ODUUSEERA FI HAQA

Oduu: Ajjeechaan Maraawwii lubbuu namoota 50 ol galaafate qaama walaba ta’een akka qoratamu Amnastii Intarnaashinaal gaafate

Finfinnee, Ebla 12/2024 – Naannoo Amaaraa magaalaa Maraawwiitti ajjeechaa lammiilee nagaa 50 ol irratti raawwatame ilaalchisee Manni Maree Mirgoota Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii dabalatee dhaabbilee idil addunyaa qorannoo walaba ta’e akka gaggeessan Amnastii Intarnaashinaal gaafate. 

Aminastiin gabaasa haaraa baaseen, naannoo Amaaraa keessatti walitti bu’iinsa hidhattoota Faannoo fi humnoota mootummaa gidduu gaggeeffamaa itti fufeen walqabatee Amajjii 29 magaalaa Maraawwiitti misensoonni Raayyaa Ittisa Biyyaa lammiilee nagaa “jumlaan akka ajjeesan” odeeffannoo argachuu ibse. 

Haleellaa guyyaa saniin qofa namoonni 50 ol ajjeefamuu jiraattotaa fi aanga’oonni mootummaa itti himuu Aminastiin ibseera.

Guyyaa jala bultii ayyaana waggaa Qulqulleettii Maariyaam, kan Amajjii 30 kabajamu, irratti loltoonni RIB dhiirota naannoo sanaa mana isaanii, suuqii fi daandii irraa walitti qabuun namoota hedduu rasaasaan rukutanii ajjeesuu jiraattonni ijaan argan irraa odeeffachuu Amnastiin gabaasa kanaan ibse.

Akka gabaasni Amnastii kun jedhutti, guyyaa eerame sana waaree booda naannoo sa’aatii 11:40’tti “dhukaasni meeshaa waraanaa guddaa” magaalattii keessa ture. Sababa walitti bu’iinsa kanaatiin galgalaa sa’aatii 12:00 hanga barii sa’aatii 12:00tti magaalattii keessatti dhorkiin sochii ture. 

“Akkuma loltoonni Faannoo magaalattii gadhiisanii deemaniin ganama naannoo sa’aatii afuritti lolli dhaabbachuu hordofee miseensonni RIB manaa manatti socho’uun hordoffii gochaa turuun namoota qabanii rasaasaan ajjeesaniiru” jedhe gabaasichi.

Ajjeechaan jumlaa walfakkaataan naannoo Tigraay keessatti bara 2020 raawwatamuu qorannoon Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii bara darbe gaggeesse mul’isuu Aminastiin eereera.  

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Rakkoon itti gaafatummmaa mirkaneessuu dhabuu fi haqa baasuuf fedhiin mootummaan qabu gadi aanaa ta’uu Baha Afrikaatti Daayreektarri Aminastii Intarnaashinaal Tigeeree Chaagutaa dubbbataniiru. 

Aminastiin gabaasa kana qopheessuuf jiraattota reeffa lafaa kaasan, gaggeessitoota hawaasaa fi ogeeyyii fayyaa magaalattii dhimmichatti dhiyeenya qaban dabalatee namoota 13 dubbisuu, akkasumas suur-sagalee fi suuraawwan saatalaayitii qorachuu ibseera. Argannoo kanas mootummaa Itoophiyaaf kan erge ta’uus, deebiin akka hin laatamneef ibseera. 

Taatee kana booda gabaasa Addis Standard hojjeteen, yoo xiqqaate namoonni 50 humnoota mootummaatiin ajjeefamuu jiraattota wabeeffachuun gabaase ture. Namoonni ajjeefaman kunneen daa’immanii fi dubartoota dabalatee umriin isaanii waggaa 14 hanga 96 ta’a.

Torban tokko booda ammoo Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) gabaasa baaseen, yoo xiqqaate namoota nagaa 45 ta’an “Faannoo deeggartu” jedhamuun “humnoota nageenyaa mootummaatiin” ajjeefamuu ifa godheera.

Mootummaan Itoophiyaa gama isaatin ibsa baaseen, himannaa ajjeechaa seeraan ala raawwatame jedhu “dhugaa miti” jedheera. Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Laggasaa Tulluu magaalattii keessatti Raayyaa Ittisa Biyyaa fi Faannoo gidduutti walitti bu’iinsi turuu eeruun, haata’u malee waraanni mootummaa “namoota nagaa irratti hin xiyyeeffanne” jedhan. 

Amnastii Intarnaashinaal Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti Gabaasaa Addaa dhimma Ajjeechaa Seeraan Alaa fi Komishinii Mirgoota Namoomaa fi Ummatoota Afrikaa yakka kana akka qoratan, akkasumas mootummaan Itoophiyaa malawwan kanneeniin dhaabbilee kunneenif daawwannaa akka mijeessu waamicha dhiyeesseera. AS

Related Articles

Back to top button