ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Shawaa Roobit keessa hidhattootni ‘Faannoo’ imaltoota saddeet ajjeesuu hordofee sochiin naannawaa sanii akka dhaabbatu ajajame 

Finfinnee, Guraandhala 24/2024 – Guyyaa kaleessa namootni saddeet magaalaa Finfinnee irraa gara Godina Addaa Saba Oromoo magaalaa Kamiseetti imalaa osoo jiranii naannawaa magaalaa Shawaa Roobitiitti hidhattoota ‘Faannoo’ jedhamaniin ajjeefamuu isaanii hordofee komaand poostiin naannichaa sochii magaalaa Darba Birhaaniifi Dassee gidduu taasifamu akka dhaabbatu ajaja dabarseera. 

Barsiisota shan dabalatee namootni saddeet magaalaa Finfinnee irraa ka’uun gara Kamisee imalaa osoo jiranii Naannoo Amaaraa magaalaa Shawaa Roobit wayita gahan hidhattoota Faannootin konkolaataa irraa buufamanii ajjeefamuu maddi amanamaa tokko Addis Standarditti himeera. 

Barsiisota maatii isaanii dubbisanii gara iddoo hojii isaanitti deebi’aa jiran alatti dubartoonni biyya arabaa irraa maatii dubbisuuf imalaa turan ajjeefamuu maddi kun dabalee himeera. Akka maddi kun jedhutti, hidhattootni kunneen konkolaata isaanii erga dhaabisanii booda “waraqaa eenyummaa isaanii ilaalanii dhalattoota Oromoo ta’uu adda baafachuun tarkaanfii kana fudhatan.”

Addis Standard suur-sagalee ilaaleen, namoota ajjeefaman keessaa Tolasaa Kuruu, Efreem Indaalaw, Idiriis Mohaammadii fi Gammachuu Kaasaahuun akka argaman mirkaneesseera. 

Komaand Poostiin Shawaa Giddugaleessaa ajjeechaa kana hordofee ibsa kaaseen, ajjeechaa raawwatame kana cimsee balaaleeffateera. “Ajjeechaa gara jabummaa jiraattota fi imaltoota nagaa irratti raawwatame cimsinee balaaleeffanna,” jedhe.  

Komaand Poostichi “daandii Finfinnee hanga Dassee jirutti finxaaleeyyiin imaltoota nagaa irratti ajjeechaa, butii, saamicha fi yakkoota suukkanneessaa raawwataniiru,” jechuun mootummaa naannichaa, uummata fi poolisii federaalaa waliin ta’uun yakkatoota irratti tarkaanfii fudhachuuf waadaa galeera. 

Kana hordofees, sochii magaalaa Dabra Birhaanii fi Dassee gidduu taasifamu kamuu yeroo hin murtoofneef akka dhaabbatu ajaja dabarseera. 

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Godina Addaa Saba Oromoo yeroo garaa garaatti walitti bu’iinsa fi sarbama mirgaa hamaa keessummeessaa turuu gabaafamaa tureera. 

Jiraatan magaalaa Sambatee maqaan isaa akka eeramu hin barbaanne Addis Standard’tti akka himetti, “gareen finxaaleeyyii Faannoo jedhamu haleellaa godina kana keessa aanaa Jiillee Dhummugaatti namoota nagaa ajjeesuu, maddeessuufi qabeenya saamuu amaleeffateera,” jedha. 

Ajjeechaa Jimaata kunis “haleellaawwan irra deddeebiin raawwatan keessaa isa tokkoodha” jedhe. AS

Related Articles

Back to top button