DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Paartiin Sochii Biyyaalessaa Walaayittaa harkifannaa mindaa hojjattoota mootummaa yaadessaa ta'uu ibse

Finfinnee, Ebla 25, 2024 – Kafaltiin mindaa garmalee harkifataa ta’ee amansiisaa hin taane hojjattoota godina Walaayittaa mudachaa jiru sodaachisaa ta’uu paartiin Sochii Walaayitaa Biyyaalessaa ibse.

Bara 2020 irraa kaasee mindaan hojjattootaa guyyoota 10 hanag 20 harkifatee kan kafalamuu ta’uu paartichi ibseera. Fulbaana 2023 hanga Guraandhala 2023 immoo kafaltiin mindaa ciccitee kaffalamaa ture jedhe. Bitootessa 2023 kaasee mindaan hojjattootaa hir’ifamuu ibseera.Taateen kuni jireenya hojjattootaa ulfaataa taasiseera.

Rakkoon kuni tajaajila fayyaafi barnootaa hubeera. Sababa mindaan barsiisotaa kaffalamuu dhabuutiin manneen barnootaa mootummaa %70 cufamanii ture jedhe.

Haaluma walfakkaatuun, rakkoon walfakkaataan godina Hadiyyaatti mudatee ture addis standard gabaasee ture. Mindaan barsiisotaa ji’a sadiif tursiifamuu horsofee barsiisonni hiriira nagaa bahanii ture. AS

Related Articles

Back to top button