AADAA FI AARTIIAF-GAAFFII
Trending

Af-gaaffii: Tasfaayeen hojiiwwan isaatin seenaa, qabsoo fi cunqursa Oromoo qalama bareedaan ibse darbe: Guchii Shimallis, barreessaa kitaaba seenaa Tasfaayee Gabra’aab

Naatinaa’eel Fiixeetin @NatieFit

Finfinnee, Amajjii 17/2024 – Barreessitoota hojiiwwan og-barruu isaanii dhimmoota siyaasa fi hawaas-diinagdee biyya tokko namuu itti haasa’u sodaatu tuxxuquun bara jireenya isaanii keessatti ijoo dubbii ta’an keessa tokko Tasfaayee (Gadaa) Gabra’aab. Tasfaayeen ogummaa isaatin gaazexeessaas ture.

Dhaabbata Pireesii Itoophiyaatti hanga hoji gaggeessaa olaanaa ta’ee tajaajiluutti kan ga’ee ture Tasfaayeen, osoo Itoophiyaa jiruu ogummaa gaazexeessummaan cinaatti kitaabota hedduu maxxansiiseera. Tasfaayeen erga hojii gaazexeessummaa dhaabee booda hanga du’aan addunyaa kanarraa boqotutti jireenyasaa guutuu kitaaba barreessuu irratti dabarsuun hanga kitaabota saddeet barreessuu odeessi BBCn kanaan dura waa’ee isaarratti maxxanse ni mul’isa.

Kitaabota inni barreesse keessa hedduu kan isa beeksise fi erga gabaarra oole kaasee hanga ammaattillee wal falmisiisaa kan ta’e kitaaba “Ye Burqaa zimmitaa” jedhudha. Kitaabni asoosamaa kun seenaa harma muraa Anolee irratti kan hundaa’e ta’uun isaa akkuma namoota isa jajan jiranis qeeqa guddaas akka keessummeessu godhe. 

Magaalaa keessatti dhalatee guddate ‘Bishooftuu’ fi uummata Oromoof jaalala addaa akka qabu yeroo garagaraatti kan himu Tasfaayeen sirna moggaasaatiin Oromoomee, maqaan ‘Gadaa’ jedhu kennameefi jira.

Tasfaayee Gabra’aab erga biyyaa bahee booda ji’ootaaf dhukkubsataa kan ture yoo ta’u, magaalaa guddoo Keeniyaa Naayiroobii keessatti wal’aansa fayyaarra osoo jiruu Muddee 25, 2021 umrii waggaa 53tti addunyaa kanarraa du’aan boqochuu ni yaadatama.

Haata’u malee, tibbana kitaabni seenaa isaarratti xiyyeeffatu “Ye Ada’aaw Xuquur Afar” maxxanfamee gabaarra ooluu hordofee dhimmi isaa akka haaraatti dubbii ijoo akka ta’u taasiseera. Kanneen seenaan isaa bifa kitaabaan qophaa’u akka gaariitti fudhatan haguma jiranitti, warreen “namni kun seenaan isaa barreeffamu hin qabu” jedhanis mul’ataniiru. 

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Barreessaan kitaabichaa kan ta’e Tasfaayee (Guchii) Shimallis, abbaa mucaa tokko, dargaggeessa umurii dhuma digdamoota keessa argamu yoo ta’u, godina Baalee aanaa Gaasaraa keessaa ganda Cifaaroo jedhamtu keessa dhalatee aanaa Gindhir keessa guddate. Maqaan isaa nama seenaa isaa barreesseef waliin tokko ta’uus, maqaa akkoon isaa baasteef “Guchii” jedhuun waamamu filata. “Bakka namootni baay’atanii argamanitti irra deddeebi’amee yoon waamame malee hin owwadhu,” jedha.

Barreessitoota biyya keessarraa Ba’aaluu Girmaa, Birhaanuu Zarihuun, Addaam Rattaa fi Tasfaayee Gabra’aab; biyya alaarraa ammoo Chekoov, Maark Tween, Harmaan Hees akka dinqisiifatu kan himu Guchiin, kanaan dura kitaaba “Abool” jedhamu, isa dabalatee barreessitoota angafaa fi ol adeemoo 17 hirmaachise qopheessuu hima. Hojii kanaafis ka’umsa kan isaaf ta’e, hojii “Iffitaa” jedhamu kan Tasfaayee Gabra’aab qopheesse ta’uu eera.

