AADAA FI AARTIIAF-GAAFFII
Trending

Af-gaaffii: Dargaggoonni sochii hawwisoo Afran Qalloo waggootaaf addaan citee ture deebisanii haaromsuuf socho’aa jiran maal jedhu?

Geetahun Laggasaatin @Birmaduu2

Finfinnee, Fulbaana 20/2023 – Bara 1954 ALI hundeeffamuun Artistoota gameeyyii Oromoo kanneen akka Alii Birraa, Alii Shabboo, Adam Haruun, Abubakar Mussaa fi kanneen biroo oomishee aadaa, afaanii fi duudhaa Oromoo dhalootaa dhalootatti dabarsuu irratti oolmaa guddaa kan oole hawwisoon Afran Qalloo, miseensonni hangafoonni hawwisichaa hedduun isaanii sababoota garaagaraatiin fagaatanii jiraachuun isaanii dhiibbaan inni barootaaf uume akka addaan citu taasiseera. 

Hawwisoo Afran Qalloo jalatti baandin jalqaba hundeeffame Urjii Bakkalchaa kan jedhamu ture. Baandii kana kan hundeessan Abuubakar Muussaa, Alii Shabboo, Usmaa’iil Muummad fi kanneen biroo wajjiin ta’uun yoo ta’uu, baandiiwwan jahaa hamma torbaa ta’an of jalatti hammata ture. Baandiiwwan kanneen keessaa baandiin Hiriyaa Jaalalaa, Tokkummaa jaalalaa, Jarmanii fi kanneen biroos hundaa’anii ture. Baandiin kunneen Afooshaa Afran Qallootiin hundeeffaman ture. 

Mohaammad Qophee hawwisoo Afran Qalloo keessatti gumaacha guddaa kan qabuu fi yeroo dheeraaf miseensa hawwwisichaa kan ture Addis Standarditti akka himanitti, miseensonni hangfoonni hawwisoo Afran Qalloo hedduun isaanii du’a dabalatee sababoota garaagaraatiin hawwisicha irraa fagaachuu ibsan. Sababoota akka du’a, biyyaa ba’uu, umriin dadhabuu fi kanneen birootiin gumaacha hawwisicha keessatti qaban addaan kutuu himaniiru.

Haa ta’u malee, dargaggoon Oromoo seenaa Afran Qalloo itti fufsiisuuf kutatanii ka’an maqaa kanaan socho’aa jiraachuu obbo Mohaammad himaniiru. Dargaggoonni kunneen yaadannoo hundeeffama waggaa jahaatamaffaa hawisoo kanaa guyyoota dhiyoo keessatti kabajuuf kaayyeeffataniiru. Haaluma kanaan Addis Standard dura taa’aa hawwisoo Afran Qalloo ammaa kan ta’e obbo Kaliifaa Muhaammad wajjiin turtii taasiseen siyaasi biyya keessa ture rakkisaa waan tureen hawwisoo dadhabe kana maqaa isaa tursiisuuf kaayyeeffatanii ka’uu hime. Turtii Addis Standard waliin taasise guutuu isaa akka armaan gadiitti dhiyaateera.  

AS: Sochiin haaromsa hawwisoo Afran Qalloo yoom eegalame?

Kaliifaa: Sochiin Afran Qalloo dhaloota lammataa waggaa 16 dura eegale. Waggaa 16ffaa keenya bara 2015 ALI kabajnee ture. Bara sanaa eegalee hojii muuziqaa hojjachaa turreerra. Dorgommiilee fi dokumeentariiwwan garaagaraaarrattis hirmaachaa turreerra. 

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Godoo xiqqoo hawwisoon Afran Qalloo bara 1962 hojii itti eegale haaromsinee ijaarre jirra. Yeroo dhiyoo keessatti eebbisiisuuf qophaa’aa jirra.  Abbaan Gadaa Afran Qalloo piroojektii kana raawwachisaa jiru.

AS: Caasaa fi hojiin hawwisichaa maal fakkaata?

Kaliifaa: Magaala Dirree Dhawaa ganda Kaziiraa keessaa giddugala leenjii bulchiinsi magaalattii nuuf kenne ni qabna. Magaala Awadaayittiis biiroo haaraa bannee jira. Dirree Dhawaa keessatti araddaalee saglanii fi kilaastara baadiyyaa lama keessaa damee ni qabna. Ayyaanaa fi qophii adda addaa irratti hawwisoon kuni fuldurummaadhaan hirmaachaa jira. Albama dhiyeenya kana Saalihaa Saamii waliin sirba numatu hojjacha jirra. Torbanitti guyyaa afur shaakala ni goona.

AS: Hojiilee hawwisichi hojjachaa jiru maal fa’i?

Kaliifaa: Hawwisichaa hojii aadaa dagaagsuu hojjachaa jira. Baadiyaa keessa deemuun aadaa cidhaa waraabuu, weedduu fi sirboota garaagaraa waraabuu fi barattoota leenjisuu hojjachaa jira. Fakkeenyaaf, waggoota shana darban keessa qofa manneen barnootaa godinoota Harargee fi Yuunivarsitii Dirree Dhawaa keessaa sassaabaman 10,000 ol ta’an leenjifnee  eebbisiisuun waraqaa ragaa kenninee jirra. 

AS: Gosoota leenjii kennaa jirtan isa akkamiiti?

Kaliifaa: Leenjii shaakala gosa adda addaa kan kenninu yoo ta’u isaan keessaa moodeeliingii, shubbisa, tiyaatira, diraamaa gaggabaabaa barreessuu fi taphachuu isaan ijoodha. 

AS: Leenjitoota akkamitti filattu?

