SIYAASAXIINXALA ODUU

oduu: Paartiin Badhaadhinaa 'raayyaa miidiyaa' hundeesseen duula olola gaggeessaa jira: BBC

Finfinnee, Ebla 19, 2024 – BBC’n qorannoo gaggeesseera jechuun gabaasa baaseen, miseensonni paartii badhaadhinaa keessumaa kan bulchiinsa magaalaa Finfinnee duula miidiyaa qindaa’e karaa Feesbuukiitiin gaggeessaa turaniiru jedhe.

Akka gabaasa BBC’ttti, hojiin damee miidiyaa “raayyaa miidiyaa” jedhamuun beekamu kuni barreeffamootaafi fakkiiwwan olola sobaa garaagaraa tamsaasuudha jedhe. Akkasumas, hoggantoonni aanaalee magaalattii “mootummaadhaaf maqaa gaarii tolchuuf”karaa Fesbuukiitiin duula gaggeessuurratti hirmaataniiru jedhe.

Hoggansi aanaalee fi caasaalenn achi jalatti argaman gareewwan WhatsApp fi Telegiraamii fayyadamuun ergaawwan duula miidiyaa tamsaasuu eereera. BBC xiinxala kana kan hojjate ergaawwaan karaa miidiyaa hawaasaatiin ergaman hordofuufi odeeffannoo Feesbuukii walitti qabuun ta’uuu ibseera.

Dhaabbanni Feesbuukii bulchu, Meettaan deebii BBC’f kenneen ”akkaawuntiiwwan sobaa’’ fayyadamuun maxxansoota Fesbuukii ”mootummaa Itoophiyaarratti yaadota qajeelaa baay’ee ibsan’’ qorannoon akka irra gahe BBC’tti himuun gabaafameera. Akkaawuntiiwwaniifi peejiiwwan ykn fuulawwan sobaa sochii kana keessatti hirmaatan irrattis tarkaanfii fudhachuu Meettan ibseeera.

Paartiin Badhaadhinaa, gama isaatiin, caasaan ‘raayyaa miidiyaa’ jedhamu ”hin jiru’’ jechuun BBC’f barreeffamaan deebisuun eerameera. Barreeffamoonniifi suuraawwan oduu sobaafi haasaa jibbinsaa jedhamanii lakkaa’aman [tamsa’aniiru] jechuun kan ibsame tasumaa fudhatama hin qabu,’’ jehuun waajjirri muummee paartii badhaadhinaa BBC’tti himeera.

Baatii sadii dura ALI Amajjii 02, 2016 guyyaa keessaa sa’aatii sagalii eegalee ergaawwan ”Abuuna Peexiroos biyyaa baqatan’’ jedhan Feesbuukiirratti faca’uu eegaluu qorannoon BBC mul’iseera. Ergaawwan kunneen kan tamsa’an Barreessaan Olaanaa Qul. Sinodoosii Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa Abuuna Peexiros Finfinneedhaa gara Ameerikaa imaluu hordofeeti.

Gareewwan WhatsApp caasaaleen aanaa dhaaba biyya bulchuu miidiyaalee hawaasummaa irratti ergaawwan akka faca’u barbaadan kan ‘raayyaa miidiyaaf’ itti dabarsanidha.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

BBC’n gareewwan WhatsApp kanneen keessaa tokko keessatti miseensota ‘raayyaa miidiyaa’ fi aangawoota gidduu ergaawwaniifi ajajawwan darbaa turan akkasumas duulawwan gaggeeffaman hordofaa tureera. Gareen WhatsApp kun waajjira paartii aanaa tokko kutaa magaalaa Qirqoos waajjira damee paartii Badhaadhinaa jalatti buludha.

Ergaan miseensota ‘raayyaa miidiyaatiif’ ergamu karaa fuulawwan Feesbuukiitiin bal’inaan akka tamsa’u dammaqinaan qindeessaa. Caasaan keenya qooda hin fudhanne akka hin jiraanne. Hunduu haa hirmaatu!” ajaja jedhu kan qabate ta’uu BBC’n barreesseera. AS

Related Articles

Back to top button