ODUUSIYAASA

Oduu: Pireezidaantiin Somaaliyaa dhimma waliigaltee Itoophiyaa fi Somaalilaand ilaalchisee yaada kennan “of eeggannoodhaan kan guutame” ta’uu qaba – UN

Finfinnee, Guraandhala 20/2024 – Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii walgahii kaleessa galgala gaggeesseen, Somaaliyaatti Bakka Buutuu Addaa Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UN) fi hoggantuu ergama UN (UNSOM) kan ta’an Kaatriyaa Laayiing, yaa’ii Gamtaa Afrikaa booda waldhabdee Itoophiyaa fi Somaaliyaa gidduu uumame irratti fooyya’insa qabatamaa mul’isu dhabuu isaa “kan gaddisiisu” jechuun ibsan.

Pireezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad waliigaltee wal-hubannaa ulaa galaanaa Itoophiyaa fi Somaalilaand gidduu mallatteeffame ilaalchisee yaada kennan “of eeggannoodhaan kan guutame” ta’uu qaba kan jedhan Kaatriyaa Laayiing, al-Shabaab waldhabdee naannicha keessatti uumame miseensota haaraa argachuuf akka carraa gaariitti fayyadamaa jiraachuun isaa kan nama yaaddeessu ta’uu himaniiru. 

Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii walgahii kaleessa Guraandhala 20, 2024 gaggeesseen waldhabdee Itoophiyaa fi Somaaliyaa gidduu uumame irratti mari’ateera. Miseensonni mana marichaa waldhabdee Itoophiyaa fi Somaaliyaa gidduu uumame akka isaan yaaddeesseefi biyyoonni lamaan dhimmicha mariidhaan akka hiikan waamicha dhiyeessaniiru.

Mana marichaatti argamuun ejjennoo mootummaa isaanii kan dhageessisan UN’tti ambaasaaddara Somaaliyaa kan ta’an Abukaar Osmaan, “waliigalteen mootummaan Itoophiyaa karra galaanaa argachuuf jecha Somaalilaand waliin mallatteesse abbaa biyyummaa fi walabummaa Somaaliyaa sadarkaa idil addunyaatti fudhatamummaa qabu kan sarbeedha,” jechuun morman.

“Itoophiyaan lafa Somaaliyaa irratti buufata waraanaa kan hundeessitu yoo ta’e, Somaaliyaa fi ummata ishee irratti waraana akka labsitetti ilaalama,” kan jedhan Abukaar Osmaan, gochi Itoophiyaan kun “duula waggoota kurnan sadiif al-Shabaab irratti gaggeeffamee bu’aa argame duubatti kan deebisuuti” jechuun akeekkachiisaniiru.

Bu’aan gocha kanaa “biyya saboota hedduu qabdu Itoophiyaatti tasgabbii dhabsiisuu akka danda’u” ibsaniiru. Kana malees, “gareewwan sabummaa yaada fottoqaa qabatanii naannicha keessatti socho’an akka dagaagan haala mijataa akka uumuudha,” jedhan. AS

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Related Articles

Back to top button