DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Itoophiyaatti baatii darbe keessa qofa namoonni 764 dhibee busaan du’an - UN

Finfinnee, Bitootessa 27/2024 – Itoophiyaatti baatii Guraandhala keessatti qofa namoonni 764 dhibee busaan du’uu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti Qindeessaa Dhimmoota Gargaarsa Namoomaa (OCHA) beeksiseera. Kunis du’a namoota 611 baatii Amajjii keessatti mudaterraa caalaa 25% kan qabu ta’uu ibseera. 

Dhaabbatichi gabaasa Bitootessa 25 baase akka mul’isutti,  walumaa galatti bara kana hanga ammaatti namoonni dhukkuba busaan qabaman miiliyoona 5.2 kan gahe yoo ta’u, kunis gamanumaan lakkoofsa waliigalaa bara darbee galmaa’e caaleera.

Akka OCHA’n gabaasetti, naannoleen haalaan miidhaman Oromiyaa, Amaaraa, Kibbaa Lixaa, fi Kibbaa ta’uu ibseera. 

Kana malees, dhibeen girfiraa aanaalee 71 keessatti mudachuu fi baatii Guraandhala keessatti qofa namoonni 315 dhibee kanaan du’uu gabaafameera. Walumaa galatti biyyattii keessatti namoonni 42,000 ol dhibee kanaan kan qabaman yoo ta’u, naannoleen haalaan miidhaman Oromiyaa, Kibbaa Lixaa, Somaalee, Amaaraa fi Kibba Itoophiyaa ta’uu ibsameera.

Gama biraatin, haalli buqqaatonni godinaalee Oromiyaa garaa garaa keessatti argaman haalaan yaaddeessaa ta’uu ibseera. 

Aanaalee 25 godina Arsii keessatti argaman keessaa 19 rakkoo nageenyaa qabaachurraan kan ka’e, Muddee 2023 hanga Guraandhala 2024 gidduutti namoonni 40,000 ol qe’ee isaanirraa buqqa’uu gabaafameera. Kana malees, dhaabbileen fayyaa hedduu hojii dhaabuu isaanin daa’imman gara 3,800 fi haadholii harma hoosisan 800 ta’an kunuunsa fayyaa barbaachisaa akka hin arganne taasiseera. 

Haalli hongee fi lolaa godinicha keessa jiru rakkoo buqqaatotaa kan hammeesse yoo ta’u, hawaasni godinichaa kuma 345 ta’an gargaarsa nyaataa hatattamaa kan barbaadan ta’uu ibsameera. 

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Kana malees, bara 2018 irraa eegalee walitti bu’iinsa itti fufiinsaan deemaa jiruun naannoo godina Boorana Bahaa, Gujii fi Gujii Lixaatti namoonni kuma 453tti tilmaamaman buqqa’anii akka hafan aanga’oota naannichaa irraa odeeffachuu OCHAn ibseera. AS

Related Articles

Back to top button