Guchii Shimallis turtii Addis Standard waliin taasiseen, dhalootni seenaa Tasfaayee irraa waa baratu akka jiru amanuun akka qopheesse hima. Kitaabichis Eertiraa dabalatee gara naannolee Tasfaayeen hojiilee isaa keessatti kaase imaluufi qorannoo bal’aa gaggeessuun kan qophaa’e ta’uu ibseera. 

Guchiin waa’ee hojiiwwan Tasfaayee Gabra’aab uummata Oromoofi guddina og-barruu Afaan Amaaraaf gumaache fi qeeqa irratti ka’u, jaalala Tasfaayeef Bishooftuuf qabu dabalatee haalota kitaabichi itti barraa’e ilaalchisee turtii bal’aa waliin gooneerra. Itti dhiyaadhaa! 

Addis Standard: Waa’ee Tasfayee Gabra’aab [jaalala Bishooftuuf qabu, dandeettii og-barruu inni qabu…], akkasumas hojiiwwan isaa akkamiin akka hubatte nutti himi.

Tasfaayee (Guchii) Shimallis: Kitaabota Tasfaayee Gabra’aab barreesse kanaan dura dubbise kan beeku ta’uus, taatee sirritti yaadadhu tokkoon barreeffamoota isaatin booji’ame. Kitaaba “Ye deraasiiw maastaawashaa ykn yaadannoo barreessichaa” jedhu keessatti seenessa “kitaaba hin barreeffamne” jedhu yeroon dubbisu miira addaa tokko natti dhagahame ture. Sana booda barreeffamtoota isaa hedduu dubbiseera. 

Tasfaayeen akkuma nama falmisiisaa ta’een barreessaa cimaa ture. Qalama isaatin bareedina addaa uumu danda’a. Hojiilee isaa dubbisuu eegalanii dhaabuun hin danda’amu. 

Bishooftuuf jaalala addaa qaba ture. Hojiilee isaa keessatti Bishooftuun adda durummaan mul’atti. Alfaa fi omeegaa qalama isaa, weedduu onnee isaa, waalumaa galatti waa hundaa isaati. Akkuma Kaahlil Jibraan Libaanoos kaase hin qufne, Tasfaayeenis Bishooftuuf weeddiseera.

Hojiiwwan isaa hundi nama og-barruu jaalatu hundaan ni jaalatamu jedhe amana. Hojiiwwan isaa muraasa kan falmsiisan ta’anis, akkaataan itti barreeffaman akka dubbifaman nama dirqisiisu. 

AS: Kitaaba seenaa Tasfaayee irratti barreessuuf maaltu si kakaase? 

Guchii: Taatee kitaaba “Ye Ada’aaw Xuquur Afar / Biyyoo Gurraacha Ada’aa” jedhu akkan barreessuuf na dhiibe jalqaba kitaabicha irratti kaa’eera. Gabaabumatti Tasfaayeen erga boqote baatii lama booda obboleessa isaa Bishooftuu jiraatu bira deemeen haala rifaasisaa tokko inni natti hime kitaaba kanaaf ka’umsa naaf ta’eera. 

AS: Mata duree kitaabichaa akkamiin filatte? Maaliif “Ye Ada’aaw Xuquur Afar” jetteen? 

Guchii: Mata duree kitaabicha kanin filadhe, tokkoffaa Tasfaayeen mataasaa akkana jedhee of ibsu waan filatuufi. Tasfaayeen kitaaba isaarratti irra deddeebi’e ibsuus, yeroo jalqabaaf “ani biyyoo gurraacha Ada’aati” kan jedhe af-gaaffii Yaareed Xibabuu waliin taasise irrattidha. Gama biraatiin, namootni dhiibbaa naannoo itti guddatan jala waan ta’aniifi. Gama kanaan, Tasfaayeen amaloota naannoo itti guddaterraa fudhate hedduu jiru. 

Kitaaba seenaa Tasfaayee Gabra’aab irratti xiyyeeffate barreefame

AS: Qabiyyeen kitaabichaa maal fakkaata? 

