ODUUSIYAASA

Oduu: Aanaa Darraatti haleellaa hidhattoota ‘Faannoo’ itti fufeen namoonni 180 ol ukkaamfamuu jiraattoonni himan

 Finfinnee, Bitootessa 13/2024 – Naannoo Oromiyaa godina Shawaa Kaabaa aanaa Darraatti “haleellaa hidhattoota Faannoo” torban darbe eegale, itti fufuun jiraattota aanichaa 180 ol ta’an ukkaamfamanii maallaqni itti gaafatamaa jiraachuu jiraattonni Addis Standard dubbise himaniiru. 

Haleellaa Bitootessa 07, 2024 “hidhattootni Faannoo gandoota aanichaa sadi keessatti raawwataniin” lubbuun namoota 9 darbuu fi manneen jireenyaa hedduu gubachuu Addis Standard gabaase ture. 

Haleellaan kun ganama barii sa’aatii 11:00 irraa eegalee gandoota Jiru Dadaa, Warreen Gabroo fi Maanqataa Waariyoo jedhamanitti gaggeeffamuu jiraattonni himaniiru. 

Keessattuu gandi Jiru Dadaa jedhamu keessattis “dhaabbilee amantii alaa manneen jireenyaa guutummaan guutuutti barbadaa’uu, loowwan 400 ol saamamuu, akkasumas bu’uuraalee misoomaa hedduus manca’uu himaniiru. 

Jiraataan ganda Warreen Gabroo maqaan isaa akka ibsamu hin barbaadne tokko Addis Standarditti akka himetti, ergasii haleellaa itti fufiinsaan raawwatameen jiraattoonni gandoota Jiru Dadaa, Warreen Gabroo fi Maanqataa Waariyoo 186 ukkaamfamaniiru. 

Namoonni kunneen manneen barnoota garaagaraa keessatti ugguramanii jiraachuu kan eere jiraataan kun, kanneen keessa dubartoonni ulfa lama bakkuma ugguramanii jiranitti dahuu himeera. 

Itti dabaluun, “qaamni Faannoo jedhamu kun namoota ukkaafaman kunneen gadhiisuuf nama tokkoon qarshii 150,000 hanga 200,000 gaafachaa jira,” jedhe.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Addis Standard dhimma kana ilaalchisee deebii argachuuf hogganaan bulchiinsa nageenyaa aanaa Darraa Obbo Allabbaachoo Haayilamaariyaam kan qunname yoo ta’u, hogganichi yeroo garaagaraatti haleellaawwan akka mudatan amananis odeeffannoo dabalataa laachurraa of qusataniiru.

Magaalaan naannoo Oromiyaa godina Shawaa Kaabaa keessatti argamtu, akkasumas naannoo Amaaraan wal daangeessitu kun irra deddeebiin haleellaa wal fakkaataa keessummeessiti. 

Kanaan dura baatii Muddee 2023 keessa haleellaa hidhattoonni Faannoo aanaa Darraa keessatti raawwataniin lubbuun namoota 18 darbuu fi namootni jaha madaa’uu Addis Standard jiraattota wabeeffachuun gabaase ture. 

Haleellaa gandoota aanichaa Iluu Goda Caffee, Deenyuu Wobensoo, Godimaa Sossorkaa fi Karraa Miti Koraa keessatti raawwatame kanaan namootni 18 yoo ajjeefaman, bulchaa ganda Godimaa Sossorkaa dabalatee hedduu madaa’aniiru.

Humnoonni “Faannoo” jedhanii of waaman kunneen gandoota aanichaa naannoo Amaaraa waliin wal daangeessan keessatti irra dedeebi’anii haleellaa garaagaraa raawwataniin walqabtee qonnaan bultoonni gara lafa qonnaa isaaniitti bobba’uun midhaan gahee sassaabuuf rakkachuu himatu. AS

Related Articles

Back to top button