Kaliifaa: Manneen barnotaa keessatti ijoollee dandeetttii uumamaa qaban kan akka gumiilee keessatti hirmaatan ilaaluun filanna. Akkasumas Yuunivarsitii Dirree Dhawaatiis miseensota Gumii Afaan Oromoo (GAO) ta’an keessaa kan dandeetti addaa qaban filachuun carraa kana akka argatan taasifna. Akkasumas, Yuunivarsitii Riift Vaaalii fi luusii waliin kan hojjatan ta’uu himaniiru.

Ammaan tana walumaagalatti barattoota 126 leenjisaa jirra. Waggaa darbe dorgommii giiftii tuurizmii biyyaaleessaatiif Afran Qalloo irraa Dirree Dhawaa bakka buutee hirmaattee ture. Moodeeliingiidhaan milkaa’ina guddaa galmeessaa jirra.  

AS: Artiistoota gameeyyii keessaa kan isin gargaaru jira?

Kaliifaa: Walaleessaa beekamaan Ammee Xiqqoo jedhamu walaloo barsiisuu fi qopheessuun nu tajaajila. Amee xiqqoo wallee Raajuu fi Saalihaa faadhaaf walaloo barreesseera. Weellisaa Ahmad Ibrooshee miseensa keenyadha. Kana malees, biyya alaa taa’anii milkaa’ina hawwisoo kanaatiif hojjachaa kan jiran ni jiru. 

Hundeessaan baandii Afran Qalloo keessaa kan ta’e obbo Ismaa’il nu hordofaa jira. Isa wajjiin hariiroo ni qabna. Isaan hamilee nuuf kennaa jiru.

AS: Rakkoolee mudatan?

Kaliifaa: Rakkinni amma dura jiru waggaa saddeet darban sirna mootummaa darbe keessa hidhaa fi dararriin tureera. Hedduun keenya mana hidhaa turre. Amma garuu haalli jiru fooyya’ee jira. Rakkoo biraa meeshaa baandichaaf barbaachisan kan alaa bitamanii ture hamma yoonaatti nu bira hin geenye. Amma booda hawaasa keenya itti birmaachiifne seenaa hangafoota keenyaa ni deebifna jennee karoora qabna.

Rakkoon keessoo inni biraa leenjitoonni keenya sababa adda addaatiin nunbiraa deemuudha. Keessumaa shammaran erga heerumanii booda hirmaannaa qaban ni hir’isu. Kunimmoo rakkoo nutti ta’aa jira. Kanarratti hojjachuu qabna. 

AS: Karoora of duraa qabdan maali?

Kaliifaa: Yeroo gabaabduu keessatti hawwisoo kana baafnee addunyaatti mul’isuu karoorfannee jirra. Afran Qalloo durii amma yaadaan jira malee lafarra akka duriitti hin jiru. Isa sana qabatamaan lafarratti mul’isuu barbaanna. Meeshaalee aadaa Afran Qalloo kan durii sana deebisuu fi dirree Dhawaa dirree bashanannaa taasisuu karooorfanneerra. Industirii aartii jabaa tokko dhaabuuf murteeffannee hojjachaa jirra. Maastar Hasan Hayyimoo Minissootaa irraa hawaasa Oromoo dirmisiisuun nu gargaaraa jira. Sana booda miidiyaa Afran Qalloo gadidhaabuudhaafis karoorfanneerra. Artsiistota aangafoota hawwisichaa dhabaman walitti sassaabuudhaafis yaada qabna. Karaa miidiyaa hawaasaatiin artiistootaa fi hawaasaa qunnamaa fi dammaqsaa jirra. Dammaqinni hawwaasni keenya qabus nama gammachiisa. 

Hundeessaan baandii Afran Qalloo keessaa kan ta’e obbo Ismaa’il nu hordofaa jira. Isa wajjiin hariiroo ni qabna. Isaan hamilee nuuf kennaa jiru. Ni galateeffannaan.

Kaayyoon hawwisichaa keessaa inni ijoon beekamtii fi fudhatama qabu dhaabuuf jirra. Yeroo ammaan tana namni maallaqa  qabu ka’ee sirba barreessee gadhiisa. Karaa kanaan maallaqa omishuuf hojjachaa jiru. Walaloo fi yeedaloon daldala ta’e. hunduu gurgurachuuf hojjata malee qulqullina an hojjachhuf miti. Kana malees rakkoo maallaqaa fi deeggarsi dhabameera. Mootummaan Wayyaanees cabuu hawwisoo fi aadaa Oromoo keessaa harka qabdi. Nuti garuu rakkoo kana furuuf shaakalaa, gulaallii fi leenjiin erga kennameef booda ijoollee shaakalsiisaa jirra. Yeedaloo, walaloo, dhichisaa fi shubbisa garaagaraa shaakalsiisuu irratti xiyyeeffanneera.  Akkasumas, namoonni karaa kanaan gahumsa qaban akka nu gargaaranis dhaamsa dabarfanna. 

AS: Dhaamsa dabarfachuu barbaaddan?

Kaliifaa: Aartiin biyyaaf bu’aa guddaa akka qabu waan beekaniifi miseensonni Afran Qalloo ofii akka iftuutti baqanii ummata kana kan tajaajilan. Hawaasa keenya dammaqsuu irratti aarsaa guddaa kafalameera. Kanaafuu, uummanni Oromoo hawwisoo kana cinaa dhaabbachuun gahee olaanaa akka taphataniin gaafanna. 

Uummatni keenya hundeeffama hawwisoo Afran Qalloo waggaa jahaatamaffaa kabajuuf jirru kana cinaa dhaabbachuun maqaa hawwisoo kanaa deebisee dhaabuu irratti dammaqinaan akka hirmaatu kabajaan gaafanna. AS

Related Articles

Leave a Reply

Back to top button