DHIMMA HAWAASAAODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Gareen al-Shabaab Oromiyaa godina Baalee keessa socho'aa jiraachuu, yaaddoo nageenyaa uumuu aanga’ootni waakkatan

Finfinnee, Ebla 01, 2024 – Garee al-Shabaab Naannoo Oromiyaa Godina Baalee keessa socho’aa jiraachuu fi namoota nagaa, hoggantootaa godinaa fi aanaa akkasumas qaamolee nageenyaa irratti ajjeechaa raawwaachuun soba jedhan aanga’oonni.

Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa gabaasa fuula 130 qabu, namoota waggoota shanan darban keessa birmadummaa isaanii sarbaman ilaalchisee Bitootessa 21, 2024 baase keessatti, gareen al-Shabaab jedhamu bosona godina Baalee keessatti namoota lammummaa biyyoota alaa qaban Keeniyaa, Somaaliyaa fi Yugaandaa keessatti leenji’aniin ijaarame yaaddoo nageenyaa ta’uun eerameera.

Komiishinichi bakka bu’aa poolisii godina Baalee ta’uu kan eere gargaaraa komiishinaraa Jeeyilaan Amaan waabeffachuun akka gabaasetti gareen kun miseensota foyee, leenjii loltummaa kennaafi ture. Dabalataan miseensota poolisii godinaa fi milishoota hedduu akka ajjeesee fi booda qaamolee nageenyaan tarkaanfiin irratti fudhatamuu ibse.

Haata’u malee hogganaa qajeelcha poolisii godina Baalee kan ta’an gargaaraa komishinaraa Jeyilaan Amaan, akka Addis Standard’tti himanitti gareen al-Shabaab godina Baalee keessa socho’u gonkumaa akka hin jirre himan. Itti dabaluunis, namootni nagaas ta’e miseensonni qaamolee nageenyaa garee kanaan godina Baalee keessatti ajjeefaman hin jiran jedhan. 

Haaluma wal-fakkaatuun godina Baalee Bahaa kan aanaaleen shan; Sawweena, Raayituu, Laga Hidhaa, Daawwee Qaachan fi Daawwee Sarar naannoo Somaaleen wal daangessan keessa sochiin al-Shabaab akka hin jirre hogganaan waajjira komunikeeshini godinichaa Obbo Nataa Dhaabaa Addis Standard’tti himaniiru.

Haata’u malee, Onkoloolessa bara 2016 (A.L.I) keessa miseensota garee al-Shabaab afur qabuun Raayyaa Ittisaa Biyyaatti kennuu, tokko immoo tarkaanfii irratti fudhatameen ajjeefamuu himu.  

Gareen kun naannoo daangaa naannolee Oromiyaa fi Somaalee, kessattuu Godina Baalee Bahaa, aanaa Raayituu keessa socho’a jedhamuus “hanga yoonatti sakatta’iinsa godhameen garee shororkeessa al-Shabaab arguu hin dandeenye, hin jiran,” jedhu aanga’aan kun. Namootni garee kanaan ajjeefamanis akka hin jirre dubbatu.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Bara 2001, gareen ‘Kawarijaa’ jedhamu, al-Shabaab waliin hidhata qaba jedhame, namoota filee leenjii loltummaaf mooraa galchuun, kaan ammoo leenjiif qopheessaa osoo jiruu hordoffii qaamolee nageenyaan irra gahamuu Mootummaan Naannoo Oromiyaa beeksisee ture. AS

Related Articles

Back to top button