ODUUSIYAASA

Oduu: Naannoo Gaambeellaatti haleellaa konkolaataa uummataarratti raawwatameen imaltoota torba irratti miidhaan qaqqabe

 Finfinnee, Caamsaa 08/2024 – Naannoo Gaambeellaa godina Anyuwaak ganda Ochoom jedhamu keessatti Dilbata darbe Ebla 05, 2024 haleellaa konkolaataa uummataa imaltoota 60 fe’ee aanaa Itaang irraa gara magaalaa Gaambeellaa imalaa ture irratti raawwatameen imaltoota torba irratti miidhaan qaamaa jabaa qaqqabuu jiraattoonni Addis Standard’tti himan. 

Haleellaa kanaan dubartoota, daa’immanii fi poolisoota atoobisicha eegaa turan irratti miidhaan qaqqabuu jiraattoonni himaniiru. 

Jiraataa magaalaa Gambeellaa eenyummaan isaa akka ibsamu hin barbaanne tokko, haleellaa imaltoota torba irratti miidhaa geessise kana “hidhattoota eenyummaan isaanii hin beekamneen kan raawwatame” ta’uu Addis Standard’tti himeera. 

Akka jiraataan kun jedhetti, haleellaan kun Dilbata naannoo sa’aatii 5:00tti bakka magaalaa Gaambeellaa irraa fageenya kiiloo meetira torba irratti argamutti raawwatame.

“Rakkoon nageenyaa naannichaa baay’ee hammaachuu isaa irraa kan ka’een sosochii namoota fi meeshaaleen nyaataa irratti dhiibbaa guddaa uumeera. Konkolaattoonni naannicha keessa socho’an eegumsa poolisiitiini.”

Jiraata magaalaa Gaambeellaa kan biraa, namoonni haleellaa kanaan miidhaman yeroo ammaa kanatti magaalaa Gaambeellaa keessa hospitaala sadarkaa duraa Obboroon Goony jedhamutti wal’ansaa argachaa akka jiran Addis Standard’tti himeera. 

Itti dabaluun, bakka haleellaan ammaa raawwatame kanatti kanaan dura si’a sadi haleellaan walfakkaataa raawwatamuu eere. “Bakka kanatti haleellaa irra deddeebiin raawwatamuun lubbuu namaa fi qabeenya hedduu barbaada’aa jira,” jechuun himeera. AS

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Related Articles

Back to top button