DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Naannoo Oromiyaatti sarbiinsi mirga namoomaa hammaachuu komishiniin mirga namoomaa ibse

Finfinnee, Muddee 06, 2023 – Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiya (KMNI) naannoo Oromiyaa iddoolee garaagaraatti sarbiinsi mirga namoomaa “bal’aafi yaaddeessaa” ta’e gaggeeffame jedhe.

Akkaata ibsa KMNI kamnaan, godina Gojjaam Lixaa aanaa Bureetti haleellaa eenyummaarratti xiyyeefatee Onk 30, 2016 ALI hidhattootaan gaggeeffameen lubbuun namootaa darbuufi jiraattonnik qe’eesaaanirraa buqqaaafamuu ibsichi eereera.

Haleellaa kanaan lubbuun namaa darbuu, jiraattonni qe’eesaanirraa buqqaafamuufi bu’uurri misoomaa manca’uu KMNI eereera.

Dhalattoonni Oromoo godina Lixa Gojjaam keessa jiraatan haleella gareen faannoo gaggeesseen lubbuun darbuufi buqqaafamuu gara godina Horro Guduruu Wallaggaa baqachuu Addis Standard gabaasee ture.

Haaluma walfakkaatuun, haleellaawwan wal fakkatoon godina Beenishaangul Gumuz godina Asoosaatti dhalattoota Oromoorratti Sadaasa 19, 2016 ALI gaggeeffameen lubbuun namootaa darbuufi qabeenyi manca’uu eereera Haleellaa kanaan namoonni 17 ajjeefamuufi torba qaamaan miidhamuu ibseera.

Akka ibsichaatti, godina Arsii aanaa Sharkaatti haleellaan walfakkaatu qaamole hidhataniin gaggeeffameen namoonni 10 ajjeefamuufi ganda Soolee Diigaluutti namoonni 12 ajjeefamaniiru.  .

Kana malees, godina Qeellam Wallaggaa aanaa Gidaamitti argamtuutti haleellaa gaaggeeffameen amantoonni waldaa Makaana Yasuus sagal ajjeefamuu ibsichi ifoomseera. Miseensonni amantoota waldichaa kadhata halkaniirra turan halkan keessaa naannoo sa’aatii sadeetiittti humnoota uffata dambii raayyaa ittsia biyyaa uffataniin butamanii ajjeeffamuu Addis Standard gabaaseera. AS

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Related Articles

Back to top button