ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Mariin nagaa marsaa lammataa mootummaa fi WBO gidduu adeemsifamu bakka Ajajaan WBO ‘Jaal Marroo’ argameetti Taanzaaniyaatti eegale 

Finfinnee, Sadaasa 08/2023 – Marii marsaa lammaffaa mootummaa Itoophiyaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO), Ajajaa Olaanaa Waraana Bilisummaa Oromoo Kumsaa Diriibaa ykn baay’inaan Jaal Marroo jedhamuun beekamu hirmaachise Kibxata kaleessaa Taanzaaniyaa, Daar es Salaam keessatti eegalamuu, maddeen dippilomaasii dhimmichatti dhiyeenya qaban lama Addis Standarditti himaniiru.

Gargaarsa fi haala mijeessummaa giddu-galeessitoota alaatiin Jaal Marroon daggala lixa Oromiyaa keessaa helekooftaraan gara buufata xiyyaaraa Dambi Doolootti dhihoo jirutti erga geeffame booda xiyyaaraan gara iddoo mariin kun gaggeeffamu Taanzaaniyaatti balali’eera. Kunis marii fuullee hoggantoota waraanaa olaanoo mootummaa federaalaa waliin taasisu isa jalqabaa ta’a.

Ji’a Ebla bara kanaa bakka bu’oonni gama lamaanii yeroo jalqabaaf arguun marii torbee tokkoof ture Taanzaaniyaa Zaanzibaar keessatti kan gaggeessan yoo ta’u, kunis waldhabdee waraanaan waggoota shaniif dhiyaatu naannoo Oromiyaa keessatti uumame xumuruuf waliigaltee irra ga’uuf kan kaayyeffate ta’uu ibsameera.

Gamoonni lachuu marii taasifame irratti fooyyee gaarii argamu kan ibsan ta’us, mariin marsaa tokkoffaa kun waliigaltee malee xumurame ture. Mootummaan federaalaa marii kana “baay’ee kan jajjabeessu” jechuun ibsuus, garuu “marii marsaa kana keessatti dhimmoota tokko tokko irratti waliigalteerra ga’uun “hin danda’amne” jedheera.

Haaluma walfakkaatuun, WBOn “dhimmoota tokko tokko irratti wal hubannoon kan irra ga’ame ta’uus, marii marsaa kanaa irratti dhimmoota siyaasaa ijoo irratti waliigalteerra ga’uun hin danda’amne” jedhe ture.

Addis Standard maddeen dippilomaasii irraa kan hubateetti, qondaaltonni olaanoo mootummaa federaalaa fi mootummaa naannoo Oromiyaa keessa hammataman, akkasumas miseensonni WBO bakka bu’an lama, torban sadan darban keessatti “marii siyaasaa” haaromfame taasisuun, “bu’aa gaarii” argame marii kaleessa eegalee qondaaltota waraanaa olaanoo gama lameenii gidduutti adeemsifamaa jiruuf karaa saaqeera.

​Aanga’oonni “marii siyaasaa” torban sadan darbaniif adeemsifame irratti hirmaatan ”mariin kun gara waliigaltee mallatteessuutti yoo ce’e akka itti makaman ni eegama,” jechuun maddeen dippilomaasii ibsa kennuudhaaf hayyama waan hin qabneef maqaan isaanii akka hin dhahamne barbaadan maqaa hirmaattota marichaa osoo ifa hin godhiin Addis Standarditti himaniiru. 

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Akka maddeen dippilomaasii dabalataa giddu-galeessitootatti dhihoo jiran jedhanitti, mariin kun “sadarkaa murteessaa ta’etti yeroo ce’u, of kennuu fi murtoon qaamoleen hundi murtii itti fufiinsa qabu irra ga’uuf agarsiisan kan galateeffamu ta’uun isaa daran mul’achaa dhufeera” jedhan.

