ODUUSIYAASA

Oduu: Kawaala Cuqqaalaatti abbootiin amantaa afur hidhattootaan ajjeefamuu Manni Amantaa Ortodoksii Itoophiyaa beeksifte

Finfinnee, Guraandhala 23/2024 – Naannoo Oromiyaa godina Shawaa Bahaatti kawaala Cuqqaalaatti barsiisaa amantii dabalatee abbootii amantaa afur hidhattootaan ajjefamuu Manni Amantaa Ortodoksii Itoophiyaa beeksifte.

Waajjira Paatriyaarkii Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa dhimma kana ilaalchisee ibsa baaseen, abbootii Kutaa Lallaba Shawaa Bahaa Kawaala Cuqqaalaa keessatti tajaajilan keessaa Abbaa Taklemaariyaam Asraat, Abbaa K/Maariyaam Xilaahun, Abbaa G/Maariyaam Abbabaa fi H/Maariyaam Waldasanbat jedhaman Roobii darbe hidhattootaan ajjeefamuu ibseera. 

Abbootiin kunneen Kibxata hidhattootaan butamanii erga fudhataman booda guyyaa tokko booda ajjeefamuu kan ibse manni amantichi, eenyummaa hidhattoota ajjeechaa kana raawwatan ifatti ibsuu baatuus miidiyaan mana amantichaa garuu ajjeechaa kanaan kan itti gaafatamu hidhattoota “Shanee” jedhee waame ta’uu gabaaseera. 

Dabalataan, mootummaan federaalaa fi naannichaa mana amantichaa fi amantoota ishee balaarra baraaruuf eegumsa cimaa akka taasisuuf waamicha dhiyeesseera. 

Dhimma kana ilaalchisee Biiroon Bulchiinsaa fi Nageenyaa Oromiyaa ibsa kaleessa galgala baaseen, “godina Shawaa Bahaa gadaamii guddicha Cuqqaalaatti argamu keessa kan tajaajilan abbootiin amantaa afur humna shororkeessaa Shaneetiin butamanii kan ajjeefaman tahuun adda baheera,” jedhe. 

Ajjeechaan abbootii amantaarratti raawwatame kun “jiraattota aanichaa daran kan rifaasiseefi aarseedha” kan jedhe biirichi, eeruu qaama nageenyaafi poolisii qaqqabe hordofee tarkanfiin fudhatamaa jiraachuu ibse. 

Haaluma kanaan, “Biiroon Nageenyaa Oromiyaa, poolisiin naannichaafi caasaan mootummaa sadarkaan jiran waliin tahuun humna shororkeessaa ajjeechaa kana raawwate adamsuurratti argamu,” kan jedhe biirichi, uummatni aanichaa “tumsa barbaachisu” akka taasisu gaafateera.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Dhima kana ilaalchisee Waraanni Bilisummaa Oromoo, kan mootummaan yeroo mara Shanee jedhee waamu, hanga ammaatti wanti jedhee hin jiru. AS

Related Articles

Back to top button