Guchii: Kitaabni kun seena Tasfaayee Gabra’aab irratti kan xiinxalu ta’uus, og-barruu, seenaa, dhimmoota hawaasummaa fi siyaasaa keessatti ka’aniiru. Kataabichi boqonnaawwan 18n kan gabbifame yoo ta’u, fuula 360 qaba. Kitaaba kana keessatti waa’ee nama Itoophiyaa keessatti jaarraa kurmaana tokkoof ijoo dubbii ture [Tasfaayee Gabra’aab] bal’inaan ibsuuf yaalameera. 

Akkuma beekamu Tasfaayeen barreessaa dhimmoota seenaa fi hawaas-diinagdee baay’ee falmsiisaa ta’an kaasedha. Dhimmoota kana inni yoo kaasu, bu’aawwan dubbisaa faallaa ta’an mul’isan. Kitaaba kanaan hibboowwan akkanaa hiikamaniiru.

AS: Maddeen adeemsa kitaaba kana qopheessu irratti fayyadamte maal fa’i? 

Guchii: Kitaabichi Eertiraa dabalatee gara naannolee Tasfaayeen hojiilee isaa keessatti kaase imaluufi qorannoo bal’aa gaggeessuun qophaa’e. Kitaabota fi sanadoota garagaraa wabeeffachuu koo dabalataan maatiisaa, gaazexeessitoota duraanii fi aanga’oota dubbisuun waggaa tokko fi ji’a torba natti fudhatee qopheesse. Keessattuu burjaajii iddoo dhaloota isaa waliin walqabate mul’atu kitaaba kanaan ifatti furameera. Kitaabicha irratti suuraawwan dabalatee ragaawwan Tasfaayeen Bishooftuu dhalachusaa mirkaneessan kaa’eera. Bara sana footoo shoppiin jira yoo jedhame malee (kolfa). Kun kanaan osoo jiru Tasfaayeen Eertiraa dhalate yoo jedhamellee waan jijjiiru hin jiru. 

AS: Akkuma beekamu Tasfaayeen nama falmsiisaadha jechuu ni danda’ama. Gariin isa jaalata, gariin ammoo garmalee isa jibba. Miira faallaa kunneen akkamiin madaalta?

Guchii: Silaa namoota Tasfaayee dinqisiifatan akkuma jiranitti ta’ee warreen isa jibbanii fi qeeqan jiraachuun isaanii hin oolle. Keessattuu kitaabni “Ye Burqaa Zimmitaa” jedhu ijoo dubbii ta’uu isaarra darbee, gama tokkoon akka nama mudaa seenaa isaanii barreessuun oolmaa isaaniif oole, gama biraan ammoo akka saboota gurguddaa lama [Amaaraa fi Oromoo] walitti buusuuf barreessetti warreen ilaalan jiru. 

Kitaaba seenaa isaarratti xiyyeeffatu kana qopheessuuf qorannoo wayitan gaggeessu garuu kitaabni “Ye Burqaa Zimmitaa” jedhu hagana ijoo kan ta’e dubbifamee osoo hin taane jette jetteedhaan akka ta’e hubadheera. Ani akka kootti kitaabicha dubbisu, ifatti irratti mari’achuu fi qeequ qabna jedheen amana. Kitaaba koo ammaa keessa kana godheera. Hojiilee isaa falmisiisaa ta’an irratti mari’achuuf haala mijatu uumeera. Sababa gahaa qabaatanii qeequus ta’e jajuun ni danda’ama. Qabiyyeewwan Tasfaayeen hojiilee isaatin kaase odeeffannoo fi ragaan deeggaramanii qeequs ta’e jajuun nurraa eegama jedheen amana. Ani karaa kana jalqabeera. 

AS: Gumaacha Tasfaayeen uummata Oromoof oole maal fa’i?

Guchii: Tasfaayeen hasaawa Oromoo keessa dhalate guddachuun isaa carraa aadaa, duudhaa, amantaa, seera fi akkaataa jireenya hawaasichaan faayamu isaaf uumeera. Barreeffamoota isaa keessas mallattoowwan hawaasa tokko akka armaan olii ibse kaaseera. Gama kanaan, Tasfaayeen barreeffamoota seenaa, qabsoo, cunqursaafi injifannoo Oromoo of keessatti hammatan hedduu barreesseera. Kanaanis, akkaataa aadaa uummata Oromootin moggaasaan “Gadaa” jedhamuun Oromoo ta’eera. Garuu inni “jalqabumaa ani Oromoo ture” jedha.

