ODUUSEERA FI HAQA

Oduu: Manni Murtiin dhimma Battee Urgeessaa irratti guyyoota qorannoo dabalataa shan eeyyame

Finfinnee, Bitootessa 01/2024 – Torban tokko dura gaazexeessaa lammii Faransaay, Antuwaan Gaalindoo, waliin magaalaa Finfinneetti to’annoo jala kan oolan qondaalli siyaasaa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) har’a guyyaa lammataaf mana murtii dhiyaataniiru. 

Obbo Batteen akkaataa beellama yeroo darbe laatameen har’a mana murtii sadarkaa tokkoffaa Finfinneetti dhiyaatanii dhimmi isaanii kan ilaalame yoo ta’u, manni murtichi guyyoota qorannoo dabalataa shan eeyyamuun abukaatoon isaanii Addis Standard’tti himaniiru. 

Abukaatoon isaanii Boonaa Yaazoo Addis Standard’tti akka himanitti, poolisiin “bu’aa qorannoo bilbila himatamaa argachuuf” yeroon qorannoo dabalataa kan gaafate yoo ta’u, manni murtiis akkaatuma gaaffii kanarratti hundaa’ee poolisiin qorannoo isaa xumuree akka dhiyeessu Bitootessa 06, 2024tti beellameera. 

Qondaalli ABO Battee Urgeessaa Sanbata darbe gaazexeessaa Afrikaa Intalijansii Antuwaan Gaalindoo waliin wayita mana murtii dhiyaatanitti himatni “iccitii biyyaa dabarsanii kennuu”, akkasumas “Shanee fi Faannoo waliin shiruun Finfinnee keessa jeequmsa uumuuf yaalu” jedhu irratti dhiyaate ture. 

Gaazexeessaan Antuwaan Gaalindoo kaleessa galgala himatni isaa addaan citee gara biyya isaa imalu isaa hordofee beellama har’aa irratti qofaa isaanii mana murtii kan dhiyaatan Batteen, addatti himata “Shanee deeggaruu” jedhu dhiyaachuu abukaatoon isaanii Boonaa Yaazoo himaniiru. 

Gaazexeessaa lammii Faransaay, Antuwaan Gaalindoo,  “eeyyama malee dhimmoota keessoo Itoophiyaa irratti hojjechuuf yaaleera” jedhamuun Battee Urgeessaa waliin torban tokkoof waajjira poolisii kutaa magaalaa Booleetti hidhamee erga ture booda kaleessa galgala “murtoo mootummaatin” gadhiifamee biyyaa akka bahu taasifamuu CPJ ibseera.

Dhaabbatni falmaa mirga gaazexeessitootaa (CPJ) ibsa baaseen, hiikamuu gaazexeessaa kana jajuun gaazexeessitoota Itoophiyaa keessatti hidhamanii jiran biroos akka hiikaman waamicha dhiyeesseera. AS

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Related Articles

Back to top button