​Haala mijeessitoota marii kanaa keessa tokko Abbaan Taayitaa Misooma Mootummoota Gidduu (IGAD). “Barreessaa Olaanaa IGAD Dr Warqinah Gabayyoo, marii kana keessatti haala mijeessaa giddugaleessaati,” kan jedhan maddeen dippilomaasii kunneen, “warra walitti dhufeenya cimaa qaamolee mariisisan waliin qabuu fi muuxannoo bal’aa qaban irraa kan ka’e abdiin marii kana marsee jiru daran cimee jira. Hirmaannaan inni marii kana keessatti taasisu garee lamaamiin beekamtii argateera” jedhan. 

Dudduubee

Baatii Guraandhala 2023 keessa Yaa’ii  Idilee 4ffaa, Waggaa 2ffaa Bara Hojii Caffee 6ffaa Caffee Oromiyaa irratti Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Shimallis Abdiisaa  Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) ykn kan mootummaan “Shanee” jedhe waamuuf waamicha araaraa dhiyeessuun isaanii ni yaadatama. WBOn gama isaatiin waraanicha karaa nagaan furuuf ejjennoo akka qabu fi bakka qaamni sadaffaan amanamaa ta’e jirutti mari’achuuf qophii ta’uu ibsaa tureera. 

Waldhabdee fi rakkoo nageenyaa waggoota shanan darbaniif Oromiyaa raasaa jiru furuuf yaadame mariin marsaa tokkoffaa bakka bu’oota mootummaa Itoophiyaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo gidduu baatii Ebla darbe keessa biyya Taanzaaniyaa odola Zaanzibaaritti haala mijeessummaa biyyoota Norweey, Keeniyaa, fi dhaabbata miti mootummaa IGADtin gaggeeffamee waliigalteerra otuu hin gahamin goolabame ture. 

Mariin marsaa tokkoffaa akka eegalamu hawaasa Oromoo biratti hedduu gaafatamaa ture kun kan adeemsifame guyyaa lama dura Ebla 23 MM Abiy Ahimad, Waraana Bilisummaa Oromoo waliin mariin araaraa taasifamu Taanzaaniyaatti akka eegalu ibsu isaanii hordofeeti. Ibsa MM Abiy booda WBOn ibsa baaseen ibsa MM Abiy Ahmad kenneef beekamtii akka kennu ibsuun, “mootumman Itoophiyaa haal dureewwan keenyaa fudhachuu isaa mirkaneessina,” jedhe ture.

Marii marsaa tokkoffaa irratti gama mootummaa irraa Gorsaa Nageenya Biyyooleessaa MM Abiy Ahmad kan ta’an Redwaan Huseen, Dr. Geediyoon Ximootiyoos, Meejar Janaraal Damissoo Amanuu, Boonsaa Iwunatuu, Ambaasaaddar Shibbiruu Maammoo fi Kafyaalaw Tafarraa hirmaatanii turan. Gama Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) irraa ammoo hayyuu seenaa beekamaa Piroofesar Mohaammad Haasan, Xahaa Abdii, Dr. Bantii Ujuluu fi Ejersoo Urgeessaa irratti argamanii turan.

Goolabamuu marii marsaa tokkoffaa hordofee waajjirri sab-qunnamtii mootummaa ibsa baaseen, “mariin gaarii ta’e kan godhame ta’us akka carraa ta’ee mariin marsaa tokkoffaa kanarratti dhimmoota tokko tokkorratti waliigaluun hin danda’amne,” jedheera. Qaamoleen lamaan waldhabbii jiru gara fulduraatti karaa nagaatiin furuuf waliigalleerra haa jedhan malee ibsi mootummaan Itoophiyaa baase kuni qabxiin mootummaa fi WBO’n irratti waliigaluu dhaban maal akka ta’e hin ibsine.

Waraanni Bilisummaa Oromoonis gamasaatiin ibsa baaseen qabxiilee ijoo tokko tokkorratti wal hubanaarra kan gahame ta’uus marii marsaa tokkoffaa kanarratti dhimmoota murteessoo tokko tokkorrattti waliigalteerra gahuun hin danda’amne jedhe ture. AS

Related Articles

Back to top button