ODUUSIYAASA
Trending

Dhimmoota ijoo yaa’ii dureewwan Gamtaa Afrikaa 37ffaa irratti mudatan maal fa’i? 

Finfinnee, Guraandhala 19/2024 – Yaa’iin Dureewwan Gamtaa Afrikaa 37ffaa guyyoota lamaan darbaniif bakka hoggantoota, ministiroota, dippiloomaatota fi hoggantoonni dhaabbilee gamtichaa argamanitti gaggeeffamee xumurameera. 

Yaa’iin gamtichaa kun dhimmoota ijoo miidiyaa hawaasaa ta’an keessummeesse darbeera. Dhimmoota ijoo kunneen keessaa walhimannaa Somaaliyaa fi Itoophiyaa, akkasumas dhimma waraana Israa’elii fi Hamaas ilaalchisee haasawaan Pireezidaantii Biraazil taasisan ni eeramu.

Yaa’ii kanarratti hirmaachuuf Jimaata darbe Finfinnee kan galan Pireezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad ”humnoonni nageenyaa Itoophiyaa galma wal-gahii Gamtaa Afrikaa akka hin seenneef na dhorkuuf yaalaniiru” jechuun himachuun isaanii ni yaadatama. Boodarra garuu akka eeyyamameefi galmatti galanis himaniiru.

Kana malees, pirezidantichi humnoonni nageenyaa mootummaa Itoophiyaa walgahii Gamtaa Afriikaa (AU) irratti akka hin hirmaanne ”na dhorkuuf yaalan” jechuun erga himatanii sa’aatii muraasa booda turtii isaanii Finfinnee addaan kutuun gara Somaaliyaatti deebi’uun gabaafameera.

Pireezidaant Hasan Sheek Mohaammad Sanbata galgala gara Moqdiishootti erga deebi’anii booda waajjirri isaanii ibsa baaseen, Itoophiyaan sochii Pireezidaantii Somaaliyaa danquuf yaalteetti jechuun himateera. 

Dhimma kana ilaalchisee mootummaan Itoophiyaa ibsa kaleessa baaseen, “himannaan gama mootummaa Somaaliyaa irraa dhiyaate xiyyeeffannoo miidiyaalee harkisuuf kan kaayyeeffateeti,” jechuun kufaa taasiseera. 

”Jilli Somaaliyaa humnoota nageenya isaaniif ramadameef fudhachuu diduun, inumaayyuu humnootni nageenyaa jila Somaaliyaa waliin jiran meeshaa waraanaa qabachuun mooraa Gamtaa Afrikaa galuuf yoo yaalan humnoota nageenyaa Gamtaa Afrikaa [AUC] dhorkamaniiru,’’ jedha deebiin mootummaa Itoophiyaan laate.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Xumura yaa’ii gamtichaa ilaalchisee kaleessa ibsa kan laatan Deetaan Ministira Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Salaamaawit Kaasaa, “gochi Somaaliyaa, simannaa Itoophiyaan keessummoota isheef taasifte kan hin madaalleedha,” jedhan. 

Itoophiyaan, hoggantoota biyyoota miseensa gamtichaa ta’an yaaddoon nageenyaa akka isaan hin mudanne itti gaafatamummaa guutuu fudhattee hojjechuus ibsaniiru.  

Gama biraatin, Pirezidaantin Biraazil Luulaa Daasilvaa yaa’ii dureewwan Gamtaa Afrikaarratti argamuun haasaa taasisaniin duula waraanaa Israa’el Gaazaatti gaggeessaa jirtu duguuggaa sanyii Naaziin Yihudoota irratti gaggeesse kan fakkaatudha jechuun isaanii Israa’el heddu dheekkamsiise.

Pireezidaant Luulaa Daasilvaan, haleellaa waraanaa Israa’el Gaazaatti gaggeessaa jirtu kana “waraana loltootafi loltoota gidduutti gaggeeffamuu miti. Waraana humna waraanaa sirriitti qophaa’efi dubartoota akkasumas ijoollee gidduutti gaggeeffamuudha,” jechuun ibsan.

Haasawaa Pireezidaantii Biraazil hordofee Ministirri Muummee Israa’eel Beeniyaamin Netaaniyaahuu deebii laataniiru. Netaaniyaahuun, dubbiin Luulaa Daasilvaa “duguuggaa Yihudootarratti raawwate xiqqeessufi Yihudootarraan miidhaa kan gahu akkasumas Israa’el mirga of-ittisuu qabdu kan sarbuudha,” jedhan.

Kana malees, Israa’elitti ambasaaddara Biraazil waamanii dubbisuuf beellama qabachu isaanii gabaafameera. AS

Related Articles

Back to top button