ODUUSIYAASA

Oduu: Bulchiinsi Yeroo Tigraay "mootummaan naannoo Amaaraa lafa Tigraay sirna barnootaa fi kaartaa isaa keessatti galche” jechuun himate

Finfinnee, Bitootessa 25/2024 – Mootummaan Naannoo Amaaraa kaartaa naannichaa “lafa Tigraay qaama bulchiinsa isaa taasisuudhaan” qopheessuu fi sirna barnoota keessa galchuun ittiin barsiisaa akka jiru hubachuu Bulchiinsi Yeroo Naannoo Tigraay ibsa har’a Bitootessa 25 baaseen beeksiseera. 

Bulchiinsi Yeroo Naannoo Tigraay ibsa isaatin, mootummaan naannoo Amaaraa gocha kana kan raawwate haala “itti gaafatamummaa hin qabne” qofaan osoo hin taane; “duulli Tigraay cicciranii balleessuuf taasifamaa jiru akka hin dhaabbanneef ammallee haala hamaa ta’een hojjechaa akka jiru hubachuu dandeenyeerra” jechuun balaaleffataniiru.

“Mootummaan naannoo Amaaraa dararaa fi gidiraa ummata Tigraay irratti raawwachaa ture, keessattuu iddoowwan naannoo Tigraay humnaan to’atan keessatti raawwateen gaabbuu osoo qabu dogoggora seenaa akkasii raawwachuun gatii akka isa kaffalchiisu beekee hatattamaan sirreessuu qaba” jechuun akeekkachiiseera.

Mootummaan federaalaas gochaalee walfakkaataa kanaan dura dhaabbilee mootummaa federaalaatiin raawwataman, ammammoo mootummaa naannoo Amaaraatin “karaa itti gaafatamummaa hin qabneen” kaartaa qophaawaa jiran sirreessuu fi tarkaanfii barbaachisu fudhachuurraa “gocha raawwatame akka hin ilaalleetti darbuun isaa qaama balleessaa kanaa ta’uu agarsiisa” jedhe. 

Yeroo ummanni Tigraayii fi bulchiinsi yeroo naannichaa waliigaltee Piriitooriyaa guutummaatti hojiirra oolchuun nagaa fi tasgabbii mirkaneessuuf kutannoo guutuudhaan hojjechaa jiran kanatti, mootummaan naannoo Amaaraa gocha kana raawwachuun isaa “adeemsa nagaa booressuuf itti yaadamee kan raawwatame” ta’uu beekamuu qaba jedhe. 

Kana malees, uummatni Amaaraa “dararaa fi miidhaa” mootummaan naannoo Amaaraa uummata Tigraay irratti raawwataa jiru balaaleeffachuun akka cinaa dhaabbatan waamicha dhiyeesseera. 

Yoo kun ta’uu baate garuu, “waan itti aanee dhufu hundaaf itti gaafatamummaa kan fudhatu mootummaan naannoo Amaaraa ta’uu beeksisuu barbaanna” jedhe. AS

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Related Articles

Back to top button