ODUUSIYAASA

Oduu: Itoophiyaan nama yakka sukaneessaa raawwate bilisa baafte: HRW

Finfinee, Bitootessa 18/2024 – Dhaabbanni mirga namoomaaf falmu Hiyuumaan Raayts Waach (HRW) Pireezidaantii Naannoo Somaalee duraanii Abii Mohaammad Omar kan maqaa Abdii Illee jedhamuun beekamu hidhaarraa bilisa baasuuf murtee mootummaan Itoophiyaa dabarse qeeqeera.

Abdii illee “yakkoota sukaneessaa raaawwatee” ture jechuun tarkaanfii mootummaan Itoophiyaa fudhate qeeqeera.

Ministerri Haqaa Itoophiyaa sababa “faayidaa hawaasa bal’aatiif” jechuun pireeezidaantii naannoo Somaalee duraanii Abdii Illee hidhaarraa bilisa baasuu ifoomsee ture.

Abdii Illee himata “sarbiinsa mirga namoomaa” irratti banameen walqabatee waggoota shaniii oliif mana hidhaa keessa tureera. Haa ta’u malee, mootummaan Itoophiyaa himata nama siyaasaa kanarratti baname addaan kutuun himatamaa bilisa taasiseera.

Abdii Illee “hokkora sarbiinsa miirga namoomaafi sabummaafi amantaa naannoo Somaaleetti mudatee tureen walqabatee bara 2018 keessa too’annoo jala ooluun ni yaadatama. Haleellaa humni addaa naannoo Somaalee saboota biroo naannicha keessa turan irratti gaggeeffamaniifi manneen amantaafi qabeenya mancaasuu naannicha keessa turan an duuba ture himata jedhuun yakkamee ture.

Abdii illee bara 2006 keesssa itti gaafatamaa biiroo nageenyaa ta’uuniifi bara 2010 – 2018 pireeezidaantii naanichaa ta’uun tajaajileera. Baroota aangoorra turetti yakkoonni akka ajjeechaa jumlaa, dararrii, buttaa fi kanneen biroo naannichatti raawwataman duuba Abdiin jiraachuu HRW ibseera.

Akka ibsa HRW’tti, bara 2018 keessa yeroo Abdii Illee aangoorra turetti mana hidhaa Ogaadanitti argamutti mirgi namoomaa hidhamtootaa sarbamuun hidhamtoonni maatii, tajaajila fayyaa, abukaatoofi nyaataa akka hin arganne taasifamaniiru.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Hidhaadhaa gadi lakkifamuun Abdii illee namoota yeroo sanatti dararaman rifaasisuu HRW eereera. Abdiin yakka raawwateef seeratti dhiyaatee adabbii argachuu akka qabu miidhamtoonni wabeeffachuu gabaaseera.

“Abdii illee bilisa taasisuun yakkoonni akkasii akka itti fufanii akka raawwatamaniif karaa banuudha,” jechuun HRW qeeqeera.

Mootummaan Itoophiyaa namoota yakka ulfaataa raawwatan seeratti dhiyeessuun olaantumaa seeraa raggaasisuun yakka raawwataniif gaafatamaa akka taasiftu HRW gaafateera. AS

Related Articles

Back to top button