GULAALLISIYAASA
Trending

Gulaallii: Mariin Biyyoolessaa qooda fudhattoota ijoo hidhannoo fi karaa nagaan socho’an hin hirmaachisne bu’aa buusuu hin danda’u

Finfinnee, Bitootessa 01/2024 – Itoophiyaan marii biyyoolessaa jalqabuuf qophii barbaachisu godhamuu qabu goolabuutti jirti. Ji’oota booda mariin biyyoolessaa rakkoolee wal-xaxaa siyaasaa-dinagdee fi hawaasummaa biyyattii furuun, waliigaltee biyyoolessaa fiidu danda’a jedhamee abdatame eegaaluuf jira.

Gaafa Muddee 29 bara 2021, manni maree bakka bu’oota ummataa labsii lakkoofsa 1265/2014 Komiishiniin Marii Biyyoolessaa ittiin ijaarame ragaasise. Itti aansuunis Guraandhala 21 bara 2022 komiishinaroonni 11 muudaman.

Koomishiniin Marii Biyyoolessaa kun akkuma ijaarameen dhabbilee siyaasaa mormituu irraa mormii jabaa fi fudhatama dhabuun isa mudatee ture. Manni Maree paartilee siyaasaa Itoophiyaa  kan dhaabbilee siyaasaa seera biyyattiin galma’ani socho’an 53 ta’an of keessatti hammate, yeroof adeemsi marii biyyoolessaa eegalame dhaabbatee, haqumma fi hunda hirmaachisummaan isaa akkasumas iftoominni adeemsichaa akka of duubaa deebi’amee ilaalamu gaafatees ture.

Yeroo sanaa, Addis Standard, barreeffama gulaallii (editorial) Caamsaa 2022 barruu maxxansaa isaa kan ji’a ji’aan maxxanfamu irratti baaseen, wixinee labsii marii biyyoolessaa qopheessuu fi komiishinaroota muuduu dabalatee adeemsi marii biyyoolessaa kan paartiin biyya bulchuun taliigamu yoo xiqqaate sababoota lamaaf fudhatama argachuu akka hin dandeenye falmee ture, yeroo fi fudhatamummaa.

Yeroo: Yeroon sirrii fi mijaata silaa mariin biyyoolessaa itti eegaluun irra ture bara 2018 osoo gama tokkoon Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) fi gama biraan immoo Mootummaa Federaalaa Itoophiyaa fi kan naannoo Oromiyaa gidduuttiwaraanni hin jalqabamiin ture. Ergasii, Itoophiyaa keessatti wal waraansi fi waldhabdeen  hedduun sababa siyaasaa boodatti hafa ta’een dhalatu hammaateera. Adeemsa siyaasaa boodatti hafaa kanaaf  waraansi-waliinii naannoo Tigraayitti bara 2020 muudate agarsiiftuudha. Yeroo ammaa kanaatti Itoophiyaan wal waraansa ciima kutaa biyyaatti hedduu keessatti gaggefamaa jiruun goolamaa jirti. Kutaalee biyyatti Kaaba kaasee hanga kibbaatti, Bahaa kaasee hanga Dhiyaatti waraanni adeema jira. Kanaafuu waanti hatatamaan barbaachisu adeemsa waraana dhaabuu qaama hunda hirmaachisee kan wal waraansaa kutaalee biyyatti hedduu keessatti hidhattoota mootummaa fi kan mootummaa hin ta’iin jidduutti adeemisfama jiru iggitudha. Itti aansuun, waliigaltee dhukaaasa dhaabuu mallateessuu fi marii siyaasaa haqa qabeessa gochun barbaachisaadha.

Fudhatamummaa: Mariiwwan Biyyoolessaa milkaa’oo addunyaa irratti gaggeffaman yoo ilaallu kan qaama sadaffaa fi bilisa ta’een qindaa’anidha. Addunyaa irratti mariin biyyoolessaa qaama biyya bulchu kan rakkoolee mariin biyyoolessaa akka furu yaadamu keessaa qooda qabuun qindaa’ee milkaa’e hin jiru, wixinee labsii qopheessuu fi komiishinaroota ofiin filachuun haa hafuutii. Kunis ta’ee, paartileen mormitootaa fi qooda fudhattoonni ijoon biroo adeemsi wixinee labsii qopheessuu fi komiishinaroota filachuu iftoomina akka qabaatu gaafatan malee guutummaa guutuutti kufaa hin goone, gochuu garuu ni danda’u ture.

