ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Oromiyaatti “koreen dhoksaa qondaaltota mootummaa hammate yakkoonni suukanneessaa akka raawwatamaniif ajaja kennaa ture”- gabaasa Rooyitars 

Finfinnee, Guraandhala 23/2024 – Naannoo Oromiyaatti koreen dhoksaa qondaaltota mootummaa olaanoo of keessa qabu, “WBO dabalatee mormitootasaa biroo ittiin himachuuf” jecha ajjeechaawwan seeraan alaa fi sarbama mirgaa lammiilee nagaarratti akka raawwatamu ajaja kennaa turuu gabaasni qorannoo Rooyitars saaxile.

Gabaasni qorannoo baatii tokko fudhate kun akka jedhutti, koreen dhoksaa ‘Koree Nageenyaa’ jedhamee waamamu kun, kaayyoo “mormii farra mootummaa fi jeequmsa naannicha keessatti garee finciltoota Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) waliin walqabatuuf furmaata laachuu” qabatee erga MM Abiy Ahmad gara aangootti dhufanii booda hundeeffame.

Akka Rooyitars gabaasetti, koreen kun Pireezdaantii Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaan kan hogganamu yoo ta’u, qondaaltota nageenyaa fi siyaasaa sadarkaa olaanaa kan hammateedha. 

Rooyitars agarsiisuwwan MM Abiy Ahimad walgahii koreen kun yeroo garaa garaatti waajjira paartii Badhaadhinaa Oromiyaatti gaggeessu irratti hirmaachuu isaanii fi koree kanaaf ajaja kan laatan isaan ta’uu agarsiisan akka hin arganne ibseera. Haata’u malee, namootni dhimmichatti dhiyeenya qaban koree kana kan hundeessan MM Abiy ta’uu itti himuu ibseera.

Gaaffii fi deebii qondaaltota mootummaa Itoophiyaa ammaa fi duraanii 30 ol waliin taasifame, akkasumas sanadoota dhimmicha agarsiisan sakatta’uun, qaamni kun [koree nageenyaa] namoota deeggartoota WBO fi mormitoota jedhamuun shakkaman irratti tarkaanfii gara jabummaa fudhataman qindeessaa turuu hubachuu ibseera.

Himannaawwan koree kanarratti dhiyaatan keessaa ajjeechaa seeraan alaa ajajuu, akkasumas namoota ”balaa nageenyaa” jedhamanii ilaalaman kanneen dhibbaatamaan lakkaawwaman ajaja mana murtii malee akka hidhaman ajajuu ni argamu.

Ajjeechaawwan caqasaman keessaa tokko bara 2021 keessatti ajjeechaa jumlaa Abbootii Gadaa Karrayyuu 14 irratti raawwatame argama. 

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Muddee 2021 keessatti Abbaa Gadaa Karrayyuu Kadir Hawaas Boruu dabalatee Abbootiin Gadaa Karrayyuu 14 erga butamanii booda ajjeefamanii argamuu Addis Standard gabaase ture. Ajjeechaa kana hordofee mootummaan naannoo Oromiyaa ibsa baaseen ajjeechaa kanaaf Waraana Bilisummaa Oromoo himateera. WBOn gama isaatiin mootummaa himate ture.   

Yeroos mootummaan ajjeechaa kanaaf Waraana Bilisummaa Oromoo kan himate ta’uus, qaamoleen nageenyaa naannichaa ajjeechaa sana akka raawwatan kan ajaje koreen qondaaltota mootummaa hammate kana ta’uu gabaasni Rooyitars ibseera.

Akkasumas, koreen kun sirna haqaa keessa hidhamtootni himannaa tokko malee mana hidhaa keessa akka tursiifaman raasisuus ibseera. Kana malees, hidhamtoonni hedduu ajaja koree kanaan adabbii humna elektirikii, fannifamuu fi reebicha irratti raawwatamaa turuus eerameera. 

Abbootiin murtii fi abbootiin seeraa gidduu seenummaa akkasii mormuuf yaalanis haaloo bahuu fi doorsisni isaan mudachuu ibsame.

Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa koreen kun jiraachuu isaa Rooyitarsiif kan mirkaneesse yoo ta’u, ajjeechaawwan seeraan ala, hidhaa fi dararaa koree kanaan waliin walqabatan raawwatamuu odeeffannoo qabaachuu himeera.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa dhimma koree jedhamee kanaa fi himannaawwan irratti dhiyaatan ilaalchisee gaaffii Rooyitars dhiyeesseef deebii hin laanne. AS

Related Articles

Back to top button