ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Xiyyaarri Itoophiyaa gara Hargeessaa balali’aa ture mootummaa Somaaliyaatiin dhorkamuun gara Finfinnee deebi’uu gabaafame

Finfinnee, Amajjii 17, 2024 – Xiyyaarri Itoophiyaa ganama har’aa gara magaala guddoo Somaaliilaand Hargeessaa balali’aa ture mootummaa Somliaayaatiin dhoorkamuun gara Finfinnee deebi’uu hojigaggeessaan daandii Qilleensa Itoophiyaa Masfin Xaasoo wabeeffachuun BBC’n gabaaase.

Akka Masfin BBC’tti himetti, xiyyaarri gara Hargeessaa balali’aa ture kuni  “Somaaliyaarraa eeyyama hin qabu” sababa jedhuun gara Finfinnee deebi’uu ibseera.

“xiyyaarri gara gara Hargeessaa balali’aa ture deebi’eera. Sababnisaa erga xiyyaarichi balali’uu eegalee booda Somaaliyaan nuti eeyyama hin kennine gaafiin jedhu waan ka’eefi,’ jechuun Masfin dubbateera.

Marsarii Flaayt Raayd (Flight Ride) jedhamu akka agarsiisutti ganama har’aa balalliin lama gara Somaaliyaa taasifamaniiru. Balalliin idilee lakk 372 ET ganama sa’aatii shanitti Hargeessaa galuu mul’iseera.

Haa ta’u malee, balalliin lakkoofsa 8372 ta’e xiyyaarri Dihaavilaand-400 jedhamu  ganama sa’aatii 02:30 Finfinneedhaa ka’ee gara Hargeessaa balali’aa ture akkuma magaala Jigjigaa gaheen ofirra garagalee naannoo 4:30’tti Finfinnee qubateera.

Humni Qilleensaa Somaaliyaa ibsa baaseen, xiyyaarri Itoophiyaa lakkoofsa balalii 8372 qabu eeyyama waan hin qabneef Hargeessaatti akka hin qubanne dhoorkamuu addeesseera.

Waliigaltee ulaa Galaanaa Itoophiyaafi Somaaliilaand gidduutti mallattaa’e hordofuun, mootummaan Somaaliyaa ibsa baaseen, waliigalteen kuni tokkummaafi birmadummaa biyyattiirratti dhiibbaa kan uumuu waan ta’eef fudhatama hin qabu jedhee ture. Waliigaltee kaan hordofuun biyyoota lamaan gidduutti waldhabdee guddachaa dhufuun gabaafameera. AS

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Related Articles

Back to top button