ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Shawaa Kaabaa, Aanaa Darraatti rakkoo nageenyaan walqabatee qonnaan bultoonni midhaan gahe sassaabuu dadhabuu himame

Geetahun Laggasaatiin @Birmaduu2

Finfinnee, Muddee 06/2023 – Rakkoo nageenyaa humnoonni “finxaaleyyii Amaaraa” godina Shawaa Kaabaa aanaa Darraa keessatti qaqqabsiisaa jiraniin walqabatee qonnaan bultoonni aanaa Darraa midhaan gahe sassaabachuu rakkachuu aanga’oonni godinichaa Addis Standarditti himaniiru.

Jiraataa aanichaa fi hojjataa waajjira aanaa Darraa kan maqaansaa akka hin eeramne gaafate Addis Standarditti akka himetti, gandoota aanicha keessatti argaman hedduu keessatti qonnaan bultoonni midhaan gahee sassaabachuuf rakkachuu himeera.

Humnoonni “Faannoo” jedhanii of waaman kunneen gandoota aanichaa naannoo Amaaraa waliin wal daangeessan keessatti irra dedeebi’anii haleellaa garaagaraa raawwataniin walqabtee qonnaan bultoonni gara lafa qonnaa isaaniitti bobba’uun midhaan gahee sassaabachuu dadhabuu jiraataan aanichaa kun eereera. 

Gandoota Qorroo, Abbaaduu, Kuluudeefi kanneen oollaa jiranitti qonnaan bultoonni midhaan gahe ooyruusaanii irraa sassaabachuu dadhabuu irraan ka’e midhaanichi baduuf kan jiru ta’uu jiraataan kun himeera. 

Haleellaan humnoonni kunneen irra deddeebiin yeroo garaagaraatti raawwataniin hanga ammaatti lubbuun namootaa darbuu, manneen qonnaan bultoota gara 140 ta’anii abidaan gubachuufi qabeenyi hedduu barbadaa’uu eeruun, jiraattonni gandoota kanneen qe’ee isaanirraa buqqa’anii gara gandoota ollaafi magaalota biroo dheessuu jiraataan kun dabalee himeera.

Yeroo ammaa kuni waqtii midhaan itti sassaabamu waan ta’eef midhaanichi yeroon hin sassaabamu taanaan kan badu ta’uu eeruun moootummaan qonnaanbultoota kanneeniif tika barbaachisaa bobbaasuun miidhaan isaanii akka sassaabbatan akka taasisu gaafataniiru.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Bulchaan aanaa Darraa Obbo Shibashii Ayyaalaw dhimma kana ilaalchisee Addis Standard irraa gaaffii bilbilaan dhiyaateef wayita deebisan, rakkoon aanicha keessa mudate ulfaataa ta’uu haa ibsan malee odeeffannoo dabalataa laachurraa of qusataniiru. 

“Rakkoon ni jira, rakkoon jiru ulfaataadha,” kan jedhan Obbo Shibashiin, kana alatti odeeffannoo dabalataa osoo hin laatiin bilbila cufaniiru. Sana boodas yaaliin Addis Standard irra deddeebiin bulchaa aanichaa fi itti gaafatamaa kominikeeshinii aanichaa argachuuf taasise hin milkoofne.

Aanaan Darraa aanaa godina Shawaa Kaabaa kan naannoo Amaaraatiin wal daangessu waan ta’eef waldhabdee daangaarraafi haleellaawwan garaagaraa hidhattootaatiin kan raawwatamu ta’uu bulchiinsa aanichaa yeroo garagaraatti ibsachaa tureera. 

Addis Standard dhimma kana ilaalchisee gabaasa baatii lama dura baaseen, kutaalee Oromiyaa naannoo Amaaraa waliin wal daangeessu irratti, keessattuu godinaalee Horroo Guduruu Wallaggaa, Wallagga Bahaa, Shawaa Kaabaa [Aanaa Darraa], Shawaa Bahaa [Aanaa Fantaallee] keessatti rakkoon walfakkaataa hammaachuu gabaasuun isaa ni yaadatama.

Jiraataa Aanaa Darraa magaalaa Gundoo Masqal yeroos Addis Standard dubbise, haleellaa yeroo garagaraa keessattuu waggoota lamaan darbanitti aanicha keessa raawwatamuun jiraattotni qe’ee isaanirraa buqqa’uuf dirqamuu himan. Gandoota baadiyyaa aanichatti argaman baay’ee keessatti barnoonni akka hin eegalamne fi bu’uuraalee fayyaa barbadaa’uu ibsaniiru. 

“Uummatni jiraachuu dadhabeera. Uummatni fedhii siyaasaa garee tokkoon jiruun isaa jeeqamaa jira,” jedhan.

Aanaan Darraa yeroo dheeraaf gaaffii abbummaa irratti ka’aa tureera. Caaseffama daangaa seeraan ragga’ee hojiirra jiruun bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa godina Shawaa Kaabaa keessa kan argamtu ta’uus gama naannoo Amaaraa irraas gaaffiin abbummaa irra ka’uu erga eegale waggoota lakkoofsiseera. AS

Related Articles

Back to top button