Har’a, waggoota lama booda, wayita Koomishiniin Marii Biyyoolessaa naannoolee Amaaraa fi Tigraayiin alatti qaamoota maricha irratti hirmaatan adda baasuu raawwachuu fi gara gulantaa ajandaa funaanuutti ce’uu isaa himaa jirutti, yaaddoowwan ijoo kun lameen furmaata hin arganne.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Waraanni naannoo Tigraay waliigaltee Adoolessa 2022tti godhameen dhaabaatuus waraanni biraa naannoo Amaaraa keessatti jalqabeera. Lola naannoo Oromiyaa keessatti uumame mariidhaan xumuruuf yaaliin godhame hin milkoofne, inumaa waraanichi jabaatee itti fufeera.

Komishiniin Marii Biyyoolessaa gareewwan hidhatanii mootummaa waliin lola irra jiran marii keessatti hammachiisuuf fedhii qabaachuu isaa ibsuus, tarkaanfii qabatamaa isaan hirmaachisuuf godhe garuu hin jiru akkasumas hirmaannaa isaanii mirkaneessuuf karoora ifaatti lafa kaayyate hin qabu. Akka af-gaaffiin komiishinariin komiishinichaa tokko gaazexaa biyya keessaa tokko waliin taasisan akeekutti yoo ta’e, komiishinichi gareen hidhatanii socho’an ofii isaaniin, otuma mootummaa waliin wal-waraanaa jiranii gara marichaa dhufuu malu jedhee abdiin eegaa jira.

Gama kaaniin, gaaffii fudhatamummaa jalqaba irratti komiishinicha irratti ka’aa ture ilaalchisee wayita ammaa paartilee mormitoota biyyattii 63 keessaa 40 ol komishinicha waliin hojjechaa jiraachuu eeruun komishinichi fudhatamummaa horachuu akka milkaa’inaatti eera. Haa ta’u malee, fakkeenyaaf naannoo Oromiyaa keessatti, paartileen siyaasaa naannicha keessatti dhiibbaa guddaa uumuu danda’an lamaan kanneen akka Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)  fi Kongireesii Federaalistii Oromoo (KFO) hanga ammaatti adeemsa kana keessatti qooda fudhachuuf fedhii hin qaban. Kun immoo fudhatamummaa komishinichaa irraa gaaffii waan qabaniifi. Mariin biyyoolessaa paartilee kannneen lamaan fi garee hidhate naannoo Oromiyaa keessaa socho’u Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) hin hirmaachifne naannoo Oromiyaa qofa osoo hin taane akka biyyaattis bu’aa guddaa argamsiisuu akka hin dandeenye waan ifa jirudha. Dabalataanis, garee Faannoo jedhamu hidhatee naannoo Amaaraa keessatti Mootummaa Federaalaa waliin waraana irraa jiruu hirmaachisuu dhabuun marii biyyoolessaa kana bu’aa kan hin buusne taasisa.

Hirmaannaa naannoo Tigiraay yoo fudhannes, komishiniin itti waamamni isaa paarlaamaa bakka bu’aa naannoo Tigraay tokkollee of keessaa hin qabneef ta’e, hirmaannaa naannoo Tigraay ilaalchisee wabiin qabu aanga’oonni naannichaa afaaniin ni hirmaanna jechuu isaanii qofa.

Akka Dhaabbata Biyyoota gamtoomaniitti hirmaannaan beektota siyaasaa, hawaasummaa fi dinagdee (elites) kan hawaasa kaan caalaa humna dhiibbaa uumuu olaanaa qabanii, addatti mariin biyyoolessaa akka milkaa’uufis ta’e akka fashalu gochuu ni danda’a.

Kana jechuun, hirmaannaan hiikaa qabuu beektota hirmaachisee hin jiruu taanan cochoominni komiishinarootaas ta’e, hojiin gaariin komishinichi gama hirmaattota qaama hawaasaa ta’an adda baasuu fi ajandaa walitti qabuun hojjete duwwaan milkaa’ina marii biyyoolessaaf wabii ta’uu hin danda’u.

Kana jechuun garuu sirreessuuf yeroon hin jiru jechuu miti. Waraanni naannoo Oromiyaafi Amaaraa keessatti adeemisfama jiru yeroofillee ta’u akka dhaabbatuuf hojimaatni sirriin lafa kaa’amee, gareelee hidhatanii socho’an qofa osoo hin taanee kanneen karaa nagaa qabsaa’anii fi qooda fudhattoonni ijoo kanneen biroos akka hirmaatan gochuun bu’a qabeessummaa marii biyyoolessaa kana baraaruun ni danda’ama. AS

Related Articles

Back to top button