ODUUSIYAASA

Oduu: Namoota “yakka shororkeessummaatiin” shakke 50 too’annoo jala oolchuu humni waloo beeksise

Finfinnee, Bitootessa 20, 2024 – Finfinneefi naannawa isheetti hokkora kakaasuuf namoota hidhatanii socho’aa turan 50 too’annoo jala oolchuu humni nageenyaa waloo beeksise.

Humni nageenyaa waloo ibsa karaa miidiyaa mootummaatiin tamsaaseen, “gareen kanaan dura naannoo Amaaraa giddugala jeequmsaa taasisuuf hojjachaa ture jalaa waan fashalaa’eef hokkora kana gara Finfinneefi daangaa naannoo Oromiyaatti gochaa shororkeessummaa raawwachuuf” yaalii taasisaa ture jedheera.  

Namoota too’ataman keessaa gaggeessaa garichaa kan ta’e Sintaayyahu Nigaatuu jedhamu jiraachuu eeruun qindeessitoonni biyya alaa jiraatan Ajajaa Abbaa Kumaa Daawiit Waldagiyoorgiis, Habtaamuu Ayyaaleewiifi Masaay makoonnin jedhaman ta’uu ibseera.

Gareen dura taa’aa paartii Baaldaraas duraanii Iskindir Naggaatiin durfamu biyya keessa socho’aa jiru qaama garee kanaa ta’uu shakkamtoonni too’annoo pooolisii jala jiran kan akka Wandwasan Asaffaa (PhD), Piroofeesar gargaaraa Sisaay Awgichoo, fi Yoordaanos Alamee gaggeessitoota garee kanaati jedheera.

Gareen kuni teessuma isaa Finfinnee fi Shawaa Kaabaa magaala Minjaar Shankooraa godhatee socho’aa ture jedheera.

Garen kuni “hordoftoota amantaa ortodooksii” fayyadamuun dhaabbilee garaagaraa dahoo godhachuun socho’aa jiraachuu ibseera.

Garichi magaala Finfinneetii miseensota filachuun wantoota barbaachisan gara iddoo gargaraatti akka dhiyeessan taasisaa turuu hordoffiin tajaajilli odeeffannoofi nageenyaa biyyaaleessaa ji’oota shanan darban keessa taasiseen saaxiluu ibsameera.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Miseensonni garichaa hokkora hidhannoodhaan deeggarame Finfinneefi naannawasheetti raawwachuuf socho’aa osoo jiranii meeshaalee waraanaa garaagaraafi maallaqa biyyoota biroo waliin too’annoo jala ooluu ibsichi addeesseera.

“Gareen badii” kuni Sadaasa 2016 ALI eegalee sanada qopheessuufi garee siyaaasa, odeeffannoo, waraana, faaynaansiifi miidiyaa qindeessuun socho’aa turuu himameera. AS

Related Articles

Back to top button