AF-GAAFFIIDHIMMA HAWAASAA
Trending

Abdii Dheekkamaa: Dargaggoo gosa ispoortii wal’aansootin akka biyyaatti dorgomee medaaliyaa Warqee 14 mo’ate

Geetahun Laggasaatin @Birmaduu2

Finfinnee, Gurandhala 24/2024 – Abdii Dheekkamaa Sooraa dhalatee kan guddate godina caaseffama haaraatin Boorana Bahaa jedhame, aanaa Gooroo Doolaatti. Ijoollummaa isaatii kaasee ispoortii aadaa wal’aansootiin beekamtii olaanaa argateera. Dorgommiilee akka biyyaatti taasifaman hedduu mo’achuun medaaliyaa warqee 14 Oromiyaaf argamsiiseera. 

Milkaa’ina dorgommii shaampiyoonaa mo’achuun argachuu hordofee qaamolee garaagaraa irraa waraqaa ragaa argateera. Yeroo ammaa kana Abdiin dorgomaafi leenjisaa gosa ispoortii wal’aansooti.

Wal’aansoon dorgommiiwwan gosa ispoortii aadaa Oromoo miidhagoo ta’an keessaa isa tokko ta’ee osoo jiruu beekamtii fi kunuunsi isaaf malu argachuu dhabuu isaatiin xiqeeffachuu kan himu Abdiin, “gosti ispoortii kun yoo kunuunfame madda galii aadaafi tuurizmii ta’ee dinagdee biyyattii utubuu danda’a jedheen yaada,” jedha.   

Abdiin yeroo ammaa dargaggoo umrii 28 yoo ta’u, barumsa digrii jalqabaa barachaa jira. Abdiin muuxannoo fi deemsa jireenya isaa ilaalchisee Addis Standard waliin turtii bal’aa taasiseera. Itti dhiyaadhaa!

Addis Standard: Abdiin eenyu?

Abdii Dheekkamaa: Maqaan koo guutuu Abdii Dheekkamaa Sooraa jedhama. Jiraataa aanaa Gooroo Doolaati. Wal’aansoo dorgomuu ergan eegalee waggoota 16 guuteera. Waggoota kudha jahan darban keessatti dorgommiilee garaagaraa kan sadarkaa aanaa, godinaafi naannoo Oromiyaatti gaggeeffaman irratti hirmaachuun milkaa’ina hedduu galmeesseera. 

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

AS: Ispoortii wal’aansoo akkamitti eegalte?

Abdii: Ispoortii miidhagaa kana kanan eegale ijoollummaa kootii kaasee hiriyyoota koo waliin taphachuuni. Haata’u malee, dorgommii wal’aansoo kan eegale bara 2001 ALI’tti aanaa Gooroo Doolaatti ture. Erga bara sanii kaasee bara 2008 sababa rakkoo nageenyaa tureen dorgommiin kuni hin gaggeeffamin hafe malee waggaa waggaan hirmaataafi moo’ataa tureera. Waggoota darban kana keessatti godina, aanaafi naannoo Oromyaatiif meedaaliyaa warqii argamsiiseera. Dorgommii bara kanaas [2016] akka Oromiyaatti magaala Ambootti gaggeeffamerratti tokkoffaa bahuun meedaaliyaa warqee argamsiiseera. 

Taphoota aadaa garaagaraa kan danda’u, ta’us ispoortii wal’aansootiin ogeessa milkaa’ina guddaa galmeesse hordofuun yeroo baay’ee isaan dorgomaa tureera.

AS: Wal’aansoon ispoortii akkamiiti?

Abdii: Wal’aansoo ispoortii aadaa Oromoofi Afrikaanotaa keessaa isa tokkoodha. Kana malees, dorgommiin ispoortii wal’aansoo kuni akka ispoortiiwwan gosoota biroo sadarkaa addunyaatti beekamaafi jaalatamaadha. Haa ta’u malee, sadarkaa biyyaattiifi ardii Afrikaatti beekamtiifi xiyyeeffannoo gahaa hin arganne.

Wal’aansoo ispoortii salphaa miti. Ispoortii tooftaafi muuxanoo gahaa barbaaaduudha. Ani kan na fayyade muuxannoo daa’imummaarraa kaasee kuufadheedha. Yeroon loon tiksinu hiriyoota koo waliin taphachaan ture. Yeroo loon bishaan obaafne deebifne ispoortii kana taphanna ture.

Wal’aansoo biyyoota biroo birattis beekamaadha. Namoonni dorgomii akkasiitiin beekaman hedduudha.

AS: Gama ispoortii kanaan leenjii fudhatte jira? 

