ODUUSEERA FI HAQA

Oduu: Qondaalli ABO Battee Urgeessaa wabiidhaan akka gadhiifaman manni murtii ajaja dabarse

Finfinnee, Bitootessa 06/2024 – Yakka “jeequmsa kakaasuun” shakkamanii torban lama dura gaazexeessaa lammii Faransaay, Antuwaan Gaalindoo, waliin magaalaa Finfinneetti to’annoo jala kan oolan qondaalli siyaasaa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) Battee Urgeessaa har’a guyyaa sadaffaaf mana murtii dhiyaataniiru. 

Obbo Batteen akkaataa beellama dhaddacha Jimaata darbe laatameen har’a Mana Murtii Sadarkaa Duraa Finfinnee Daddacha Ramaddii Booleetti dhiyaatanii dhimmi isaanii kan ilaalame yoo ta’u, haaluma kanaan manni murtichi mirgi wabii isaanii eegameefi dhimma isaanii alaati akka hordofan murtoo dabarseera. 

Abukaatoon isaanii Boonaa Yaazoo Addis Standard’tti akka himanitti, poolisiin “qorannoon yeroon na hanqateera” jechuun yeroon qorannoo dabalataa guyyaa 11 akka kennamuuf kan gaafate yoo ta’u, abukaatonni himatamaa gama isaanii mirgi wabii akka eegamuuf gaafataniiru.

Manni Murtichaas falmii bitaafi mirgaa erga dhaggeeffatee fi ragaa qabatamaa dhiyaateef erga qorate booda Obbo Battee Urgeessaan mirgi wabii isaanii eegameefi wabii birrii kuma 100n akka gadhiifaman murtoo dabarseera. 

Qondaalli ABO Battee Urgeessaa guyyaa 10 dura gaazexeessaa Afrikaa Intalijansii Antuwaan Gaalindoo waliin wayita mana murtii dhiyaatanitti himatni “iccitii biyyaa dabarsanii kennuu”, akkasumas “Shanee fi Faannoo waliin shiruun Finfinnee keessa jeequmsa uumuuf yaalu” jedhu irratti dhiyaate ture. 

Gaazexeessaan Antuwaan Gaalindoo kamisa darbe himatnisaa addaan citee gara biyya isaa imalu isaa hordofee beellama dhaddacha lammataa Jimaata ooleen qofaa isaanii mana murtii kan dhiyaatan Batteen, addatti himata “Shanee deeggaruu” jedhu dhiyaachuu abukaatoon isaanii Boonaa Yaazoo himaniiru. 

Gaazexeessaa lammii Faransaay, Antuwaan Gaalindoo,  “eeyyama malee dhimmoota keessoo Itoophiyaa irratti hojjechuuf yaaleera” jedhamuun Battee Urgeessaa waliin torban tokkoof waajjira poolisii kutaa magaalaa Booleetti hidhamee erga ture booda “murtoo mootummaatin” gadhiifamuu Addis Standard gabaase ture.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Dhaabbatni falmaa mirga gaazexeessitootaa (CPJ) ibsa baaseen, hiikamuu gaazexeessaa kana jajuun gaazexeessitoota Itoophiyaa keessatti hidhamanii jiran biroos akka hiikaman waamicha dhiyeessuus ni yaadatama. AS

Related Articles

Back to top button