DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Itoophiyaan Chaayinaa waliin ta’uun buufata tajaajila saatalaayitii hojii eegalchiifte

Finfinnee, Guraandhala 05, 2024 – Dhaabbanni Saayinsii Hawaafi Teessuma lafaa Itoophiyaa Chaayinaa waliin ta’uun giddugala odeeffannoo saatalaayitii biyyoota, dhaabbileefi fayyadamtootaa garaagaraatiif odeeffannoo sassaabuuf oolu eegalchisuu Zhinhuwaan gabaase.

Dhaabbatichatti daayireektara raawwii Saatalaayitii Malaakuu Mukaa piroojektiin kuni biyyootaafi dhaabbilee garagaraatiif hojiilee odeeffannoo sassaabuu, hojiirra oolchuufi xiinxaluu gaggeessuun galii argamsiisuu eegaluu dubbataniiru.

Giddugalli odeeffannoo saatalaayitii kuni Finfinnee giddugala qorannoo saayinsii hawaa Inxooxxootti argamutti ijaarame kuni dandeettii odeeffanno qulqullaa’aa ta’e sassaabuu qaba jedhame. 

Gidugalli kuni tajaajila buufata lafarraa kan akka odeeffannoo sassaabuu, xiinxaluufi hojiirra oolchuu guutumatti eegaluu Zhiinhuwaan Malaakuu wabeeffachuun gabaaseera.

Hojiirra oolmaan piroojektii kanaa adeemsa Itoophiyaan gabaa saatalaayitii addunyaatti makamuuf gochaa jirtu kan saffisiisuufi biyyattiidhaaf galii maallaqaa kan argamsiisu ta’uu himameera.

Biyyoonni giddugala saatalaayitii mataasaanii hin qabne tajaajila kanatti fayyadamuun baasii madaalawaadhaan akka tajaajila argatan kan taasisu ta’uu Malaakuun dubbataniiru.

Itoophiyaan saatalaayitii jalqabaa ETRSS-1 jedhamtu Chaayinaatti bara 2019 gara hawaatti erguun ni yaadatama. giddugalli sochii saatalaayitii kanaa ajajuufi too’atu gaara Inxooxxoo kan qarqara Kaaba  Finfinneetti ijaarameen ta’uu ibsameera.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Hariiroon Itoophiyaafi Chaayinaan gama ijaarsa saatalaayitiitiin qaban “murteessaa” ta’uu Malaakuun himan.

Itoophiyaan buufata satalaayitii meetira 7.3 dheeratu Inxooxxootti Caamsaa 2021 keessa hojiirra oolchitee suuraa qulqullina olaanaa qabu argachaa jiraachuu himeera.

Ogeeyyiin Itoophiyaanota ta’an beekumsaafi muuxannoo Chaayinoota irraa horataniin yeroo ammaa kanatti ofiisaanitiii giddugala kana too’achaa jiraachuun himameera.

Itoophiyan saatalaayitii mataashee hojii akka eegalchiiftuuf gaheen Chaayinootaa olaanaa turuus eerameera. AS

Related Articles

Back to top button