ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Komishinichi ragaalee ajjeechaa Batteerratti harki humnoota nageenyaa jiraachuu agarsiisan erga sassaabee booda qorannoo Maqiittigaggeessaa ture ‘addaan kutuuf dirqamuu’ ibse

 Finfinnee, Caamsaa 07/2024 – Gareen qorannoo Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) dhimma ajjeechaa qondaala siyaasaa ABO Battee Urgeessaa irratti ragaa namootaa sassaabuu erga eegale guyyaa sadi booda “qorannoo jalqabe akka addaan kutuuf dirqamuu” xalayaan komishinichi Pireezdaant Shimallis Abdiisaa dabalatee Mootummaa Naannoo Oromiyaaf erge mul’ise. 

Gareen qorannoo kun ragaa namootaa sassaabe ajjeechaa Battee Urgeessaa irratti haalota hirmaannaa qaamolee nageenyaa mootummaa agarsiisan argachuu xalayaa kana irratti eerameera. 

Xalayaan KMNI Ebla 17 barreesseefi Addis Standard ilaale kun waajjira pirezidaantii mootummaa naannoo Oromiyaa, waajjira komishinii poolisii naannichaa, waajjira abbaa alangaa waliigalaa naannichaa, fi waajjira bulchiinsaafi nageenya naannichaaf ergame. 

Xalayaan fuula lama qabu kun Obbo Batteen naannoo Oromiyaa godina Shawaa Bahaa magaalaa Maqiitti ajjeefamuu kan mirkaneesse yoo ta’u, Ebla 10 “akkuma odeeffannoon kun isa qaqqabeen ogeeyyii qorannoo naannoo sanatti hojjetan” bobbaasuun hojii ragaa fi odeeffannoo walitti qabu eegaluu ibseera.  

Komishinichi odeeffannoo fi ragaa garee qorannoo isaatin walitti qabame irratti hundaa’uun, Peenisiyoonii Abhem jedhamutti siree qabatanii kan turan Obbo Batteen Ebla 09 waaree booda naannoo sa’aatii 11:00tti irbaata booda akka deebi’an himuun furtuu kutaa ciisicha isaanii bakka simannaa keessummootatti kaawwatanii akka bahan “hubachuu” ibseera.  

Obbo Batteen mana siree san gadhiisanii erga bahanii booda naannoo sa’aatii 11:30tti konkolaataan tokko, qaamolee nageenyaa “meeshaa waraanaa hidhatanii”, uffata yeroo baay’ee ‘Reenjar’ jedhamuun beekamu uffatanii fi mallayyoo diimaa kaawwatan afur “aanga’oota lama” waliin qabate mooraa mana siree keessatti buuse. Walumaagalatti namootni jaha kutaa ciisichaa qabataniiru. 

Haala guyyoota biroo irraa adda ta’een guyyaa sana naannoo sa’aatii 11:45tti humnoonni nageenyaa magaalattii “sochii konkolaattota miila sadii (Bajaaj) fi namoota miilaan deeman dhorkuu eegalan.”

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Guyyaa sana halkan walakkaa naannoo sa’aatii jahaatti bakka magaalattii irraa bahe, bakka reeffi Battee itti argame, konkolaataan pikaappii tokko saffisaan imaluun daandiirraa maqee ibsaa osoo hin dhaamsiin dhaabbachuu komishinichi ragaa namoota dubbise wabeeffachuun ibseera. 

Ergasii namoota uffanaa waraanaa uffatan afur konkolaataa sanarraa bu’uun, nama tokko duuba konkolaataa irraa harkisanii buusuun irra deddeebiin itti dhukaasuun gatanii deemu komishinichi eereera. Guyyaa itti aanu, Ebla 10 reeffi Battee “harkisaa lama duubatti hidhamee, akkasumas mataa, laphee fi garaa irratti rasaasaan rukutamee” argame. 

Gareen KMNI qorannoosaa itti fufuun Ebla 11 ragaa baatoota kanaan dura dubbise qunnamee gaaffii dabalataa gaafachuuf yaaluus, “namoonni kunneen poolisiin akka qabaman baruu” ibse. Poolisiin namoota ragaa ba’an kana “nageenya isaaniif jecha” to’annaa jala oolchuu isaanii ibseera. Haa ta’u malee Komishinichi ragaa ba’oota waliin akka hin qunnamne dhorkamuu ibse. 

Xalayaan KMNI itti dabaluudhaan akka ibsutti, Komishinichi adeemsa qorannoo keessatti “nageenya ragaa baatota mirkaneessuuf carraaqqii guddaa” taasisus, poolisiin ragaa baatota gareen qorannoo komishinichaa dubbisan hidhuu qofa osoo hin taane yeroo gareen Komishinichaa magaalattii keessa socho’u “namoota fi konkolaattota hin baakamne hordoffii irratti taasisaa fi sochii isaanii gufachiisaa turan.” Kana malees, poolisiin miseensota maatii Battee kanneen qorannoo KMNI’f tumsaa turanis to’annaa jala oolcheera.

“Sababa kanaaf nageenya ogeeyyii qorannoo, ragaalee fi namoota qorannoo kana keessatti hirmaatan mirkaneessuuf, Komishinichi hojii ragaa walitti qabuu Ebla 12 magaalattii keessatti hojjechaa ture “addaan kutuuf dirqameera”. 

Komishinichi xalayaan kanaan, “qorannoo isaa keessatti gufuun akka hin uumamne” mirkaneessuuf aanga’oonni naannichaa hojii isaaf tumsa barbaachisaa ta’e akka godhan gaafateera. Akkasumas ragaa baatota hidhaman kanneen odeeffannoo Komishinichaaf kennuu irratti tumsan hatattamaan akka daawwatuu, akkasumas maatii Obbo Battee fi shakkamtoota biroo to’annaa poolisii jala jiran irratti dhiittaa mirga namoomaa akka hin geenyeef hordoffii barbaachisaa ta’e akka godhamu gaafateera.

Komishinichi gabaasa qorannoo kanaa maxxansuu isaan dura guyyoota hojii kudhan keessatti qondaaltota dhimmi ilaallatu waliin “mari’achuuf qophii ta’uu” xalayaa kanaan aanga’oota dhimmi ilaallatu beeksise ture. 

KMNI erga xalayaa kana ergee as deebii adeemsa itti fufe yoo jiraate jedhamee Addis Standardiin kan gaafatame yoo ta’u, komishinichi deebii isaatin “qorannoo itti fufee gaggeeffamaa jiru irratti yaada akka hin laanne” ibseera. Kunis danqaalee jiraatanis, ajjeechaa Battee Urgeessaa irratti argannoo jalqabaa isaa maxxansuutti itti fufuu akka danda’u mul’iseera. AS

Related Articles

Back to top button