DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Itoophiyaatti qaala'insi jireenyaa dabalaa jiru "lammiilee hiyyummaaf saaxiluu" qorannoon agarsiise

Finfinnee, Bitootessa 27, 2024 – Dhaabbati Afroo Baaroomeetir jedhamu qorannoo gaggeesse jedheen Itoophiyaatti qaala’iinsi jireenyaa dabaluun “namoonni hiyyumaa keessa galaa jiru” jedhe.

Dhaabbatichi ibsa 27 guyyaa har’aa baaseen, qaala’iinsi jireenyaa mudate kuni bara dhufutti itti fufu danda’a jedheera.

Dhaabbatichi Itoophiyaanota dhimma qaala’iinsa jireenyaarratti dubbise keessaa harki caalu “qaala’iinsi jireenyaa rakkisaa” ta’uu natti himaniiru jedheera.

Bara 2020 wal bira qabamee yoo ilaalamu namoonni haala jireenyasaaniitti gammadaa turan 51% yoo ta’u amma garuu 13% gadi bu’eera jedhe.

Ummanni walakkaa baay’ina uummata biyyattii ta’an baroota darban keessa galii maallaqaa, tajaajila fayyaafi takjaajila bu’uuraa biroo argachuu hin danda’an jedheera.

Itoophiyaanota gaafadhe keessaa 65% kan ta’an haala jireenyaa rakkisaa ta’uu akka himan eereera. Akkasumas, 75% kan ta’an hanga ta’e rakkisaa ta’uu kan himan ta’uu eeruun 65% kan ta’an haalli jiru of duratti ulfaachaa deema yaada jedhu natti himaniiru jedhe.

Haa ta’u malee, 42% kan ta’an haalli jireenyaa ji’oota 12 itti aanan keessatti ni foyya’a jedhanii kan amanan yoo ta’u 39% kan ta’an immoo qaala’iinsi jireenyaa ulfaachaa deema jedhaniiru.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Akka gabaasa dhaabbatichaatti, waggaa darbe keessa 61% kan ta’an jireenya hiyyuummaa jiraataniiru.

Afoobaarommeetiriin dhaabbata Paan-Afrikaanizmii diimookraasii, bulchiinsa, haala jireenyaarratti qorannoo gaggeessuun beekamuudha.

Dhaabbati kuni Caamsaa 25fi waxabajjii 22, 2023 keessa namoota 2,400 afgaaffadheera jechuun gabaasni dhiyaate kuni deebii namoonni laatan xiinxaluun firii argameen kan walqabatu ta’uu eereera. AS

Related Articles

Back to top button