Abdii: Ispoortii wal’aansoo taphachuu daa’imummaarraa kootii kaasee ijoollee ollaa waliin taphachaan guddadhe. Sana booda muuxannoo tapha kanarraa argadhe hordofuun dorgommiilee garaagaraarratti milkaa’eera.

Muuxannoofi milkaa’ina argadherraa ka’uun yeroo ammaa taphataa dorgommiii kanaa qofa osoo hin taane leenjisaas ta’eera. Waraqaa leenjisaa bulchiinsa mootummaa naannoo oromiyaarraa argadheera.

Ijoollee ganda keenya keessatti waliin taphannu tooftaa ittiin falmuu garagaraa mul’isuudhaan gahumsa olaanaa agarsiisuu kootiin dorgomaa ta’ee argameera. Oromoofi Oromiyaa bakka bu’ee meedaaliyaa warqee 14 argamsiiseera.

AS: Waa’ee dorgommiiwwan moo’atteefi geeba argatte nutti himi mee?

Abdii: Dorgommii akka biyyaatti taasifame keessaa dorgommiiwwan 14 moo’achuun meedaaliyaa warqee argadheera. 

Dorgommii shaampiyoona ispoortii aadaa guutuu Oromiyaa marsaa 29ffaa Godina Shawaa Lixaa magaala Ambootti gaggeeffamaa tureen Godinni Gujiitiif meedaaliyaa Warqee argamsiisuun milkaa’inaan xumureera.

Akkasumas, Godinni Gujii dorgommii shaampiyoonaa ispoortii aadaa godinoota 17 fi magaalota 10 gidduutti Godina Shawaa lixaa Magaalaa Ambootti gaggeefamaa ture irratti godinni Gujii geeba afuriifi medaaliyaa 11 argamsiisuun xumureera.

Dorgommii kanaan godinni Gujii wal’aansoo dhiiraafi dubaraan tokkoffaa bahuun meedaaliyaa warqee fudhateera. Dorgommii wal’aansoo dhiiraa kana godinichaaf kan moo’achuu kootti nan gammada. 

Kanatti aansuun, dorgommiin ispoortii akka biyyaatti magaala Finfinneetti gaggeeffamurratti nan hirmaadha. Sana booda Itoophiyaa bakka bu’uun sadarkaa Afrikaafi addunyaatti dorgomuun hawwii kooti.

AS: Rakkooleen si mudate jira?

Abdii: Rakkoon ijoo akka taphataa wal’aansoo tokkootti akka dhuunfaatti na qunname baay’ee miti. Haa ta’u malee, beekamtiin ispoortii wal’aansoo kanaaf kenname gadi aanaa ta’uun rakkoo ijoodha.  Ispoortii kanaaf xiyyeeffannoon osoo kenname madaa tuurizmii ta’uun biyyaaf galii argamsiisuu danda’a. kanaafuu, hawaasni biyyattii xiyyeeffannoo akka kennuun gaafadha.

AS: Barnoota maal baratte?

Abdii: Yeroo ammaa gosa barnoota akkaawuntiigii fi bulchiinsaa barataa waggaa afraffaati. Dorgomaa ispoortii wal’ansoorraa gara ogeessaa akkaawuntiingiitti ce’uun ulfaataa fakkaatus yeroon eebbifameetti gama kanaan biyya koo tajaajiluu nan barbaada.

AS: Kaayyoon kee gara fuulduraa maali?

Abdii: Gara fulduraatti ispoortiin addaa kuni ispoortii jaalatamaafi seena-qabeessa hawaasa keenya waliin hidhata guddaa qabu waan ta’eef ispoortii kana guddisuuf kaayyoo guddaa qaba. Ogeeyyii gosa ispoortii kanaan akka biyyaaleessaafi akka addunyaatti namoota hedduu leenjisuufi gosa ispoortii kanaaf beekamtiin akka kennamuuf hojjachuun barbaada.

Kaayyoo koo kana dhugoomsuuf yeroo hojjadhutti qormaanni gurguddaan na mudachuu danda’a jedheen amana. Haa ta’u malee, hawaasa Oromoo qabadhee nan milkaa’uu koo hin oolu. 

AS: Dhaamsa dabarsitu yoo jiraate…

Abdii: Ispoortiin aadaa ispoortii dansaadha. Ispoortii yeroo baay’ee ittiin bashannanaa guddanne waan ta’eef kunuunsaafi beekamtiin kennameefi guddifamuu qaba. Itoophiyaan ogeeyyii kanaan dorgoman addunyaaf dhiyeessuu qabdi. Anis gama kiyyaan gargaarsaafi tumsa barbaachisaa gochuuf qophiidha. AS

Related Articles

Back to top button