ODUUSIYAASA

Oduu: Namoonni “Alshabaabitti makamuuniifi gochaa shororkeessummaa raawwachuun” himataman hidhaan hanga waggaa 12tiin adabaman

Finfinnee, Ebla 19, 2024 – Manni murtii olaanaa federaalaa dhaddacha Dirree Dhawaa damee Jigjigaa afraffaan dhimma himatamtootaa gocha shororkeessummaatiin himatamanii sakatta’uun murtee dabarseera.

Murteen kan darbe namoota Hasan Ibraahiim(Hafoo), Amaan (Salaahaaddiin), Qaasiim, Jibriil (Nasraddiin), Raashaa, Abdulhakiim (Zayid) Huseen, Tamaam (Hamzaa) Sheek Abdoo, AbdiiI Xaahiir Kolee, Adan Saalaad Kaadiyafi Ma’aalii Guree jedhamanirrattiidha.

Himatamtoonni kunneen humnoota raayyaa ittisa biyyaatiin naannoo Somaaleetti too’annoo jala erga oolfamanii booda komishiniin poolisii federaalaa poolisii naannichaa waliin ta’uu sakatta’iinsa gaggeessaa tureera jedhame.

Ministeerri haqaa damee Dirree Dhawaa koree qorannoo hundeessuun sakatta’iinsa gaggeessuun namoonni kunneen labsii 1176/2012 bahe keeyyata 3.2fi keeyyata 9.1(A) jalatti labsaman cabsaniiru jechuun himata irratti baneera.

Namoonni kunneen miseensa garee Alshabaab Somaaliyaa keessatti argamuu ta’uuniifi leenjii fudhachuun ummata shororkeessuuf ergama fudhatanii socho’uun himatamaniiru. Namoonni kunneen dhuma bara 2014 ALI eegalee naannoo Somaalee keessatti gochaa shororkeessummaa garaagaraa raawwachuuniifi Alshabaabiin deeggaruun yakka keessatti hirmaataniiiru jedhame.

Dhaddacha Amajjii 05, 2015 ALI ooleerratti himatichi erga dubbifamee booda namoonni kunneen yakka akkasii “hin raawwanne” jechuun waakkachuu hordofee abbaan alangaa ragaa sanadaafi namaa dhiyeessuun dhageessiseera.

Manni murtichaa ragaa abbaan alangaa dhiyeesse qorachuun himatamtoonni kunneen yakka ittiin himataman ofirraa kuffisuuf ragaa dhiyeessuu waan hin danda’iniif murteen irratti darbeera.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Akkaataa kanaan, Hasan Ibraahiim hidhaa waggaa 11fi himatamtoonni lakkoofsa galmee 3, 4, 5fi 6 irratti argaman tokkoon tokkoon isaanii hidhaa waggaa 12tiin kan adabaman yoo ta’u adabama himatamtoonni galmee 2 jalatti garee Alshabaabiif odeeffannoo laachuudhaan himataman Abdii Kolee, Xaahiir, Adan Salaad Kaayariifi Ma’aalii tokkoon tokkoon isaanii hidhaa waggaa shaniitiin adabamaniiru.

Haleellaa gareen Alshabaab Waxabajjii 2022 keessa raawwachuuf karoorfatee ture duula raayyaan ittisa biyyaafi humnoonni nageenyaa naannoo Somaalee gaggeessaniin “guutumatti fashalaa’uu” pireezidaantii naannichaa Muzxafee Umar wabeeffachuun Addis Standard gabaasee ture. Duula guyyoota sadiif garicharratti gaggeeffamee tureen miseensonni Alshabaab 100 ol ajjeefamuu koreen nageenya naannoo Somaalee ibsee ture. AS

Related Articles

Back to top button