ODUUSIYAASA

Oduu: ABO’n qorannoon mootummaan ajjeechaa Battee Urgeessaarratti gaggeessu "ragaa waliin dhahuu, oduu sobaafi duula hololaatiin burjaaja’eera" jedhe

Finfinnee, Ebla 15, 2024 – Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) amanummaa qorannoo ajjeechaa qondaala Battee urgeessaa kan godina Shawaa Bahaa magaala Maqiitti torban dabee keessa raawwatamee irratti shakkii kan qabu ta’uu ibseera.

ABOn ibsa Ebla 14, 2024  baaseen akka jedhetti, “Qorannoon mootummaan nan gaggeessa jedhu jalqabumarraa amanamummaa akka hin qabne taateewwan rakkoo walabummaa dhabuu, ragaa balleessuu, holola sobaa tamsaasuufi odeeffannoon dogoggoraa hedduu deemaa jiran agarsiiftuudha,” jedheera.

ABO’n “odeeffannoo amanamaa” nan qaba jechuun Batteen hoteela keessa ture keessaa humnoota mootummaatiin fudhatamuufi yoosuma “garmalee rukutamuu” eereera.

Namoonni wanta mudate rageessuu danda’an kan akka eegduu hoteelaafi waardiyyaa kan reeffa Battee halkan tiksaa bulan mootummaatiin “butamuufi dhabamsiifamuun ragaa dhabamsiisuufiiidha”jedheera

Mootummaan Naannoo Oromiyaa, ibsa Roobii darbe baaseen, “adeemsi ajjeechaa Battee mootumma waliin walqabsiisuuf taasifamufudhatma hin qabu” jehdee ture. Batteen “namoota eenyummaansaanii hin beekamneen ajjeefame’ jechuun, “eeenyuyyuu ta’u gochaan raawwatame gonkumaa fudhataama hin qabu” jedheera.

ABO’n ibsa kanaan, namoonni dhuunfaafi gareen Mootummaa Naannoo Oromiyaafi Paartii Badhaadhinaa waliiin hidhata qaban ajjeechaa kana maatii Batteetiin walqabsiisuu yaadu jedheera.

“Miseensi maatii [Battee] humnoota tikaa waliin tumsuun harkasaa dubatti hidhuun konkolaataarra baasee iddoo fagoo geessee yeroo humnoonni tikaa kunneen rasaasa 11 rukutan ni daawwata jechuun waan hin fakkaanneedha,” dabalee jedheera.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Ajjeefamuu Battee Urgeessaatiin walqabatee obboleessa Battee Urgeesssa Milloofi obboleettiisaa Simboo kan boodarra gadhiifaman dabalatee namoonni 13 too’annoo jala oolfamuu Qajeelchi Poolisii Godina Shawaa Bahaa beeksisee ture. Gargaaraa komishinaraa Taarikuu Dirbaabaa gareen qorannoo gaggeessu ijaaramee hojiitti galuu OBN’tti himeera.

Ajjeechaan rogeeyyii siyaasaa, aadaafi mirga namoomaarratti waggoota shanan darban keessa raawwataman furmaata dhabuu ABO’n eereera. Sababiinsaas qorannoon ajjeechaa kanneenii ragaa dhabamsiisuu, duula oduu sobaa uumanii tamsaasuufi haqa jallisuu bal’inaan gaggeeffameen kan walqabatu ta’uu himeera.

Qaamoleen akka dhaabbilee mirga namoomaa kana akka Hiyumaan Raayts Waach, Amineestii Intarnaashinaalii, komishinii mirga namoomaa Itoophiyaa, Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, Gamtaa Afrikaafi diiploomaatonni idiladdunyaa qorannoo walabaawaafi haqa-qabessaa akka taasisan ABO’n gaafateera. AS

Related Articles

Back to top button