ODUUSIYAASA

Oduu: Bulchiinsi Yeroo Tigraay himannaa Humna Saffisaa Sudaan ABUT irratti dhiyeesse kufaa taasise

Finfinnee, Caamsaa 07/2024 – Janaraal Mohaammad Hamdaan Dagaaloon kan durfamu Humni Saffisaa Sudaan (RSF), humnoonni Adda Bilisummaa Uummata Tigraay (ABUT) Waraana Idilee Sudaan Janaraal Abdulfattaah Al-Burhaanin durfamu waliin hiriiruun waraana Sudaan keessatti hirmaachaa jiru jechuun himannaa dhiyeesse bulchiinsi yeroo Tigraay kufaa taasise. 

Humni Saffisaa Sudaan ibsa tibbana baaseen “Waraanni Idilee Sudaan loltoota biyya alaa bobbaasuun lolaa akka jiru miidiyaalee idil addunyaan mirkanaa’eera” jechuun, loltoota biyya alaa kanneen keessaa humnoonni ABUT akka argaman ragaa qabaachuu ibse.

Dhimmicha irratti ibsa kan baase Bulchiinsi Yeroo Tigraay, himannaan Humna Saffisaa Sudaan “bu’uura hin qabu” jechuun kuffiseera. “Humni Saffisaa Sudaan deeggarsa idil addunyaa argachuuf jecha himannaa kana dhiyeesse,” jedhe. 

“Hunda caalaa ABUT dhaaba siyaasaadha malee humna hidhate hin qabdu” kan jedhe Bulchiinsa Yeroo Tigraay, “milishaas ta’e humna hidhate kan biraa hin qabu” jedhe.

Uummatni Tigraay fi Sudaan hariiroo baroota hedduu lakkoofsise akka qaban kan eere ibsichi, sababa waraana Tigraayitti gaggeeffameen uummatni Lixa Tigraay gara Sudaanitti yeroo dheessan uummata fi mootummaa Sudaan irraa deeggarsa argachuu isaanii yaadachiiseera. 

“Giddu seentummaa qaama alaa badii geessisu uummata Tigraay caala kan beeku hin jiru. Sababa kanaan, wal waraansa Sudaan keessatti gaggeeffamaa jiru keessa seenuun haala jiru hammeessuu hin barbaannu” jedhe.

Kana maleea, humnoota Sudaan keessatti wal waraanaa jiranis haalota walitti bu’iinsa hammeessan uumuurraa akka of qusatan dhaameera. AS

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Related Articles

Back to top button