AS: Yeroo inni waggaa lama dura boqotu namootni miira gammachuu agarsiisan mul’atanii turan. Dhuguma Tasfaayeen nama jibba hagana isaaf maluudha jette yaaddaa? 

Guchii: Boqochusaa hordofee namootni xiqqoo hin jedhamne haala aadaa fi duudhaa Itoophiyaarra baheen “baga du’e” yeroo jedhan dhagahameera. Gama kootin jechama “namni du’e hin qeeqamu” jedhuun hin badaa amanu. Namni kamuu haga gaarii hojjeteen jajamu, haga balleesseen ammoo qeeqamu akka qabu nan amana. Haaluma kanaan Tasfaayeen hanga “baga du’e” jedhamutti balleesseeraayi kan jedhu ilaalamu qaba. Kitaaba seenaa isaarratti xiyyeeffatu kana qopheessuufis kan na kakaase isuma kana qulqulleessuufi. 

AS: Oolmaa inni guddina og-barruu Afaan Amaaraaf gumaache akkamiin ibsama?

Guchii: Tasfaayeen og-barruu Afaan Amaaraaf oolmaa guddaa ooleera. Kitaaba maxxansa shaniin qophaa’e “Iffitaa” jedhamu adda durummaan kaasu dandeenya. Kitaabni kun seenessawwan 300 ol fi hojiiwwan barreessitoota angafaafi ol adeemoo 100 ol kan of keessatti qabateedha. Abbaan yaada hojii kanaas ta’e barreeffamoota kunneen sassaabee maxxansiisaa kan ture Tasfaayeedha. Kitaabota mata duree “Dhaloota Gaarota Raasan” jedhuun maxxansa sadiin dhiyaatanis miira fi xiin-sammuu hawaasummaa yeroos ture agarsiisu. 

Kana malees, akkaataan inni asoosamoota seenaa tokkorraa hundeeffaman barreessu og-barruu Afaan Amaaraaf bareedina uumeera. Barreessitoota ol adeemoo hedduuf fakkeenya ta’uu, og-barruu afaan Amaaraatti lubbuu horuu fi dhimma siyaasa irratti kitaaba dubbifamu barreessu akka danda’amu agarsiisu irratti qooda guddaa qaba. Hojiisaa isa kanatu maqaa “nama og-barruu fi siyaasa cidha ho’aan fuusise” jedhu isa kennisiise. 

AS: Namootni kitaaba kana erga dubbisani booda barnoota akkamii akka fudhatan barbaadda? 

Guchii: Namootni kitaaba “Ye Ada’aaw Xuquur Afar” jedhu kana dubbisuun jireenya Tasfaayee Gabra’aab irraa dhimma itti amananiif fageenya deemamu, cichoomina kaayyoo, waan jaalatamiif kennamu, hundaa ol jireenya Tasfaayee bu’aa ba’iin guutame irraa waa heddu akka baratan nan amana. 

Egaa, namni tokko jireenyi isaa waan gaariin qofa kan guutame miti. Faayidaan kitaabilee akkanaas namni balleessaa nama sanirraa akka baratu taasisuufi. Giddugalli kitaabichaa Tasfaayee haata’u malee, seenaa, xiin-sammuu, dhimma hawaasummaa fi siyaasa bal’inaan ka’eera. Kanaaf, namni dubbise bu’aa ba’ii jireenya Tasfaayee keessa fakkii yeroo fi baraa itti hubatu jedheen amana. 

AS: Dhumarratti, waa’ee Tasfaayee waan dabalachuu barbaaddu jira? 

Guchii: Tasfaayeen waan itti amane barreessee darbeera. Calalanii dubbisuun gahee keenyadha. Kitaabni kunis haga danda’ame giddu galeessa ta’ame qophaa’e. Tasfaayeen kitaabota isaa darban haala akkamii keessa taa’ee akka qopheesse fi sababoota barreessuuf isa kakaasan miira bara sanaa waliin wal simsiiseen barreesse. Dhumarratti dubbisaa, qeeqaa, irratti mari’adhaa jechuun barbaada. AS

Related Articles

Back to top button