ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Anga’oonni mootummaa labsii yeroo muddamaa fayyadamuun mormii karaa nagaa ukkaamsuu dhaabuu qabu: Amnastii Intarnaashinaal 

Finfinnee, Guraandhala 20/2024 – Aanga’oonni mootummaa Itoophiyaa labsii yeroo muddamaa fayyadamuun namoota siyaasaa fi gaazexeessitoota beekamoo karaa nagaan mootummaa irratti qeeqa dhageessisanii fi morman seeraan ala to’annoo jala oolchaa akka jiran dhaabbatni falmaa mirgoota namoomaa kan ta’e Amnastii Intarnaashinaal ibsa baaseen beeksiseera.

Labsiin Yeroo Muddamaa ragga’uun isaa ji’oota jahan darban keessatti aanga’oonni mootummaa ajaja mana murtii malee shakkamtoota to’annoo jala oolchuu, sochii daangeessuu, mirga bilisaan socho’uu daangeessuu fi mirga walga’uu dhorkuu akka danda’an taasisuu ibseera.

“Mootummaan Itoophiyaa akkuma baroota darbanitti sababa labsii yeroo muddamaatin mirga namoomaa bu’uuraa daangeessuu dhaabuu qaba,” kan jedhe ibsi Amnastii Intarnaashinaal kun, itti dabaluun waldhabdee hidhannoo naannoo Amaaraa, rakkoo gargaarsa namoomaa naannoo Tigraay, rakkoo nageenyaa naannoo Oromiyaa keessatti mudatan biyyattii balaadhaaf saaxilaniiru jedhe.

Dheereffamuun Labsii Yeroo Muddamaa gaazexaa biyyattii Nagaarit irratti kan hin maxxanfamne kan jedhe Amnastiin, kunis iftoomina kan hin qabne, mirga odeeffannoo argachuu kan sarbe fi qajeeltoowwan seeraa kan hin hordofne ta’uu argarsiisa jedheera. Dabaluunis, lammiileen gochoonni kamii fi eessatti labsichaan isaa gaafachiisu akka danda’u odeeffannoo akka hin qabne taasiseera jechuun qeeqe. 

Namoonni siyaasaa bebbeekamoo shanii fi gaazexeessitoonni sadii himannaa malee mana hidhaa akka jiran maatii isaanii irraa akka hubate kan eere Amnastiin, labsichi hojiirra oolaa erga jelqabe kaasee Finfinnee fi naannoo Amaaraatti namoonni heddumminaan hidhamaa akka jiran ibseera.

Aanga’oonni mootummaa Itoophiyaa lammiilee biyyattii jumlaan hidhuu akka dhaaban, seera biyyattii fi tumaalee mirga namoomaa idil-addunyaa akka kabajan, namoota siyaasaa fi gaazexeessitoota dabalatee namoota labsii yeroo muddamaa jalatti hidhaman himatni irratti banamuu ykn gadhiifamuu akka qaban hubachiiseera. AS

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Related Articles

Back to top button