajjeefne jechuun taateen magaala Maraawiitii uumame haleellaa murni Faannoo mooraa raayyaa ittisa biyyaa magaalattiitti argamurratti banan qolachuuf tarkaanfii fudhatame ta’uu himaniiru.

Mootummaan Ameerikaa, Gamtaa Awurooppaafi yunaaytid Kingdam, ibsa baasaniin, taatee magaala Maraawiitti ta’e balaaleffatanii ture.

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii loltoota Itoophiyaa duula tika nageenyaatiif bobbaasuu akka dhaabu HRW gaafateera.

“Michoonni Itoophiyaa, Gamtaan Afrikaafi Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii miidhaa ajajooni Itoophiyaa itti gaafatamummaa malee geessisan dhaabuuf tarkaanfii qabatamaa fudhachuu qabu,” Baaydariitu jedhe.

Walitti bu’iinsa humnoota mootummaafi murna Faannoo gidduutti magaala Maraawiitti uumameen walqabatee lubbuun namoota darbuu Addis Standard gabaasee ture.

Amajjii 29, 2024 murni Faannoo mooraa RIB irratti haleellaa tasaa banuu hordofee sa’aatii afuriif dhukkasni addaan hin citin waan tureef jiraattonni magaalattii manatti ofitti cufanii turuu HRW eereera.

Haleellaa sanaan miseensonni RIB hedduu ajjeefamuufi miseensonni Faannoo lama ta’an du’uu himeera.

Akka gabaasa HRW’tti, taatee kana booda humnoonni Faannoo magaalatti gadhiisanii kan baqatan yoo ta’u miseensonni RIB gara magaalattii dhufuun “namoota nagaa” ajjeesaniiiru jedhe.

Magaala Maraawwiitti humnoota lamaan gidduutti haleellaan irra deddeebiin mudachuu jiraattota wabeeffachuun HRW gabaaseera. AS   

Related Articles

Back to top button