ODUUSIYAASA

Oduu: Bulchiinsi magaalaa Finfinnee kootaa sabaa akka ulaagaa ramaddii gita hojii ol’aanaatti kaa’uusaa ni balaaleeffanna – Izeemaa

Finfinnee, Muddee 26/2023 – Qormaata gahumsaa hojjettoota mootummaa magaalaa Finfinneef kennamu ilaalachisee bulchiinsi magaalichaa ibsa akka laatu paartii Lammiilee Itoophiyaa Haqaa Hawaasummaaf (Izeemaa) gaafate. 

Paartichi ibsa kaleessa baaseen, barbaachisummaa qormaaticha irratti akka amanu eeruun, haata’u malee waajjira tokko keessa baay’inni daarektarootaafi hoggantoota saba tokkorraa kan ta’an 40% akka hincaalle godhamuuf karoorfamu ilaalchisee ibsa laatamu akka qabu ibseera.

“Waajjira tokko keessa baay’inni daarektarootaafi hoggantoota saba tokkorraa kan ta’an 40% akka hincaalle godhamuun dandeettii fi gahumsa, barnootafi muuxannoo irraa maddu xiqqeessee akka hinlaalle of eeggannoo gochuun barbaachisaa,” jedhe.

Dhaabbileen biyyattii keessa jiran hunda lammiilee hundaaf carraa wal qixa kennuu akka qaban akka amanu kan eere ibsi Izeemaa kun, haata’u malee “sadarkaa kanaan kootaa sabaa akka ulaagaa olaanaa kaa’uun tajaajila si’eessuus ta’e haqa mirkaneessu irratti faayidaa waan hin qabneef cimsinee balaaleeffanna,” jedhe.  

Qormaanni gahumsaa hojjettoota bulchiinsa magaalaa Finfinnee rakkoo teeknikaa mudateen Jimaata darbe otoo hin kennamiin hafe Sanbata dhufu Muddee 30, 2023 ganama sa’aatii 2:00 irraa eegalee akka laatamu gabaasuun keenya ni yaadatama. AS

Related Articles

Back to top button