ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Raayyaa Ittisa Itoophiyaa haleellaa Al-Shabaab ittisuun barbadeessuu ibse

Finfinnee, Fulbaana 20/2023 – Al-shabaab Somaaliyaa iddoo Roob Diree jedhamutti Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa irratti haleellaa raawwachuuf yaaluus akka hin milkoofne fi tarkaanfii Raayyaan Ittisa Biyyaa fudhateen barbadaa’uu ibsame. Raayyaan Ittisa Itoophiyaa ergaa karaa fuula feesbuukii isaatin dabarseen garee Al-Shabaab barbadeessuu beeksiseera.

Ajajaa Kutaa Waraanaa naannoo Somaaliyaatti bobbaafame kan ta’an Koloneel Fayyisaa Ayyalaa, al-Shabaab konkolaattota dhoo’aa fe’an sadii fi hidhattoota dhoo’aa hidhatan 12, akkasumas miseensota isaa 450 ol bobbaasuus yaaliin isaa osoo hin milkaa’iin barbadaa’eera jedhan. 

Hoggantoota waraana Itioophiyaa Somaaliyaatti buufate keessaa tokko kan ta’an Shaambal Xilaahun Damissee akka jedhanitti, al-Shabaab namoota baay’ee bobbaasuun haleellaa raawwachuuf yaaluus kutaaleen waraanaa lama wal hubannaa uumuudhaan kaayyoon yaadame akka hin milkoofne taasisaniiru jedhan. 

Jalqaba torbee kanaa irratti Al-Shabaab loltoota Itoophiyaa hedduu ajjeesee booji’eera jechuu isaa dhaabbata oduu VOA wabeeffachuun gabaasuun keenya ni yaadatama.

Miidiyaan Raashiyaa Ispuutnik jedhamu marsariitii isaa irratti akka gabaasetti, al-Shabaab loltoota Itoophiyaa 167 ajjeesuu fi namoota haleellaa kana irraa hafan booji’uu ibseera. AS

Related Articles

Leave a Reply

Back to top button