ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Qondaalli olaanoo ABO Battee Urgeessaa fi gaazexeessaan Lammii Faransaay Finfinneetti hidhaman

Finfinnee, Guraandhala 26/2024 – Qondaalli Siyaasaa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) Battee Urgeessaa fi gaazexeessaa lammii Faransaay Antooyin Gaalindoo Kamisa darbe magaalaa Finfinneetti qaamolee nageenyaa uffata siivilii uffataniin to’annoo jala oolan.

Dubbii himaan ABO Lammii Gammachuu Addis Standard’tti akka mirkaneessanitti, Battee Urgeessaan Kamisa Guraandhala 22, 2024 walgaii mana maree paartilee magaalaa Finfinnee hoteela Iskaay Laayitiitti gaggeeffame irratti hirmaatanii erga bahan booda waaree booda hidhaman. 

“Walgahicha waliin hirmaannee erga gargar baane booda hidhamuu isaa ergaa sagaleedhaan naa erge. Ergasii eessa buuteen isaa dhabamee guyyoota muraasa booda waajjira poolisii kutaa magaalaa Booleetti hidhamee akka argamu adda baafannee,” jedhe.  

Haaluma walqabatuun, gaazexeessaan lammii Faransaay barruu onlaayinii Afrikaa Intalijansii jedhamuuf hojjetu Antooyin Gaalindoo hoteela Iskaay Laayitiitti qondaala olaanoo ABO Battee Urgeessaa waliin af-gaaffii taasisaa osoo jiru qaamolee nageenyaa uffata siivilii uffataniin to’annoo jala ooluu CPJn ibseera.

Dhaabbatni idil addunyaa mirga gaazexeessitootaaf falmu (CPJ) abukaatoo gaazexeessichaa kan ta’an Taammiruu Wandimaaganyi irraa odeeffachuun akka beeksisetti, Gaalindoon yeroo ammaa kana Battee Urgeessaa waliin buufata poolisii kutaa magaalaa Booleetti argama. 

Akka ibsi CPJ jedhutti, gaazexeessaan Afrikaa Intalijansii Antooyin Gaalindoo Sanbata darbe dhaddacha mana murtii ramaddii Booleetti dhiyaate himata “gareewwan hidhattootaa lama (Waraana Bilisummaa Oromoo fi humnoota Faannoo) waliin tumsuun magaalittii keessa jeequmsa uumuuf shira xaxaa ture” jedhu irratti dhiyaateera. 

Dhaabbata maxxansaa Afrikaa Intalijansii kan ta’e Indiigoo hidhamuu gaazexeessaa kana ilaalchisee ibsa baaseen, Gaalindoon yaa’ii Gamtaa Afrikaa gabaasuuf Finfinnee kan gale ta’uu eeruun himatni irratti dhiyaate “soba” jedheera. 

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Dhaddacha Sanbata ooleen poolisiin akkaataa yeroo qorannoo dabalataa gaafateen manni murtichi beellama jijjiiramaa Bitootessa 01, 2024f beellameera. 

Haata’u malee, qondaalli siyaasaa ABO Battee Urgeessaa hanga ammaatti mana murtii akka hin dhiyaanne dubbii himaan paartichaa Lammii Gammachuu Addis Standard’tti himaniiru. 

Guyyaa afur dura kan hidhaman Battee Urgeessaa ala qondaaltoonni olaanoo ABO torba erga bara 2020 irraa kaasee himannaa tokko malee hidhamanii kan argaman ta’uu Addis Standard itti fufiinsaan gabaasaa tureera. 

Qondaaltota kanneen keessaa Abdii Raggaasaa, Lammii Beenyaa, Mikaa’el Booran, Gadaa Oljiraa, Kennasaa Ayyaanaa fi Daawit Abdataan bara 2020 irraa eegale mana hidhaatti kan argaman yoo ta’u, Gadaa Gabbisaan ammoo bara 2021 keessa hidhame.

Addi Bilisummaa Oromoo irra deddeebiin qondaalonni fi deeggartoonni paartichaa seeraan ala hidhamaa jiru jechuun mana hidhaa irraa akka gadi lakkifaman gaafachaa turuun ni yaadatama.

Dhaabbata mirgoota namoomaaf falmu Hiyumaan Raayitis Waach (HRW) gama isaatiin ibsa baatii Adoolessa 2023 keessa baaseen, mootummaan Itoophiyaa hoggantoota olaanoo Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) torba kan ajaja mana murtii malee seeraan ala waggootaaf mana hidhaa garaagaraa keessa turan “hatattamaan” akka gadhiisu gaafateera. AS

Related Articles

Back to top button