ODUUSIYAASA

Oduu: Paartii Federaalawaa Sidaamaa miseensonni isaa sadi seeraan ala hidhamuu ibse; Atattamaan akka hiikaman gaafate

Finfinnee, Onkoloolessa 04/2023 – Paartiin Federaalawaa Sidaamaa miseensota isaa sadi aanaa Beensaa magaalaa Daayeetti seeraa ala to’annoo jala ooluu ibse. Itti gaafatamaan waajjira paartichaa obbo Gannane Hasaanaa Addis Standarditti akka himanitti, miseensonni paartichaa maqaan isaanii Alamaayyoo Ayyalaa, Habtaamuu Taarikuu fi Getaahun Gannaalee jedhaman ajaja mana murtii malee to’annoo jala oolaniiru.

Itti gaafatamaan kun kun Addis Standard’tti akka himanitti Alamaayyoon Fulbaana 21 gara aanaa Buraa osoo imalaa jiruu to’annoo jala oole. Ganama itti aanu Habtaamuu fi Geetaahuun magaalaa Daayinee keessatti hojii dhaabaa isaanii osoo raawwatanii hidhamuu isaanii ibsaniiru. Itti dabaluunis, hidhaan kun ajaja seeraan ala ta’een waan raawwatameef dhaabbatichi hidhamuu kana cimsee balaaleffata jedhan.

Mootummaan naannoo Sidaamaa miseensota paartii mormituu to’annoo jala oolchuuf ciminaan hojjachaa jira kan jedhan obbo Gannaneen, gariin isaanii akka dhokataniif dirqisiisaa jira jedhan. Itti dabaluunis, “hidhaan kun paartichi malaammaltummaa bal’inaan naannicha keessatti mul’ate akka hin qoratnee fi hin saaxille gochuuf yaalii godhame ta’uu Paartiin Federaalistii Sidaamaa ni amana,” jedhan.

“Miseensonni dhaabichaa sadan mana hidhaa keessa jiran hatattamaan akka hiikaman, hojimaanni seeraa sirrii ta’e akka jiraatu fi qabiinsi loogii qabu akka dhaabbatu gaafanna” jedhan. Paartichi miseensota isaa bilisa baasuuf tattaaffii taasisaa jiraachuus himan.

Paartichi dhimma haala yeroo naannoo Sidaamaa ilaalchisee ibsa tibbana baaseen, ummanni Sidaamaa sadarkaa naannootti erga gurmaa’ee kaasee hanga ammaatti sababa hanqina bulchiinsa gaarii, malaammaltummaa, hojimaata badaa, dhabiinsa haqaa, hidhaa seeraan ala, siyaasa shiraa fi gosummaan saaxilamuu isaatin rakkoo siyaasaa, hawaasummaa fi dinagdee keessa kufeera jechuun isaa ni yaadatama. AS

Related Articles

Leave a Reply

Back to top button